21/10/2022
Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Nagaan Xumuramuusaa Ilaalchisee Hog/ Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo Gammachuu Qaban Ibsan.
================================
Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Fulbaana 30/2015 hanga guyyaa har'aa Onkololeessa 11/2015 tti Yunivarsiitiiwwan keessatti kennamaa ture nagaafi naamusa gaariin xumuramuusaa hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo gammachuun olaanan isaanitti dhagahamuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa kun nagaafi naamusa gaariin akka xumuramu gahee isaanii haala boonsaa ta'een kan bahan maatiin barattootaa, barattootni keenya, hoggantootni godinaalee, aanaalee, Magaalotaa. manneen barnootaa, qaamotni nageenyaa, Abbaan Taayitaa geejjibaa, Komishiinii Polisii Oromiyaa, konkolaachiftootnifi qaamotni dhimma barattootaa keenyaa irratti hirmaattan hundi galata guddaa akka qaban Dr. Tolaan ibsaniiru.
Hog/ BBO Dr. Tolaa Bariisoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Yunivarsiitiiwwan haala adda ta'een galateeffataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galma gahuu qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa kana haala adda ta'een 'Task Force' qindeessuun sadarkaa naannoorraa kaasee hanga mana barnootaatti diriirsuun barattootni keenya nagaafi tasgabbiin akka geejjibaman gochuudhaan abbummaadhaan waan hordofaa tureef galata guddaa qabdu jedhanii jiru.
Yunivarsiitiiwwan Naannoo keenyatti argaman hundi barattoota keenya akka maatiitti simachuu irraa eegalee nyaata, bakka ciisichaa, mana yaalaa sa'aatii 24 banaa gochuun fayyaa isaanii eeguufi akka tasgabbaa'anii qorumsa fudhatam gorsuun xumursiisanii gara maatii isaanii waan geggeessitaniif galanni keessan olaanaadha jedhaniiru.
Walumaagalatti, hojjattootni Biiroo Barnootaa Oromiyaa hundi, keessattuu barattootni keenya akka Yunvarsiitiiwwan Naannoo keenyaa keessatti ramadaman gochuuf halkaniifi guyyaa ramaddii hojjataa turtaniifi Yunvarsiitiiwwan barattootn keenya itti ramadaman deemtanii halkaniifi guyyaa haala mijeessaa turtan galateeffatanii jiru.
"Walii galan; Alaa galan!" jedhan Dr. Tolaa Bariisoo.
Kanaafuu, tokkummaan walii galteen waan hojjanneef injifannoo arganneef,
Irra deebi'anii Baga Gammadne! Baga Gammaddan jedhuudhaan ibsa isaanii xumuraniiru.
Dhumarratti, Barnootaafi Barattootni Naannoo keenyaa kanneen rakkoo garaagaraatiin qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa otuu hin fudhatin hafatan yeroo dhihoo keessatti qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa marsaa lammaffaan waan qoratamtaniif qo'annaa akka wal irraa hin kunne hubachiisaniiru. Haaluma wal fakkaatuun Manni Barnootaafi barsiisotni manneen barnootaa san keessatti argamanis barattootaaf deeggarsi godhamuu akka hin dhaabbannee dhaamsa dabarsaniiru.