Kominikeeshinii Kutaa Magaala Lidataa

Kominikeeshinii Kutaa Magaala Lidataa Peace

🌼𝐁𝐈𝐑𝐑𝐀𝐀𝐍 𝐌𝐀𝐋𝐋𝐀𝐓𝐓𝐎𝐎 𝐈𝐅𝐀𝐀𝐓𝐈,     𝐁𝐀𝐆𝐀 𝐈𝐅𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐍! 🌼Umama Uumaa:- Waqtii Bonaafi Ganni, Gannaafi Birraan halkaniifi guyy...
09/09/2026

🌼𝐁𝐈𝐑𝐑𝐀𝐀𝐍 𝐌𝐀𝐋𝐋𝐀𝐓𝐓𝐎𝐎 𝐈𝐅𝐀𝐀𝐓𝐈,
𝐁𝐀𝐆𝐀 𝐈𝐅𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐍! 🌼
Umama Uumaa:- Waqtii Bonaafi Ganni, Gannaafi Birraan halkaniifi guyyaan yeroosaanii eeganii itti waljijjiiran caalaa wanti raajeffatamu hin jiru. Kanumaafi Oromoon hoggaa Birraan bari’u, “Baga bacaqii gannaarraa booqaa Birraa, ifatti baatan” jedhee kan wal eebbisuufi.

Birraa Birraa Shamarran/ijoollee durbaa sirbuuf ollaafi firoottan isaanirra “Aseesaa Gofareen gootaa…” jechaa naanna’an. Haawwan keenya, “Hogga hoggaan isin haa ga’u, kan baraan isin ga’e egeereen isin haa ga’u, fuula ifaa mataa dhadhaa, daraaraan sifa, Birraan suga, xixinnaan guddadhaa, gurguddoon heerumaa” jedhanii eebbisu.

Bifuma walfakkaatuun Dargaggoonnis “Goobee… Goobewoo…” jedhanii waan aadaa abbootasaanii irraa dhaalaniin dhichisanii sirbu.

Kun agarsiiftuu dukkanarraa ifatti, booruu galaanaa taliilatti, abdii haaraatti fuula ifaan ce’uuti. Dhoqeen qooree, firri gamaa gamanaa walitti marmaaru, kan gaarreen habaaboo keelloon faayamu, ceetoo waan itti ifaajan asheeta nyaachuuf qophaa’an, hawwii fi abdii ifatti ba’uu agarsiisa.

Ummata keenya biyya keessaafi addunyaa maratti argamatan hundi irra deebiin baga bacaqii gannaarraa booqaa Birraa ifatti baatan!

🌿🌼🌼🌼🌼🌼🌿

Sabbonummaa bo’uu irratti hundaa’e hin barbaadnu- MM Dooktar Abiy Ahimad.
08/08/2026

Sabbonummaa bo’uu irratti hundaa’e hin barbaadnu- MM Dooktar Abiy Ahimad.

Warri Oromoon abbaa dabareeti jedhanis warri Oromoon waan isaaf malu hin arganne jedhanis yaada siyaasaa gahaa hin qaban...
08/08/2026

Warri Oromoon abbaa dabareeti jedhanis warri Oromoon waan isaaf malu hin arganne jedhanis yaada siyaasaa gahaa hin qaban- Dooktar Abiy Ahimad

Warri Oromoon abbaa dabareeti jedhanis warri Oromoon waan isaaf malu hin arganne jedhanis yaada siyaasaa gahaa hin qaban jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gareen lameen kanneen keessaa inni tokko kaleessa saamaa kan ture, inni kaan ammoo warra ana malee jedhudha jedhan.

Gareen lameenii dhimma uummataaf kan hin dhimmamne fedhii dhuunfaa isaaniif kan waliin hojjetan ta’uus kaasaniiru.

Gareewwan lameen yaada faallaa qabaatanii mootummaa waliin diigna jechuun waloon hojjechaa akka jiranis kaasaniiru.

Uummanni Oromoo qe’ee namaa deemee qabeenya namaa saamee hin beeku; saamuufis fedhii hin qabu jedhaniiru.

Garee baay’een kan isaa qabatee, kan kee ammoo qooddachuu barbaada kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, kun walqixxummaa jibbuurraa akka maddu kaasaniiru.

Nuti walqixxummaaf qabsoofna; jalqabuma irraa wayita eegalu qabsoon Oromoo Walqixxummaafidha jedhanii, walqixxummaarraa bu’aan argama jedhee akka amanus ibsaniiru.

Aadaan Qabsoo Hidhannoo Darbeera
08/08/2026

Aadaan Qabsoo Hidhannoo Darbeera

Oromiyaa Bilisoomte Bilisoomsuuf Namni Qabsaa'u Qaxaramaadha!
08/08/2026

Oromiyaa Bilisoomte Bilisoomsuuf Namni Qabsaa'u Qaxaramaadha!

ትናንት አንዱን ከሌላው ጥቃት እንዲታደጋቸው መንግሥትን ሲወተውቱ የነበሩ  ኃይሎች ዛሬ ጥምረት መፍጠራቸው እየተዳከሙ መምጣታቸውን ያሳያል - ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድ (ዶ/ር)ጠቅላይ ሚ...
08/08/2026

ትናንት አንዱን ከሌላው ጥቃት እንዲታደጋቸው መንግሥትን ሲወተውቱ የነበሩ ኃይሎች ዛሬ ጥምረት መፍጠራቸው እየተዳከሙ መምጣታቸውን ያሳያል - ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድ (ዶ/ር)

ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድ (ዶ/ር) ከኦሮሚያ ብሮድካስቲንግ ኔትወርክ (ኦቢኤን) ጋር ባደረጉት ቆይታ፣ በሀገራችን ብሎም በኦሮሚያ ክልል ለሚታየው የጸጥታ ችግር መሠረታዊ ምክንያቶችን በዝርዝር አብራርተዋል።

ለችግሮቹ ዋና ዋና ምክንያቶች ያሏቸውም የፖለቲካ ሽግግሩ ተፈጥሯዊ ፀባይ፣ የሥልጣን ማዕከል ሽግግር እና የትጥቅ ኃይሎች መዳከምን ተከትሎ የተፈጠረ ያልተጠበቀ ጥምረት መሆናቸውን አስረድተዋል፡፡

የሥልጣን ማዕከል ሽግግሩን እና የፖለቲካውን ተፈጥሯዊ ፀባይ በተመለከተ ሲያብራሩ ቀድሞ ኢትዮጵያን በብቸኝነት ሲመራ የነበረው ቡድን ሥርዓቱ ሁሉንም አሳታፊ ወደሆነ መንገድ መግባቱን ባለመቀበል ሥልጣን በጉልበት ለመመለስ እያደረገ ያለው ጥረት ለግጭቶች መንስኤ መሆኑን አስታውሰዋል፡፡

ኢትዮጵያ የብዙ እምነቶች፣ ቋንቋዎች እና ባህሎች ባለቤት በመሆኗ በአንድ ብሔር ወይም ቡድን የበላይነት ብቻ ልትመራ እንደማትችልም አጽንኦት ሰጥተዋል።

ጠቅላይ ሚኒስትሩ አያይዘውም የትጥቅ ኃይሎች መዳከምን ተከትሎ ስለተፈጠረው ያልተጠበቀ ጥምረት ማብራሪያ ሰጥተዋል።

በኦሮሚያ፣ በአማራ እና በትግራይ ክልሎች የሚንቀሳቀሱ ታጣቂ ኃይሎች መንግሥትን ማሸነፍ እንደማይችሉ ሲገነዘቡ ያልተቀደሰ ጋብቻ መፍጠራቸውን ጠቁመዋል፡፡

ትናንት አንዱን ከሌላው ጥቃት እንዲታደጓቸው መንግሥትን ሲወተውቱ የነበሩ ኃይሎች፣ ዛሬ ተጣምረው መሰለፋቸው ምን ያህል እንደተዳከሙ እና ተስፋ እንደቆረጡ የሚያሳይ መሆኑን አብራርተዋል፡፡

ከዚህም አልፎ እነዚህ ኃይሎች እንደ ኤርትራ እና ሱዳን ያሉ የውጭ አካላትን ለእርዳታ እየጋበዙ መሆኑን ሕዝቡ ሊገነዘበው እንደሚገባ አሳስበዋል፡፡

ይህንን የተዛባ ትርክት በማረም እንዲሁም አፍራሽ ከሆነ አስተሳሰብ በመውጣት፣ ሁሉንም የሚያስታርቅ እና የተሻለ ሀሳብ የሚያመጣ ውህድ መንገድ መከተል አማራጭ የሌለው ጉዳይ መሆኑን ጠቅላይ ሚኒስትሩ አስገንዝበዋል፡፡

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad OBN waliin turtii taasisaniin, seenaa ijaarsa mootummaa Itiyoophiyaa keessatti g...
08/08/2026

Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad OBN waliin turtii taasisaniin, seenaa ijaarsa mootummaa Itiyoophiyaa keessatti ga'ee uummata Oromoo ilaalchisee qabxiilee ijoon kaasan:

👉 “Oromoon ibsituu tokkummaa Itiyoophiyaa ti; Oromoon yoo hin jiraanne, Itiyoophiyaan hin jirtu.”

👉 “Oromoon ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti hapheentokkummaa ti.”

👉 “Daangaa Itiyoophiyaa kan sarare, Minilik II jalatti hoogganaa waraanaa kan ture Gobanaa Daaccee ti.”

👉 “Waggoota 50 ykn 60 darban keessatti gaaffileen hedduun ka’aniiru; haa ta’u malee, gaaffileen sun akkaataa yeroon murtaa’u.”

👉 “Yeroo ammaa teeknooloojiin babal’ateera; Hubannaa namtolcheen jira; namni qorannoo fi sakatta’iinsa hedduu ittiin gaggeessuu akka danda’uuf carraawwan jiru.”

👉 “Garuu hogganaa yeroo ammaa jiru, ‘teeknooloojiiwwan kana warri duraanii osoo jalqabsiisanii’ jechuun isaan komachuun sirrii miti; sababni isaas, yeroo sana barnoonni hin babal'anne.”

👉 “Itiyoophiyaan kolonii jala akka hin galle kan gargaare, wareegama kaffalamee dha.”

👉 “Kan bu’aa qabu, wareegama kaffalame xiqqeessuu osoo hin taane, hanqina jiru guutaa deemuu dha.”

👉 “Gabayyoon asi irraa ka’ee Adwaa irratti loluun Itiyoophiyaaf wareegameera.”

👉 “Baalchaan ammoo Alaabaa ishee ol kaaseera.”

👉 “Seenaa Jagaamaa Keelloo, Taddasaa Birruu, Haayilee Fiidaa fi gootota biroo irraa kan barannu, Oromoon ijaarsa mootummaa Itiyoophiyaa keessatti akka haphee walitti qabsiisuutti, uummata walitti fiduu fi tokkummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaa ti.”

Uummannii Oromoo seenaa isaa keessatti kan inni morme,kan irratti qabsaa'e cunqursaadha malee itoophiyaa miti.
08/08/2026

Uummannii Oromoo seenaa isaa keessatti kan inni morme,kan irratti qabsaa'e cunqursaadha malee itoophiyaa miti.

Abbootiin Oromoo kan dhiigaan ijaaran eenyuyyuu diiguu hindanda’u-MM Dr. Abiy Ahimad
08/08/2026

Abbootiin Oromoo kan dhiigaan ijaaran eenyuyyuu diiguu hindanda’u-MM Dr. Abiy Ahimad

Kallachi, Bokkuun Oromoon Godhatu Siidaa Aksumirratti mul’ata-MM Dr. Abiy Ahimad
08/08/2026

Kallachi, Bokkuun Oromoon Godhatu Siidaa Aksumirratti mul’ata-MM Dr. Abiy Ahimad

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshinii Kutaa Magaala Lidataa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Kominikeeshinii Kutaa Magaala Lidataa:

Shortcuts

Share