24/05/2026
Maanguddummaa Nam Carra qabeessatu Dhaqqaba; Nami Maanguddoota kunuunse immoo Eebba argata
=====
Aanaa Dubluq; Guyyaa Har'aa Guddu galli kunuunsaa fi haaromsa Maanguddootaa Godina Boorana Aanaa Dub luqitti eebbifame.
Sagantaa eebbaa kanarratti argamuun haasaa kan taasisan I/G waajjira Qindeessaa Kilaasatara Hawaasummaa Aab Nuuraa Guyyoo maanguddummaa nam carra qabeessatu dhaqqaba, namni maanguddoota kunuunse immoo eebba argata jedhan.
Dabalataan; mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo maanguddootaaf kenne irraa kan ka'e hundeeffama giddu gala maanguddoota karoora tarkaanfii haaraa keessatti hammachiisuun hojii gurguddaan hojjatamuu himan. Hojii hojjatameen naannoo Oromiyaa keessatti bakki kunuunsa maanguddoota dhaabbilee dhuunfaa 22, Hirmaannaa ummataatiin 21 mootummaatiin immoo dhaabbatni 1 jiraachuu himuun guyyaa harraa g/gala maanguddoota 44ffaa horsiise bultoota aanaa Dubluqitti saaqamuu isaa gammachuun qaban guddoo ta'uu dubbatan.
Giddu galli maanguddoota guyyaa har'aa eebbifame dhalataa Godina Booranaa fi Qabsaa'aa ganamaa Aab Saamu'eel Galgalootiin kan hogganamu yemmu ta'u ; dhalattoonni Godinichaa biyyoota adda keessa jiraatan gumaacha taasisanii jiru.
Bulchaan Godina Booranaa Aab Abdussalaam Waariyoo giddu galichaaf qarshii 700,000 arjoomuun Bulchitoonni aanota Godinichaa fi itti gaafatamtoonni waajjira Gurmaa'ina Ummataa saganticharratti argaman hundumtuu muxannoo kana fudhachuun babal'isuu akka qaban kallatti kaa'aniiru.
Bakka bu'aan Biiroo Dhi/Ho/Hawaasummaa Oromiyaa Aab Abdullaahi Ahmad gama isaaniitiin hundeeffamuu giddu galichaatiif qaamolee gumaachan hunda kan galeetaffatan yemmuu ta'u; giddu galli maanguddootaa bakka haara galfannaa fi muxannoo bara jireenyaa kuufatan dhaloota haaraaf itti dabarsan waan ta'eef xiyyeeffannaan irratti hojjatamuu qaba jedhan.
Giddu gala maanguddootaa kun bakka Koree Qindeessituu Godina Booraa, Bulcha Godina Boranaa Duraanii (Aab Liiban Areeroo), Bulchitoonni Aanaalee Godinaa, Jaarroleen biyyaa fi argaa dhageettii, hawaasni Aanaa Dubluq argamanitti eebbifameera.
Giddu gala kana keessatti yeroo ammaa namootni 12 galanii kunuunfamaa kan jiran yoo ta'u lakkoofsi kunuunfamtoota yeroo gara yerootti dabalaa kan dhufu ta'uutu himame.