27/05/2026
Gahee Foollee Sirna Gadaa Oromoo Tuulamaa keessatti!
Sirna Gadaa keessatti Foolleen gahee guddaa qaba.
Gaheen isaanii Sirna Gadaa keessatti olaanaa waan ta’eef, namoonni sadarkaa Foollummaatti ce’uuf qophaa’an yeroo dheeraa keessatti of qopheessu. Qophiin isaanii kunis qaamaan, naamusaa bulchiinsafi beekumsa aadaatiin kan walqabatudha.
Akka hayyoonni aadaa ibsanitti, yeroo durii namoonni sadarkaa Foollee keessa jiran adamoo keessa deemuudhaan, akkasumas bineensonni bosona keessaa horii akka hin miine ittisuudhaan jabinaafi gahumsa bulchiinsa Gadaa isaanii mirkaneeffatu turan. Kunis Foollummaan hojii salphaa osoo hin taane garee cimaa guutummaa sirna bulchiinsa isaafi hawaasaa tiksu ta’uu agarsiisa.
Dhugumaan, Foollummaan guutummaadha.
Shoorri Foollee inni guddaan sirna, naamusaafi tasgabbii hawaasaa eeguu dha. Yeroo sirnoonni garaa garaa mootummaa Gadaa keessatti raawwataman, Foolleen adda durummaan qindeessanii hojii sirnichaa milkeessu. Bakka garaa garaatti deemanii sirbu, foollisuufi uummata wal barsiisuudhaan hariiroo hawaasaa cimsu.
Kana malees, Foolleen hojii sirna Buttaa keessatti qabanis heddu olaanaadha. Yeroo Buttaan qalamu Foolleetu korma kuffisa. Cinaachi korma Buttaa akkuma jirutti Foolleedhaan fudhatama. Garuu yoo sirni Buttaa seeraafi duudhaa irraa gore, Foolleen korma hin kuffisu. Kana jechuunis Foolleen eegduu seeraafi haqaa ta’uu isaanii agarsiisa. Foollee malee Buttaan hin qalamu jechuunis bulchiinsa Gadaa isaanii keessaatti guddaa ta’uu isaanii mul’isa.
Foolleen Sirnaafi seeraa malee nama hin sodaatan. Waan dubbachuu barbaadanis saalfii tokko malee sirbaafi Yeedaloodhaan ibsu. Sirbi isaanii keessattis hojii barsiisuu, akeekkachiisuufi sirreessuu qaba.
Akka hayyoonni argaa dhageetti himanitti, Foolleen nama aadaa cabse, nama nagaa booresse ykn nama sirnaafi duudhaa irraa gore qaanessuudhaan gara sirnaafi naamusaatti deebisu. Namni tokko seera yoo cabse, Foolleen mala ittiin adabbii raawwatan qabu.
Fakkeenyaaf, huccuu nama balleessaa dalage irraa fuudhanii cicciruudhaan ulee isaanii irratti hidhatanii itti sirbu. Kun adabbii keessaa tokko yoo ta’u, namni sun jaarsa baasee araaraa gaafatee adabbii fudhata. Sana booda dogoggora isaa uummata duratti fudhatee dhiifama gaafachuun hawaasatti deebi’ee makamuu danda’a.
Kana malees, Foolleen Sirna Gadaatiif ergamanii hojii adda addaa keessatti Warra Gadaafi Warra Jilaa akka isaan gargaaran taasisu. Akkasiin foolleen sirna, duudhaafi bulchiinsa Oromoo tikfachaa shoora isaanii olaanaa bahatu.