29/10/2025
“Namni karaa nagaan dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha” – MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2025: Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad (PhD) qaamni karaa nagaa dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha jechuun, “warreen nu faana araaramuuf jedhan akka hin araaramne qaamni godhanis jiraachuu” eeran.
Ministirri Muummee ibsa kana kan kennan walgahii idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa, har’a, Onkololeessa 28, bara 2025, gaggeeffame irratti gaaffii fi ibsa miseensota mana maree bakka bu’oota ummatootaa irraa ka’aniif yeroo deebii kennanidha.
Ibsa isaanitiin, “ biyyoonni Itoophiyaan dadhabduu taatee akka jiraattu, miila lamaan akka hindhaabanne barbaadaniifi irratti hojjachaachaa jiran yeroo jiranitti lammiileen Itoophiyaa kana adda baasanii beekuu yoo hin dandeenye, galtee siyaasaaf qofa fedhiifi gaafii diinaa dabarsanii yoo kennan nageenya guutuu fiduun rakkisaadha” jedhan.
“Biyyoonni Itoophiyaan miila lamaan akka hindhaabanne barbaadan lolaan akka nu injifachuu hin dandeenye ni beeku, humna Itoophiyaa inni [ergamtoota] ergaa jiru ni beeka, ergamtoonni garuu adaduma itti himamu utaalee as dhufuu waan danda’u itti fakkaatee gojomaa’a” jechuun ibsan.
Odeessa guutuuf dubbisaa