12/02/2021
WAA'EE RAKKINAA FI ARI'ATAMUU DHUFUUF JIRUU "YESUS" DUBBACHUU ISA
Maatewos 24:3-14
3 Akkuma Yesus gaara ejersaa gubbaa taa'een, bartoonni gara isaa dhufanii kophaatti, ``nutti himi,kun yoom ta'a? milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?'' jedhan.
4 Yesus immoo deebisee, ``homtinuu akka isin hin wallaachifnetti akeekkadhaa!
5 Baay'een, `ani masiihiidha' jechaa maqaa kootiin ni dhufu, namoota baay'ees ni wallaalchisu.
6 Lolaa fi oduu lolaa dhaga'uuf jirtu, akka hin naanetti ilaalladha! kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu ammallee dhuma isaa miti.
7 Sabni saba irratti, mootummanis mootumma irratti ni ka'a; beelli, socho'i lafaas iddoo adda addaatti ni ta'a.
8 Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuuti.
9 ``Yoommus rakkinatti dabarsanii isin ni kennu; isin ni ajjeesu; anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan ni taatu.
10 Yeroo sanatti namoonni baay'een ni gufatu, wolii isaaniis dabarsanii wol kennu, wolis ni jibbu.
11-14 dubbisaa!
Waaqayyoo Isiin Ha Barsiisu Amen.