30/09/2026
Leenjiin Dandeettii Hoggansa Barsiisota Dubartootaa Cimsu Kennamuu Eegale.
--------------
BBO - Fulbaana 20/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota dubartootaa bara 2019 gara hoggansa manneen barnootaa fiduuf leenjii marsaa 2ffaa guyyaa shaniif turu Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa Adaamaatti argamutti har'a eegaleera.
Leenjichi barsiisota dubaraa manneen barnootaa isaanii keessatti adda duree ta'an Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu hanga Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa keessatti barsiisaa jiran 311 ta'an filatamanii dhufan yoo ta'u, leenjistootnis barsiisota Yunivarsiitiiwwaniifi kolleejjiwwan adda addaa irraa dhufaniifi ogummaa barsiisummaafi leenjii irratti muuxannoo yeroo dheeraa qabaniin kennamaa kan jiru ta'uun beekameera.
Leenjicharratti argamuun kan haasawaan banan hoggantuu I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa Aadde Habiibaa Mahaammad yoo ta'an, haasawa isaanitiin milkaa'ina barnootaa bara 2018 argaman bal'inaan kaasun, barnoota bu'uura boruu, fooyya'insa qabxii barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa, akkasumas leenjii sagantaa irraa argameen daa'imman keenya dubbisuufi barreessuu dandeessisuu keenya bu'uurriifi abbaan barsiisaa ta'uu himuun galateeffataniiru.
Haaluma walfakkaatuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hoggansi dubartootaa manneen barnootaa keenyaaf wabii ta'uu muuxannoo adda addaa irraa hubatamuun waan danda'ameef dubartoota adda duree ta'an yeroo yeroon gara hoggansa manneen barnootaa fiduuf biiroon ciminaan hojjachaa kan jiru ta'uu ibsuun leenjitootni marsaa 2ffaa leenjiif dhuftan hundi itti gaafatamummaaniifi imaanan cimaan waan isinitti kennameef leenjicha xiyyeeffannoo itti kennitan jechuun gaafa asii deebitan kallattumaan hoggansarratti akka ramadaman kallattii kennuun leenjichi ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.