16/02/2026
Gurraandhala 09/2018 A.L.I
***********************
Waajjirri Komuniikeeshinii Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Qirqoos Aanaa 04, raawwii hojii baajata waggaa 2018 walakkaa waggaatiin qabxii 97.6% fiduun Aanaalee 10 keessa sadarkaa 1ffaa qabachuun milkoomeera!
Bu’aan kun akka galmaahuuf hojjettoonni waajjirichaa ciminaafi qindoomina gaarii agarsiisuun, akkasumas tajaajila odeeffannoo qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuu isaanii Itti Gaafatamaan Waajjira Komuniikeeshinii Aanichaa Obbo Aschaalaw Gabree ibsaniiru.
Dabalataanis, raayyaa miidiyaa bifa Aanicha ijaaruu fi odeeffannoo uummata biraan gahuuf carraaqqii walira hin cinne taasisaniif, akkasumas hoggantoota Aanicha deeggarsaafi qajeelfama barbaachisaa kennuun milkaa’ina kanaaf gumaachan hundaaf galanni ni mala. Inni kun hojii keenya fuulduraaf humna guddaa kan ta’uudha! Milkaa’inni keenya itti fufa!
"Odeeffannoon Hundaaf - Tajaajila Ol’aanaaf!"