28/08/2024
Ergaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Bookee fi Waajjira Fayyaa A/bookee irraa dabre
Raabsaan duula qoricha farra tiraakoomaa guyyaa boruu 23/12/2016 irraa eegalee guyyoota 7'f araddoota aanichaa hunda keessatti hojjattoota exteenshinii fayyaa fi ogeeyyii fayyaatiin namoota hundaaf kennamuu ni jalqaba.
kanaaf ummanni aanichaa hundi iddoo yeroo raabsaa qorichaa araddoota keessan keessatti filataman deemuun qoricha kana fudhachuun dhibee tiraakoomaa ykn jaamina ijaa irraa akka ittifamtan jechuun Bulchaan aanaa bookee obboo Naajii Mahaammad fi I/G tun waajjira fayyaa aaddee Feneti shihaab dhaamsa dabarsaniiru.
Namoonni ergaa kana dhagahe wal dhageessisuun fayyadamoo tahaan immoo dhaamsa keenya.
Fayyaan ijaa faaya......!!!