21/11/2022
As wr wb
Hiryootan ko
Bakka jirtanutti
Rabbi isini wojin Haajiratu
Hiryoota Haali jireenyaa fi Musiibaan Rabbin ilma namatif kae
Namudachuudhan wolqabee
Baaye wolittii Fagaane jirru
Kan Baaye woljaallanu fi wol Amananu ture Bakka itti wolbenu
Woldhabnee wolitti Rifane Jiruu
Fi hiryaa ko ijolummaa kaase
Wolin jiraata ture Dhiifama Gudda si gaafadhaa
In shaa Allah
Rabbin Akkuma Booda Rakko Bal'ootu jira jedhe
Fatanaa Baaye nati jabaate turte
Booda Alhamdulillah
Akkuma Musiibaa cimtuu Nati buuse akkan obsu Na taasise
Amma Guyya xiqoo booda insha allah
Guyyaan hiryaa ko fi Namoota na amananii amanaan jara bakka jijiirame
Isa Liqii akka liqiitti galchee
Isa amaana akka amaanati debise
Isa woliin Hojachuuf dhufee Utuu hin milkain hafe Furmata isaa
Irratti woliin Fala kaahu
Taha inshaa allah
Duayii keessaniin nan dagatinaa
Wollahi Erga mokoron sun na mudate guyyaa tokko utuu iyaadatin oole buleen beeku
Namoota Ani Baaye jaalluufi
Namoota Baaye Najallatan
Na dhabsiise
Hiryaa Guyya Rakko fi Gammachuu
Kotiin Adda nabaase
Kanin Galatoonfadhu
Rabbi Obsa naa kennee utuu mataan ko hin xuqamin kessa bahuf Abdii horadheefi
Hiryoota ko Na sataranii Utuu miidhan Hiryaa isanitin irra gaee
Madeese Jiruu
Namatti utuu hin himatin
Jecha badaa tokko utuu nan hinjedhin guyyaa arra gahani
Rabbi hiryaa gaari Naa obsu naa kenne
Alhamdulillah Rabbil Aalamiin
Rakko akkanaa kana Rabbi oboleesa Islaamaa irran hin gain
Anarra moo akka Rabbin kaasu Duayii Kessan Amaanadha
اللَّهُمَّ اكْفِنِي بِحَلاَلِكَ عَنْ حَرَامِكَ، وَأَغْنِنِي بِفَضْلِكِ عَمَّنْ سِوَاكَ
Yaa Rabbi halaala keetiin haraama kee irraa na tiksi. Tola keetiin waan si malee jiru irraa of na geessisi.
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْهَمِّ وَالْحَزَنِ، وَالْعَجْزِ وَالْكَسَلِ، وَالْبُخْلِ وَالْجُبْنِ، وَضَلَعِ الدَّيْنِ وَغَلَبَةِ الرِّجَالِ
Yaa Rabbi ani yaaddoofi gadda, dadhabbiifi taatiyoo, doynummaafi lunnummaa, ulfina hidaafi namootaan mo’atamoo irraa sittin maganfadha