20/08/2025
SEENAA NAMA BOOCHIFTU😭😭😭
Si fayyaduun ooluutii Oobsaan Dubbisi
Mucaa Haadha hin qabne Seenaa
dhalootuma isaarraa eegala guyyuma inni
dhalate haatii irraa duute, abbaan isaa
fuudhee Adaddaa isaatitti kanne abbaan
baatii 7 taa’eeti jaartii haaraya fuudhee,
mucaa xiqqaa amata hin guutin Adaddaa biraa
fuudhee jaarti haarayatti kanne !!
jaartiin tun amata 3 booda joole lama
dhalteef jaartii tun mucaa kan argaa isaatu
hin feetu, garuu abbaan mucaa dubbii tana
hin beeku,
Inni guyyaa hojii oolee, galgala
eega inni rafe gala.
mucaan kun xiqqaadha jaalala Haadhaa tan
abba tan ollaa barbaada, taphachiisu
barbaada garuu dubbiin faalladha, Haati
mana Yeroo isa manatti agaartee sagalee
olfuute gurratti iyyiti,
Ni Rifaachiifti Mucaan
Guyyaa guutu ala barandaa simintoorra
ta,aa oola yookaan Mana duuba yoo
Hirribni qabees achuma simintoorra
Rafa, Nyaata joolleen isii nyaatte irraa hafe
fuuteeti hojjattuu manaatti kannitee
“hodhaa mucaa san duraatti facaasi” jettiin
!!
Amma mucaa umriin isaa waggaa 4 Guyyaan
Guyyaa Iidaati Haati manaa hoolaa qaltee
firaa fi aalii Yaamtee haadhaa fi abbaa
isiitis yaamtee Guyyaa guutuu nyaatanii
Dhuganii bashannanaa oolan, mucaan arras
manuma duuba kophaa simintoorra ta’aa
oole,
Ruuza adii hojjattuun kannitef nyaate
beela isaa firraa gad deebise, aduun
dhiinaan namuu addaan faca'an biiyti biyya
baradoo tan haalaan qabbanooytu turte
qabbanti tan nama dhiisi bineensa
gurguddaahuu ajjeeftu turtee mucaan
siminto gubbatti miidhame, osoo hollattuu
Ilkaan isaa wal tumuu achumaan simintoorra
rafe !!
Abbaan galagala sa’aa 4 galee nyaatee siree
isaarratti ol bahee akkana ja,e “mucaan
kiyya hoo eeysa jira”
Jennaan akkana jetteen
“mana hojjattuun galtu isii bira rafe” jetteen
innis ofiirra rafe osoo rafuu Haati Mucaa tan
duute abjuun itti dhuftee akkana jetten “
ka’ii muca laali”innis lafaa utaale jaartiin
akkana ja’e “mucaan kiyya Eessaa jira” isiinis
“maal akkana mucaa jechaa oolta bakka jiru
siif himee cali'ii ” jetteen !!
Ni rafe ammas Haati muca