14/04/2026
Boordiin Invastimantii Oromiyaa Abbootii Qabeenyaa Haaraa 3,156 Kaappitaala Qarshii Biliyoona 49 ol galmeessisan yeroo humna guutuun gara hojiitti galan Carraa hojii Namoota 168,572 oliif uumuu danda'an lafa Invastimantii Heektara 14,142 murteessuufii Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa beeksise
================================
Abbootiin Qabeenyaa kunneen Murtiii Boordii argatanis Abbootii Biyya Keessaa, Biyya Alaa (FDI) Qonnaan Bulaa Adda duree, Waldaalee IMX fi Waldaa Hojii Gamtaa Kaappitaala horatanii gara Invastimantiitti ce'aniidha.
Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa Miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa sosochii Invastimantiif babal'isuuf taasisaa jiru olaadha. Kunis kan ittiin ifu: Poteenshaala Invastimantii Naannichi qabu Invastimantiif akka oolu taasisaa jira, Zoonii Diinagdee addaa Gadaa qopheessee jira, Magaalota Oromiyaa haala Invastimantiidhan guddachuu danda'an Caasaa pilaanii Magaalichaa sirreeessee jira, Tajaajila Iddoo Tokkoo(Masoobii) Magaalota gurguddoo keessatti akka hundaa'u godhee jira, Lafti Invastimantiif oolu bifa qindaa'ina qabuun akka adda bahu taasifamee jir, dhimmi Invastimantii Ajandaa Hooggansa olaanaa ta'ee jira.
Bu'uuruma kanaan Boordiin Invastimantii Oromiyaa waltajjii gaafa guyyaa 5/8/2018 taa'een Abbootii Qabeenyaa Haaraa Kurmaana 3ffaa keessa simataman 3,156 Kaappitaala Qarshii Biliyoona 49 galmeessisanii fi yeroo humna guutuun gara hojiitti galan Carraa hojii Namoota 168,572 oliif uumuu danda'an Seektara Invastimantii Qonnaa, Manufakcharingii fi Tajaajilaa irratti murteessuu Obbo Ahimad ibsanii jiru.
Waliigala Bara 2018 keessa Boordiin Invastimantii Oromiyaa walga'ii Marsaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa gaggeesseen Abbootii Qabeenyaa Haaraa 11, 477 Kaappitaala Qarshii Biliyoona 312.1632 ol galmeessisan yeroo humna guutuun gara hojitti galan Carraa hojii namoota 859,698 oliif uumuu danda'aniif lafti Invastimantii heektaarri 157, 142 murtaa'eefii jira.
Akkaatuma Dambii fi Qajeelfama Invastimantii tiin Abbootiin Qabeenyaa Murtee Boordii argatan kunneen guyyaa 45 keessatti waliigaltee mallatteessuudhan gara hojiitti akka galan ta'a.
Waliigala sosochii Invastimantii Naannichaa bu'a qabeessa gochuudhaf Abbootii Qabeenyaa hojii keessa galaniif deeggarsa leenjii, faayinaansii, bu'uuraalee misoomaa, humna namaa gahumsa qabuu fi galteen adda addaa taasifamaafii tureen Oomishtummaa Industirii gara %65.4 tti ol guddatee jira. Bara kana qofa Deeggarsaa fi hordoffii cimaa taasifameen Pirojektootni Invastimantii Qonnaa, Manufakcharingii fi Tajaajilaa 4,588 gara hojii Oomishaatti akka galan ta'ee jira.
Kanaanis carraan hojii bal'inaan uummamee jira, Oomishaalee Alaa galan Oomisha Biyya keessatiin bakka buusuun akka danda'ame, Al ergeen dabaluu fi Ce'msi Teekinooloojii akka guddates Obbo Ahimad dabalataan ibsanii jiru
Naannoon Oromiyaa seektara Invastimantii hundaaf mijataa waan ta'ee Abbootiin Qabeenyaa Biyya Keessaa fi Alaa gara Naannoo Oromiyaa dhufanii Invest akka godhan Obbo Ahimada waamicha dhiyeessanii jiru.