30/04/2024
Gabaasa Raawwii Hojii ( ) Irratti Dhaabbilee Miti- Mootummaa Waliin Mariin Gaggeeffame.
-----------
BBO- Ebla 22/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa carraa barnootaa babal'isuun lammii hunda waliin gahuuf sagantaa Idileefi Al-idileetiin barsiisaa jiraachuun ni beekama.
Sagantaa Barnoota Al-idileen kennamu keessaa tokko Barnoota Saffisaa(Accelerated Learning ) yoo ta'u, guyyaa har'aa gabaasa raawwii hojjii kurmaana 3ffaa( ji'oota sagalii) irratti dhaabbilee miti- mootummaa( , Geneva Global, Imagine One Day fi Waldaa Misooma Oromiyaa) waliin ta'uun gamaaggamni gaggeeffameera.
Waltajicha haasaan kan banan I/A hogganaa BBO Dr. Galaanaa W/Mikaa'el yoo ta'an, haasaa taasisaniin dgaabbilee miti mootummaa barnoota irratti hojjatan galateeffachuun kan jalqaban, dhimmi barnootaa mootummaa qofaan kan galma hin geenye waan ta'eef deeggarsi dhaabbilee miti mootummaas kana hubachuun qaawwa mootummaan duuchuu hin dandeenye irratti mootummaa cinaa dhaabbachuu isaaniitif galata guddaa akka qaban ibsaniiru .Fuulduraafis deeggarsi isaanii cimee akka itti fufuu qabu himuun mariin ifaan ifatti banamui beeksisaniiru.
Itti aansuun Gabaasicha kan dhiheessan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Barnoota Al-Idilee aadde Galaanee Tasfaayee yoo ta'an, gabaasicha keessatti Barnoota Saffisaa irratti hojiilee ji'oota sagaliif mootummaan, dhabbileen miti- mootummaafi dhaabbileen dhuunfaa hojjataa turan supparviizyinii gaggeessaniin argannoowwan argatan,ciminoota, hanqinootaafi rakkoowwan mul'atan haala ifa ta'eefi salphaatti hubatamuu danda'amuun dhiheessaniiru.
Gabaasichi, hojiilee mootummaan hojjataa jiru, dhaabbileen miti- mootummaafi dhuunfaa raawwataa jiran adda addaan kaa'uun kan ibse yoo ta'u, hanqinootaafi rakkoowwan mul'atan irratti akka mari'atamu manaaf dhihaateera.
Kanuma bu'uura gochuun hirmaattotni yaadota armaan gadii kaasaniiru.
(Guideline) hirmaachisaa ta'e akka qophaa'u,
gahumsa irratti hundaa'en Ccompetency Based Methology)akka barsiifamu hojjatamuu qaba.
irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuu qaba,
'aa manneen barnootaa, supparvaayizarootnifi Gamtaan Maatii-Barsiisotaa leenjii argachuun barbaachisaa ta'uu,
'imman_umriin wal hin gitne walitti makuun barsiisuun daa'imman irratti rakkoo uuma,
qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gahee olaanaa waan qabuuf itti haa fufu kan jedhuufi
walitti dhufnee carraa daa'imman keenyaa irratti otuu mari'annee yaadota jedhaman, bakka bu'ootni UNICEF,
Geneva Global, Imagine One Day fi WMO yaada kennaniiru.
Dhumarratti, yaadota akka walii galaatti mana keessaa ka'aniif Dr. Galaanaa W/Mikaa'eliifi aadde Galaanee Tasfaayee akka galteetti fudhachuun karoora kurmaana 4ffaafi karoora bara 2017 keessatti qabachuun akka walumaan furaa deeman ibsuun, yaadota Barnoota Saffisaa qulqullinaana mirkaneessuuf hojjatamuuf gumaachan galateeffachuun mariin xumurameera.