East shoa zone urban development and housing office

East shoa zone urban development and housing office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from East shoa zone urban development and housing office, Government Organization, Adama city, Oromia, Adama.

02/04/2026
02/04/2026
02/04/2026
02/04/2026
‎Koreen hordoffii fi deeggarsaa Biiroo Misooma Magaala fi Manneenii Oromiyaa  irraa magalota Godina Shawaa Bahaa ilaale ...
06/03/2026

‎Koreen hordoffii fi deeggarsaa Biiroo Misooma Magaala fi Manneenii Oromiyaa irraa magalota Godina Shawaa Bahaa ilaale duubdeebii kenne.
‎Korich hojii hordoffii fi deeggarsaa gochaa ture magaalota bira gahan keessatti ciminootaa fi hanqinaalee mul'atan adda baasuun bakka I/A Bulchaa Godina Sh/Bahaa Obbo Guutaa Gadaa fi I/G Wra MMM A/Masarat Guddataa fi Qindaa'aa Magaalaa akkasumas manajimentiin Waajjirichaa hundi argamanitti duubdeebii kannee jira.

‎Waajjirri Misooma Magaalaa fi Manneen Godina Shawaa Bahaa Raawwii hojii hanga ammaa Magaalota Godinichaa qorate. ‎Gamaa...
24/02/2026

‎Waajjirri Misooma Magaalaa fi Manneen Godina Shawaa Bahaa Raawwii hojii hanga ammaa Magaalota Godinichaa qorate.
‎Gamaaggama kanarratti HR fi Manajimeentii Magaalotaa kan argaman yoo ta'u, raawwii karoora hojii sassaabbii galii MQ, inisheetiivota magaalaa fi hojiilee waliigalaa irratti gabaasa hanga ammaa akka godinaatti qindaa'e dhiyaatee bakka harcaatii hojii itti mul'atee fi kanneen milkaa'inoota galmeessanis muuxannoo isaanii kaasani akka walirra baratan carraa hirmaattotaaf kan kennan I/G MMM Go/Sh/Bahaa A/Masarat Guddataa waltajjicharratti kallattii itti aanu kennaniiru.

Dhumarrattis waltajjii kanarratti kan argaman I/A Bulchaa Go/Sh/Bahaa Obbo Guutaa Gadaa dhimmoota ijoo fi wayitaawaa itti dbaluun hanqinoota hojii gamaaggama kanaan adda bahan ariitiin sirreessuun fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessan hubachiisanii yeroo kanatti karoorri kurm 4ffaa jedhamee dhiifamu tasuma jiraachuu akka hin qabne jala sararanii waltajjicha goolabanii jiru.
Kabajamoota hordoftoota page keenyaa comment, like fi share gochuun aantummaa fayyadamummaa ummata keenyaaf qabdan ibsuu hin dagatinaa!

‎Yaada fi hamileen keessan nuuf galaa qabsoo walqixxummaa fi fayyadamummaa haqaa ti.

Waajjirri Misoomaa Magaalaa fi Manneenii Go/Shawaa Bahaa Waajjira haaraa Gamoo Bulchiinsa Godina Sh/Bahaatin ijaarame ke...
01/01/2026

Waajjirri Misoomaa Magaalaa fi Manneenii Go/Shawaa Bahaa Waajjira haaraa Gamoo Bulchiinsa Godina Sh/Bahaatin ijaarame keessatti akka galuuf carraan kennameefitti gammaduu isaanii sagantaa miidhagaa qopheessun bakka Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Obbo Guutaa Gadaa jiranitti eebbifatanii hojii eegalanii jiru.
Sagantaa kanarratti kan hirmaatan I/A Bulchaa Go/Sh/Bahaa Obbo Guutaa Gadaa ergaa dabarsaniin Naamusaa fi kenna Tajaajilaa miidhagaa iddoo hojii kana madaalu gonfachuun akkuma kana dura jijjiirama fiddaniin bu'aa boonsaa galmeessitan kana boodas akka itti fufsiiftan abdanna jechuun abdii Hoggansaa fi Ogeessota Waajjirichaa irraa qaban ibsanii jiru.
Hojjettootni waajjirichas yaada kaadaniin Wra haaraatti miiraa haaraan Kenna tajaajilaa qulqulluu, saffisaa fi haqa qabeessa kennuuf qophaa'ummaa qaban gammachuun ibsatanii jiru.
Dhumarrattis Saganticha Kan Qopheessan I/G waajjirichaa A/Masarat Guddataa ergaa sagantaa kanarratti dabarsaniin iddoo fi haala hojii mijataa uumame kanatti fayyadamnee aantummaa qabnu hojiin mul'isuuf hojjechuu qabna jedhaniiru. Itti aansunis kan kana duraa olitti yeroon amma kan jedhan A/Masarat, ogeessonni hundi qulqullina iddoo hojii eeguu, itti fayyadama yeroo fi Meeshaa mana hojichaa hanga yaadamee olitti of-eeggannoon fayyadamuu akka barbaachisuu fi dadammaqinni jirus sadarkaa nu madaalutti akka ol guddisuu qabnu jala sararanii kasuun waltajjicha goolabanii jiru.

Waajjirri Misooma Magaalaa fi Manneen Godina Shawaa Bahaa gabaasa raawwii hojii dirree ogeessota Magaalota deeggaraa tur...
11/12/2025

Waajjirri Misooma Magaalaa fi Manneen Godina Shawaa Bahaa gabaasa raawwii hojii dirree ogeessota Magaalota deeggaraa turan waliin qorachuun kallattii itti aanu kennee jira.
Waltajjii kanaanis Dhimmota xiyyeeffannoo addaatin hogganamaa turanii fi jijjiiramota dhufan keessamattuu kan sassaabbii galii, raawwii innisheetivoota magaalaa fi kenna tajaailaatin walqabatan addaa baasun tooftaalee raawwii hojiilee kennamanii irratti sochiilee turan qeeqanii waltajjicha kan calqaban I/Gaafatamtuun waajjirichaa A/ Masarat Guddataa, Caasaan Magaalotaa fi ogeessonni dirqama fudhatanii gad bu'an ariitii dabaluun waan calqabame hanga dhumaatti jala bu'anii milkeessuun kanneen danda'ames dinqisiifatanii, hanqinoota adda bahan irratti immoo marsaa kana keessatti ariitiidhaan kessaa bahuun fayyadamummaa ummataa akka mirkanaa'uuf hojiin deeggarsaa fi hordoffii itti fufee akka taasifamu kallattii haaraa kennanii jiru.
Kallattii kennan kanaanis dhimmootni xiyyeeffannoon guddaan itti fufanii hojjetamuu qaban kan akka sassaabbii galii, kenna Tajaajilaa, hojii innisheetivoota Haaraa, kaartaa manneen Mootummaa xumuruu fi hojiilee hunda qindeessanii ariitii fi baay'ina karoorfameen milkeessuun keessatti harkifannaa jiru, hanqinni qulqullina fi yeroo eeganii duguuganii harcaatii malee gabaasuu irratti jiru saffisa olaanaadhan keessaa bahamee hanga dhuma kurmaana kanaatti hojii hundaan galma kaa'ame irra gahuuf hojjechuu fi dhimmoota akka ciminaatti ilaalamanii fi muuxannoo gaarii ta'uu danda'anis adda bahanii qindaa'anii, magaalonnii fi gandoonni miira xiiqii fi morkiitiin akka walirra baratan akka taasifamu dabalanii kallattii Bobbii Dirree haaraa kan Kennan A/Masarat irra deebiin miira xiiqeffataa dhaan waltajjicha goolabanii jiru.

Address

Adama City, Oromia
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when East shoa zone urban development and housing office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share