22/12/2023
Yaa’iin Manneen Murtii Aadaa Aanaa Abbichuu fi Nya’aa gaggeeffame.
===============//==============
Mandiidaa Mudde 12/2016 Yaa’iin Manneen Murtii Aadaa Aanaa Abbichuu fi Nya’aa gaggeeffame...
Akkuma Beekkamu yaa’iin manneen murtii Aadaa sadarkaa Aanaatti yeroo tokko kan gaggeeffamu akka ta’e labsii 240/2013 keessatti tumamee jira ,Haaluma kanaan akka Aanaa keenyattis iddoo hirmaattoonni Jaarsolii Mana Murtii Aadaa hundi,barreessitoota Manneen Murtii Aadaa hundii fi keessummaanni kabajaa,haadholiin Siinqee Abbootii gadaa argamanitti haala hoo’aa ta’en gaggeeffamee jira...
Manni murtii aadaa wal dhabdee hawaasa giddutti uumamu karaa salphaa fi sirna aadaa bu’uureffateen hiikuudhaan hawaasni haqa karaa salphaa ta’een akka argatu taasisaa kan jirudha...
Mannen Murtii Aadaa jaarmiyaa hawaaasni Oromoo ijaaree murtii ittiin kennaa jiruu fi safuu duudhaa hawaasaa ganamaa bakkatti deebisaa kan jiruudha,
Akka Aanaa keenyattis Manni Murtii Aadaa erga hundaa’ee waggoota lama kan lakkofsise yoo ta’u,waggoota muraasa kana keessatti hojiilee heddu kan hojjatee fi haqa dhokate baasaa kan jiruudha,Waliin jireenya hawaasaa fi sabaa fi sablammoota naannnoo keenya keessa jiraatuu fi daangaa waliin qabu keessatti nageenyi akka jiraatu gahee guddaa bahachaa kan jiruudha...
Yaa’ii kana irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan pireezidaaantiin Mana Murtii Aanaa Abbichu fi Nya’aa obbo gama isaaniitiin Manneen Murtii Aadaa kenniinsa haqaa seera aadaa irratti hundaa’e dhugaa fi haqa baasuu irratti fooyya’aa tahe,hariiroo hawaasummaa waldhabdootaa cimsuu dandahu, hojirra oolchudhaan kabajamuu mirgoota lammiilee fi ol’aantummaa seeraatiif kan gumachu fi hawaasni naannichaa tajaajila haqaa dhaqqabamaa ,adeemsi isaa salphaa tahe baasii xiqqqaan akka argatu taasisuu keessaati gahee guddaa akka qaban ta’uu isa dubbatanii jiru...
Itti Gaafatamtuun Waajjira Adaa fi Turizimii Adde gama isaaniitiin,manneen murtii aadaa kana daran cimsuu fi jajjeessudhaaf hojiin bal’aan hojjatamaa kan turee ammas cimsanii akka itti fufan ta’uu akkasumas hawaasni duudhaa isa ganamaatti deebi’ee rakkoo isaa furataa kan jiru ta’uu eeranii jiru
Abbootti gadaa, haadhoolii siiqqeef Manguddoota biyyaa aanichaa waliin akkataa hojiirraa olma tumaalee seeraa aadaa irratti mariin gaggeeffamee jira.Ibsi Ejjannoos Kennameera...
Dhuma irratti hanqina jaarsa Mana Murtii Oldabarfataa dubartii tokko bakka buusuun yaa’iin kun sirnaan eebbaan goolabamee jira.