Oromia driver's and technicians assurance center

Oromia driver's and technicians assurance center Ariitiin umurii malee karaa hin gabaabsu

Leenjii dandeettii raawwachiisummaa hojjetoota mootummaa G/G/L/M/G/K/T EGeO cimsu kenname Giddu gala leenjii EGeOtti lee...
25/09/2025

Leenjii dandeettii raawwachiisummaa hojjetoota mootummaa G/G/L/M/G/K/T EGeO cimsu kenname

Giddu gala leenjii EGeOtti leenjii mata duree Naamusaa fi Qajeeltoowwan Naamusa irratti hojjetoota giddu gala leenjii EGeO damee adaamaatiif kenname irratti hubannoo gahaan uumameera. Daarektarri Giddu Galaa Obbo Gammachiis Simaa Leenjiin dandeetti rawwachiisummaa ogeessaa cimsu kan itti fufuu fi bu’aan madaalamaa adeemas jedhaniiru. Dhuma irrattis qaama leenjiin kun akka kennamu haala mijeessanis galateeffataniiru.


Geejjiba Oromiyaa

Rooba keessa Gahumsa komkolaachisaa mirkaneessuun faayidaa guddaa qaba jedhame Giddu gala leenjii mirkaneessa gahumsa ko...
18/09/2025

Rooba keessa Gahumsa komkolaachisaa mirkaneessuun faayidaa guddaa qaba jedhame

Giddu gala leenjii mirkaneessa gahumsa konkolaachistotaa fi teekinishaanota EGeO tti qormaanni ooficha dirree Rooba keessa kennamaa jira. Kunis haala qabatamaa biyya keenyaa fi haala qilleensaa rakkisaa ta’e beekanii konkolaachisuuf nama gargaara. Leenjii bu’a irratti xiyyeeffate kennuun, gahumsaa fi beekumsa irratti xiyyeeffate kennuun akkasumas qormaata dandeettii konkolaachisaa madaalu kennuun balaa tiraafikaa yeroo Ammaa biyya keenyaaf yaaddoo ta’e hir’isuun ni danda’ama.
Iddoo Nagaa Oola!


Giddu leenjii mirkaneessa Gahumsa teekinishaanotaa fi Konkolaachistoota EGeO leenjitoota teekinishaanaa marsaa 31ffaa ee...
03/08/2025

Giddu leenjii mirkaneessa Gahumsa teekinishaanotaa fi Konkolaachistoota EGeO leenjitoota teekinishaanaa marsaa 31ffaa eebbisiise

Guyyaa 27/11/2017
Giddu galichatti leenjifamtoonni mana amala sirreessaa federaalaa, Geejjiba magaalaa finfinnee fi magaalotaa fi godinaalee oromiyaa irraa dhufuun leenji’a turan guyyaa har’a eebbifamaniiru.

Sagantaa eebba isaanii irraatti dareektarri fi manajimantiin giddu galaa argamuun ergaa baga gammaddanii fi kallattii gara fulduraa kaa’aniiru.

Daarektarri giddu galaa Obbo Gammachiis Simaa ergaa dabarsaaniin akkuma yeroo fi humna keessan baastanii leenjitan uummata keessaniif hojjechuun rakkoo hawaas-diinagdee isaa furuuf jabaattanii hojjechuu qabdu jedhaniiru. Itti dabaluunis balaa tiraafikaa yeroo amma lubbu fi qabeenya namaa gaaga’a jiru hambisuuf gaheen teekinishaanotaa olaanaa waan taheef kana hubattanii loogii tokko malee dirqama ogummaa keessanii bahachuun lammii keessaniif akka hojjettan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Ejensii Geejjiba Oromiyaa

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia driver's and technicians assurance center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share