12/04/2024
Konfaransii Nageenyaa Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa
*********
Konfaransiin Nageenyaa Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa sadarkaa Naannoo guyyaa boruu Magaalaa Adaamaatti haala ho’aan dhaadannoo “ Nageenya Itoophiyaa nan eegsisaa, Ilmaan koof Horata nan Dhaalchisa’ jedhuun ni gaggeeffama.
Sagantaa kanarratti hirmaattonni Oromiyaa guutuu irraa bakka bu’ani fi keessummoonni sadrkaa garaa garaa irraa haffeeraman kan argaman ta’a.
**
“Nageenya Itoophiyaa nan eegsisaa, Ilmaan koof Horata nan Dhaalchisa!!”
***
✓ Milkaahinoota keenya kunuunfachaa, nageenya waaraa ni mirkaneessina!
✓ Nageenyi itti fufiinsa qabu hirmaannaa dubartootaatiin ni dhugooma!
✓ Obbolummaa sab-daneessa dagaagsuudhaan ijaarsa biyyaa ni dhugoomsina!
✓ Diinagdee dubartootaa guddisuun badhaadhina biyyaa mirkaneessuudha!
✓ Seenessi waloo, Ijaarsa biyya walootiif!
✓ Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuudhaan mul'ata badhaadhinaa haa dhugoomsinu.
✓ Dubartiin Utubaa Biyyaati!
✓ Ijaarama dubartootaa cimaa ta'een galmoota misoomaa fi nageenya biyyaa ni mirkaneessina!
••••••••••
Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa