Negele Arsi Town Communication

Negele Arsi Town Communication Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Negele Arsi Town Communication, Public & Government Service, Democratic Republic of the.

Koreen supparvaayizerii waajjira piresdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin raawwii hojiilee adda addaa ilaalluun qooda...
03/09/2026

Koreen supparvaayizerii waajjira piresdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin raawwii hojiilee adda addaa ilaalluun qooda fudhattoota magaalichaa wajjiin marii taasiisaniiru

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsiitti cheekliistiin ka'umsa sakatta'iinsa raawwii hojiiwwan magaalichaa koree supparvaayizerii Waajjira Piresdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ilaallameera.

Magaalaa jireenyaaf mijattuu taate uumuuf xiyyeeffannoo ol'aanaan hojjatamaa jiraachuu kan himan Ittigaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalichaa Obbo Mohammad Gammadoo galmoota mootummaa milkeessuuf wabii nyaataa mirkaneessuun murteessaa ta'uu ibsuun yaadama kana dhugoomsuuf magaalichatti hojiileen gurguddoon hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.

Magaalichatti Inisheetivii misooma adda addaa hojii irra oolchuun fayyadamummaan hawaasaa mirkana'aa jiraachuu kan ibsan Ittiaanaa Kantiibaafi Ittigaafatamaa Waajjira Daldalaa, Carraa Hojii Uumuuf fi Investimeentii Magaalichaa Obbo Abdii Huseen diinagdee hawaasichaa utubuuf sirna qonna magaalaa makaanayizeeshiniitti jijjiruun galteewwan qonnaa dachaan dabaluu eeruun badhaadhina maatii mirkaneessuuf kilaasterota horsiisa aannaniifi lukkuu hojitti hiikuun bu'aan hedduu argamaa jiraachus kaasaniiru.

Koree Supparvaayizerii Waajjira Piresdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa obbo Dhufeeraa Baqqalaa galmoota mootummaa naannichaa keessaa sirna teeknooloojii diriirsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu waan ta'eef sirna mootummaa cimaa ijaaruuf karoora hiixataa qopheessuun kenna tajaajilaa ammayyoomsuuf dhimma xiyyeeffannoo ol'aanaa barbaadu ta'uu eeruun karoora of danda'uu bara 2019 hojitti hiikuuf qooda fudhattooni hunduu xiyyeeffannoo ol'aanaan hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.

Cheekliistiin ka'umsa sakatta'iinsa raawwii hojiiwwan magaalichaa irratti mariin baldhaan erga gaggeeffamee kallattii fuulduraa kaayuun xumurameera.

Hojiilee Tajaajila Lammummaa Gannaa Milkeessuuf Hoospitaalaa Jalqabaa Nageellee Arsiitti tajaajila fayyaa yaala fi qoran...
03/09/2026

Hojiilee Tajaajila Lammummaa Gannaa Milkeessuuf Hoospitaalaa Jalqabaa Nageellee Arsiitti tajaajila fayyaa yaala fi qorannoo bilisaan
kenna jiraachuun ibsame

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsii Hoospiitaalaa Jalqabaa Nageellee Arsiitti hojiilee tajaajila lammummaa gannaa milkeessuuf
tajaajila fayyaa yaala fi qorannoo bilisaan kenna jiraachuun ibsame.

Hoospiitaalichatti Haakimaa waligalaa fi Focal Person dhukkubaa vaayiraasii Tiruu kan ta'aan Doktor Zaakiir Shaanbuu akka ibsanitti rakkoolee fayyaa hawaasa keenya furuuf keessumattuu dhukkuboota daddarboo vaayiraasii tiruu fi kanneen biroo irratti yaalaa fi qorannoo fayyaa bilisaan daa'iinmmaanii fi haadhooli ulfaa, manguddoota fi kutaalee hawaasaatiif taasiifamaa jiraachuu ibsaniru.

Hojiilee tajaajila lammummaa milkeessuuf qorannoo fayyaa fi yaalaa fayyaa dhukkubboota daddarboo bilisaan Hoospitaalichatti karaa itti fuufiinsa qabuun taasifamaa kan jiruu fi hawaasa fayyaa qabeessaa damaqinaan misooma keessatti hirmaatu horaachuuf hojjatamaa kan jiruu ta'uus Hoji Gaggeessaa olaanaa Hoospitaalichaa obbo Hedatoo Badhaanee ibsaniru.

Tajaajillii kunis itti fuufinsaan kan kennamuu ta'uun eerameera. Fayyaan Faayaa!

Guyyoota Qaammee Bara Kana sirnoota garagaraatiin kabajuuf qooda fudhattoota sadarkaan jiran wajjiin mariin taasifameGod...
02/09/2026

Guyyoota Qaammee Bara Kana sirnoota garagaraatiin kabajuuf qooda fudhattoota sadarkaan jiran wajjiin mariin taasifame

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsiitti guyyaan qaammee 2ffaa ergaa ijoo olka'iiinsa Itoophiyaa jedhuun kabajuuf qooda fudhattoota waliin karoora ka'umsaa irratti mariin taasifame.

Olka'iinsi Itoophiyaa pirojeektii misoomawaan dhugooma kan jedhan Kantiibaa Magaalichaa Obbo Mooyataa Woldee yaadama kana dhugoomsuuf magaalichatti misooma piroojektii fi inisheetiviiwwan gurguddoon hojjatamaa jiraachuu kaasuun kabaja guyyaa qaammee 2ffaa dhaadannoo "milkaa'ina hardhaa bu'uura olka'iinsa boruuti" jedhuun kabajuuf qophiin duraa taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Ittigaafatamtuu Koomishiinii Karoora Godina Arsii Lixaa Aadde Masarat Laggasee kabajni guyyaa qaammee 2ffaa yeroo Mootummaan Badhaadhinaa injifannoo gurguddoo itti galmeesse waan ta'eef ergaa ijoo olka'iinsa Itoophiyaa jedhuun karoora ka'umsa irratti mariin baldhaan qooda fudhattoota waliin gaggeeffamuu kaasaniiru.

Guyyaa kabaja qaammee 2ffaa ergaa ijoo Olka'iinsa Itoophiyaa jedhuun yeroo kabajamu daawwannaa piroojektii gurguddoofi inisheetiivota misooma magaalichaa bu'uureffachuun kan kabajamu ta'uu eeraniiru.

Beeksisni alaa akkaataa Seer-luga Afaanii, Aadaa fi Duudhaa Ummataa Eeggateen Hojii Irra Oolchuun Murteessaa Ta'uu Ibsam...
02/09/2026

Beeksisni alaa akkaataa Seer-luga Afaanii, Aadaa fi Duudhaa Ummataa Eeggateen Hojii Irra Oolchuun Murteessaa Ta'uu Ibsame.

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsiitti Hojiilee Beeksisa Alaa istaandaardiitti fiduuf qooda fudhattoota waliin mariin taasifame.

Qajeelfamniifi dambii beeksisa alaa hojii irraa ooluun guddina Afaan Oromootiif murteessaa ta'uu kan ibsan Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalichatti Abbaa Adeemsa Yaada Uummataafi Qorannoo Miidiyaa Obbo Mootii Gammachuu Dhaabbileen daldalaa, Miti -mootummaafi kanneen biroo tajaajilaafi dhimmoota hawaasaa beeksifachuu barbaadan qajeelfamaafi dambii kominikeeshiinii eeguun hojjachuu akka qaban ibsaniiru.

Waajjira Kantiibaa Magaalichatti Qindeessaa Adeemsa Miidiyaafi Kominikeeshiinii Obbo Mohammad Nabii dhaabbilee beeksifni alaa hojjatamu kamiiyyuu istaandardii, qajeelfamaafi ulaagaa seer-luga Afaanii eeguu akka qaban kaasuun bu'uura kanaan qindeessummaa Waajjira Kantiibaatiin seekteraalee qindaa'oo waliin hojiilee beeksisa alaa gara istaandaarditti fiduuf hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.

Fayyadamummaa dubartoota gama hawaas-diinagdeen mirkaneessu keessatti iniisheetiiviin misooma damee qonna magaalaa babal...
31/08/2026

Fayyadamummaa dubartoota gama hawaas-diinagdeen mirkaneessu keessatti iniisheetiiviin misooma damee qonna magaalaa babal'isuun wabii nyaata mirkaneessuun cinatti jireenya hawaasa utubaa jira.

Innisheetiviiwwaan gurguddoon misooma hundagaleessa damee qonna magaaloota babal'isuun aadaa hojii gabbisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartoota keenya gama hawaas-diinagdeetiin utubuun wabii nyaata mirkaneessuun cinatti jiruuf jireenya hawaasa fooyyeessuu keessatti gahee ol'aanaa qaba.

Magaalaa Nageellee Arsiitti misooma damee qonna babal'isuuf wabii nyaata mirkaneessuuf "nyaata koo qe’ee kootii" dhaadannoo jedhuun hojjatamuu kan eegalee oolee bubuleera.Magaalichatti Aaddee Tanaanyee Lataa Jiraattuu Magaalaa Nageellee Arsii Ganda Qarsaa Ilaalaa yoo ta'an hojiilee misooma damee qonnaa magaalaa babal'isuun misooma horsiisa horii aannanii babal'isuun cinatti wabii nyaata mirkaneessuuf oomishaalee gosoota kuduraaf muduraa garaagaraa Oomishuun bifa hawwataa ta'een hojjetaa kan jiranii dha.

Aadde Tananyeen yeroo ammaa iniisheetiivii misooma dame qonna babal'isuun horsiisa misooma horii aannanii irratti xiyyeefachuun hojjetaa kan jiraniif gosoota kuduraaf muduraa garaagaraa kanneen akka muuzaa, paapayyaa avookaadoo, sanyii buna filatamaa, qullubbii adii,misooma dammaa,horsiisa looniif kanneen biroo irratti bobba'anii hojjataa jiraachuu himan.Kana malees qaala’iinsa gatii gabaa hir’isuu, baasii nyaataa sadarkaa maatiitti bahu xiqqeessuu fi carraa hojii uumuun maatii isaanii wajjiin ta'un hojjataa jiraachuu dubbatan.

Magaalootni keenya bakka guddinni saffisaa keessaa maddu, motora kalaqaafi dinagdee akkasumas, wiirtuu hojii daldalaa, industirii fi tajaajiloota ariifachiisaa misoomaaf diinagdee biyyaatiif murteessa dha. Keessumattu hirmaannaa fi fayyadamummaa hawaasa keenya mirkaneessuuf, darbees haala mijataa jiraataan kamuu carraa hojii babal'isuun diinagdeen fayyadamaa taasiisa kan jiruu dha.

Mootummaan imaamataa guddina ariifachiisaa misoomaaf diinagdee biyyaa utubuuf galmoota gurguddoo imala badhaadhina bocuun hojiirra oolchuurratti kan argamuuf hawaasa keenya gama hundaan fayyadamaa taasisuuf hojjataa kan jiru dha.Keessuummattu wabii nyaata mirkaneessuu, ogummaa dagaagsuu, kalaqaa fi ogummaa teeknooloojii dijitaalaa gabbisuuf qabeeenya dilbii qaban sirnaan fayyadamuun gahee ce'umsa dinagdee gama hundaan karoorfame hojjatamaa jira.

Bu'uuruma kanaan,Magaalaa Nageellee Arsiitti innisheetiviiwwaan gurguddoon misooma damee qonna babal'isuun hojiiwwaan akka furdisa loonii, horsiisa lukkuu, horsiisa horii aannanii, omishtummaa misooma dammaaf kanneen biroo irratti dubarttootni, dargaggootni fi hawaasni magaalaa fayyadamaa ta'aa jira. Dubartoota adda duree magaalichaa inisheetiivii misooma damee qonna babal'isuun karaa qixa sirriin fayyadamaa jiran keessa aadde Tanaanyee Lataa hojiilee fakkeenyummaa gaarii ta'uu danda'an milkeessuun fayyadamaa ta'aa jiraachuu dubbatan.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf
Karaa Fuula Page Waajjiraatiin
https://www.facebook.com/NegeleArsiTownCommunication92gmail
TikTok channeliin keenya
https://www.tiktok.com/://www.tiktok.com/
Karaa YouTube channel immoo
https://youtube.com/ Like,Follow Subscribes gochuun
Telegram Channel Keenya Join, Subscribe Godha
https://t.me/kominikeshiiniimagaalaanageellee

Magaalichatti Raawwii Hojii Galmee Barattootaa Bara 2019 qooda fudhattoota Damee Barnoota Magaalichaa Wajjiin Ilaalame.G...
31/08/2026

Magaalichatti Raawwii Hojii Galmee Barattootaa Bara 2019 qooda fudhattoota Damee Barnoota Magaalichaa Wajjiin Ilaalame.

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsiitti qorannoon raawwii hojii galmee barattootaa bara barnootaa 2019 Iddoo qooda fudhattoonni damichaa guutuun argamanitti sadarkaa Magaalaatti gaggeeffame.

Maricha irratti Ittigaafatamaan Siyaasaa Ijaarsa Dandeettii Magaalichaa Obbo Gammadaa Usmaan akka dubbatanitti‎ hojiin galmee barattoota bara barnootaa 2019 akkaataa yeroo karooraan qabamettii manneen Barnootaa hunda keessatti harcaatii tokkoo malee gaggeessuun milkaa'ina imaammata barnootaa haaraaf bu'ura akka ta'e ibsan.

Deeggaraa Magaalichaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Galmeessa Siivilii Godina Arsii Lixaa Obbo Muhaammad Agaroo gama isaaniitiin barattoonni umriin isaanii barnootaaf gahe hundi carraa barnootaa akka argatan gochuuf, maatii fi hawaasa hubachiisuu, galmee barattootaa yeroon xumuruu keessatti gaheen qooda fudhattootaa murteessaa akka ta'e ibsanii jiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii Obbo Wonduu Roobaa gama isaaniitiin imaammata barnoota haaraa Galmeen barattootaa yeroon xumuranii hojii baruuf barsiisuu jalqabsiisuun qulqullina barnootaa karaa qixa barbaadamuun milkeessuuf kan gargaaru akka ta'e ibsanii jiru.

Dhuma irratti haala galmeen barattootaa itti gaggeeffamaa jiru madaaluu, hanqinnaalee fi rakkoolee hojii keessatti mul’atan adda baasuu, furmaata irratti waliigaluu fi galmee barattootaa qulqullinaa raawwachuun barattoota barnoota irraa hafan adda baasuu fi gara mana barumsaa deebisuuf hojii qindaa’aa akka gaggeeffamu irratti mariin bal’aan gaggeeffamuun kallattiin raawwii ariifachiisus kaa'ameera.

Shaampiyoonaan wal dorgommii taphaa ispoortii Gannaa gareewwan  guddattoota kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee ...
30/08/2026

Shaampiyoonaan wal dorgommii taphaa ispoortii Gannaa gareewwan guddattoota kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii ji'aa tokkoof gaggeefamaa turee milkaa'iinaan xumurame

Xumura shaampiiyoonaa wal dorgommii ispoortii gannaa kana irratti keessuummootni,hooggansii magaalichaa deeggartootni, jaalattoonni fi ispoorteesittootni garagaraa argamaniiru.

Sagantichaa irratti Kantiibaa Magaalaa Nageellee Arsii obbo Mooyataa Woldee argamuun dargaggootni humna oomishaafi utubaa abdii egeree biyyaa ta'aan misooma ispoortii dagaagsuuf gahuumsa sammuuf qaamaa isaanii eegachuu akka qabaniif keessummattuu ol guddattootni gareewwaan kubbaa miilaa magaalichaa bakka bu'uun sadarkaa naannoof biyyaatiif cichoominaan hojjachuu akka qaban ibsaniru.

Gareewwaan guddattoota sadarkaa "A" hangaa "C" gidduutti taasifama tureen Xumuraa geebbaaf falmachaa kan turee garee AB Dish fi Maaniyaawuqaal gidduuti morkii taasifamee AB Dish galchii 3 fi 1n injifachuun shaamiyoonaa ta'uus danda'eera.

Mariin Dargaggoota haala yeroo fi misooma irratti xiyyeefate mata duree "Anniisa Dargaggummaa Ijaarsa Nagaaf" jedhuun ga...
29/08/2026

Mariin Dargaggoota haala yeroo fi misooma irratti xiyyeefate mata duree "Anniisa Dargaggummaa Ijaarsa Nagaaf" jedhuun gaggeefame

Godina Arsii Lixaa Bulchiinsaa Magaalaa Nageellee Arsiitti,mariin misoomaa fi fayyadamummaa akkasuma haala yeroo irratti karaa xiyyeeffateen dargaggoota magaalichaa wajjiin mariin gaggeefame.

Ittigaafatamaan Gurmuu Dargaggoota Magaalichaa dargaggoo Godaanaa Bushuraa sagantichaa irratti argamuun misooma hunda galeessaa hawaas-diinaagdee biyyaa utubuu keessatti gumaachii dargaaggoota keenya olaanaa ta'uu ibsaniiru.

Marii kana irratti Ittigaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Nageellee Arsii Obbo Gammadaa Usmaan akka dubatanitti dargaggoonni humna oomishaa beekkuumsaf dandeettii qabaaniin utubaa nageenyaa fi misooma biyyaa keessatti gahee isaanii karaa qixa sirriittiin bahaachuun jijjiiramaa fi guddina hawwas-diinaagdee ijaarsa biyyaatiif xiyyeefannoon hojjachuun murteessaa ta'uu ibsaniru.

Sagantichaa irratti Ittigaafatamtuun Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Magaalichaa Aadde Fooziyaa Ahimaddiin dargaaggootni keenya humna jijjiiramaa abdii egeree biyyaa kan ta'an utubaa nageenyaa ta'uun hojiilee misoomaa fi fayyadamummaa hawaasaa hunda galeessa keessatti hirmaannaan taasisan cimee itti fufuu akka qabu ibsaniru.

29/08/2026

Adresse

Democratic Republic Of The

Téléphone

+461160592

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Negele Arsi Town Communication publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Raccourcis

Partager