06/08/2026
Qorannoo hojii gaggeessuun; hanqina jiru maqsaa; cimina jiru itti fufsiisuun, milkaa'ina hojiitiif dhimma murteessa.
******
Godina Harargee Lixaatti Waajjirri Barnoota Godina Harargee Lixaa gamaagama hojii Barnoota Waliigalaa Bara 2018 gaggeessaa ture irratti argamuun Kabajamoo Aadde Ekram Taha Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa, I/G Waajjira Barnootaa Godina Harargee Lixaa Obbo Awwal Abdallaa fi Itti aanaa Waajjira Barnootaa Godina Harargee Lixaa Obbo Abdi Siraj iin kallattii hojii itti aanu kaa'uun goolabameera.
Raawwii waliigala bara kanaatiin sochii caasaan barnoota sadarkaan jiranii,barsiisootaa fi hawaasni keenya taasisaa tureen fooyya'iinsa qabxii barattootaa irratti injiffannoon galmaawe gaarii waan taheef deeggarsaa fi tumsi milkaa'ina barnootaa gaggeeffamu cimsinee itti fufna jedhaniiru.
Milkaa'ina hojii barnootaaf hojii kenna tajaajila tolaan raawwatamu dhaabbilee barnoota qabnu deeggaruun gamatti dhimma barnoota itti fufsiisuu fi dhiisuu tahuu hubatamee waggoota darbaniif bu'aan galmaawe boonsaa akka tahee fi fuula duraas daran cimee akka itti fufu ni taasifamaas jedhanniiru.
Gamaagama gaggeeffamaa tureen ciminaa fi hanqina bara 2018 adda baasuun cimina bara 2018 galmaaye akka itti fufuu fi hanqinni bara kanaa immoo galtee karoora bara 2019 taasifachuun akka irratti hojjataniis caasaa barnootaa irratti waliigaleera.
Kallattii hojii itti aanan keessatti dhimmi xiyyeeffannaa addaattiin hogganamuu qabu KTL hojii eegalame xumursiisuu,galmee barattootaa milkaa'inaan xumuruu, Istaandaardii Mana Barumsaa fooyyeessuuf hojjachuu, hirmaannaa ummataa cimsuu fikkf hojiiwwan yeroo itti aanaan ciminaan hogganaman tahuu kallattiin kennameera.