oromodhaf BTV sagalee

oromodhaf BTV sagalee bilisummaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii GG mooraa barnoota garagaraa keessatti barnoota siyaasaa, waraanaa fi ogummaa fayyaan ...
29/02/2024

Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii GG mooraa barnoota garagaraa keessatti barnoota siyaasaa, waraanaa fi ogummaa fayyaan barsiisaa ture eebbisiise.
ONM-ABO Guraandhala 28,2024 Roorroo garbummaa sirni impaayera Itoopiyaa Uummata Oromoo irraan ga'aa jirutti xumura gochuun nagaa waaraa, bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaa uummata Oromoo gonfachiisuuf qabsoon Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa sadarkaa abdachiisaa irra jira. Imaanaa qabsoo dhalootni wal harkaa fuudhee har’a irra ga'een dacheen Oromiyaa kaaba, kibba, bahaa fi dhihatti baaruda walabummaa ulachaa jirti.

Qabsoo Oromoo sadarkaa barbaadamuun goolabbii itti tolchuuf gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo qurxummiilee itti horsiisa, galaanichas itti humneessaa jira. Ji’oota darbaniifis zoonii Giddu galaa bakkeewwan garaagaraatti barnoota siyaasaa, waraanaa fi ogummaa fayyaan kaadhimamtoota barsiisaa ture torban kana keessa bifa milkii qabuun Guraandhala 26, 2024 eebbisiisee xumureera.

Yeroo itti mootummaan filannoo lolaa dhabee humna qilleensaan hawaasa nagaa miidhaa fi shororkaa uumaa jirutti humna guddaa funyaan Finfinnee jalatti barsiisuun kan bobbaase WBO'n gara fuulduraattis qabsoon roga maraa akka itti fufu qondaalotni eebba kana irratti argaman himaniiru.
‘ Dhalootni har’a qabsoo gaggeessa jirru seenaa keessatti waan badaa fi gaariin jiraachuu himuun nuti dhaloota waan badaa irraa baratee daandii qabsoo sirrii filatuu fi waan gaarii jabeeffatu akka taane kan himan Itti aanaa ajaja WBO Zoonii GG Jaal Jireenyaa Rabbumaati.

Sirna eebba ogeessota fayyaa irratti haasaa kan godhan Jaal Sanyii Nagaasaa ogummaa loltummaa biratti ogummaa fayyaa horachuun dirqama lamaaf kan isin qopheessu waan ta’eef dirqama kana ba'uuf naamusni fi jabinni keessan murteessaadha jedhan. Dhukkubsataa karaa xiinsammuu fi qorichaan yaaluuf waan deemtaniif naamusni keessan furtuu yoo ta’u, uummata Oromoos ta’ee nama dhukkubsatu kamuu waan qabaniin yaaluun dirqama ogummaan fayyaa namatti kennuu fi hojii irratti isin eeggatuudha jedhaniiru.

Sirna eebbaa marsaa ‘Galmee Seenaa’ mooraa gargagaraatti gaggeeffame kana irratti miseensa Koree Hojii Raawwachiistuu ABO WBO fi ajajaa WBO Zoonii GG Jaal Sanyii Nagaasaa dabalatee qondaalotni, miseensotni WBO fi uummatni Oromoo irratti hirmaataniiru.

Guutuu Eebbaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa sagantaa keenya itti aanuun isiniif dhiyeessina!

Address

Wallaga Lake, NSW
44444

Telephone

+251919456144

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when oromodhaf BTV sagalee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to oromodhaf BTV sagalee:

Share