Galii Shaashee

  • Home
  • Galii Shaashee

Galii Shaashee Waajjirri Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee gibiraa sirnaan sassaaba, tajaajila saffisaa fi iftoomina kenna.

Miidiyaa digitalaa cimsuun iftoomina Uuma.

የሻሸመኔ ከተማ ገቢዎች ጽ/ቤት የመንግስት ግብርን በትክክለኛ መንገድ ይሰብስባል፣ ፈጣንና ግልጽ አገልግሎት ይሰጣል፣ ዲጂታል ሚድያን በመጠቀም ግንዛቤን ይሰጣል።

Waajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Duula Galii Cimsuu EegaleWaajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Shaashama...
05/03/2026

Waajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Duula Galii Cimsuu Eegale

Waajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee maddoota galii hunda qulqullinaa fi iftoominaan fayyadamuun galii Magaalichaa sadarkaa ol’aanaatti guddisuuf duula galii sassaabuu bal’aa eegaluun, qooda fudhattoota waliin mari’achuun kallattii hojii ifaa kaa’eera.

Waajjirichi bu’a qabeessummaa galii cimsuuf dambii fi qajeelfamoota mootummaa irratti hundaa’uun rifoormii humna namaa gaggeesseera. Riijoo hanga aanaalee Magaalattii jiranitti ogeeyyii fi daarektaroota 27 irratti jijjiirama fi fooyya’iinsi hojii taasifameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Galii Magaalichaa, Obbo Dastaa Adishoo, duula galii sassaabuu milkeessuuf cheeklistiin hojii qophaa’ee irratti mari’atamuu fi hojii irratti hiikamuun eegaluu ibsaniiru. Akkasumas, milkaa’ina karoora galii mirkaneessuuf rifoormiin hojjettootaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Itti Aanaan Ittigaafatamaa Waajjira Galii Magaalichaa, Obbo Hayiluu Ingidaa, karoora galii bara kanaa guutummaatti raawwachuuf hojii qindoominaa fi ittigaafatamummaa cimaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsanii, qooda fudhattoonni hundi hojii kana milkeessuuf xiyyeeffannoo fi tumsa isaanii cimsuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Waajjirri Galii Magaalaa Shaashamannee galii sirna qabeessa, qulqulluu fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’een sassaabuu fi fayyadamuuf hojii itti fufiinsaan hojjechaa jira.

Waajjirri Galiiwwan Magaalaa Shaashaamannee hawaasa daldalaa sirna E-Tax tti ceesisuuf hojii taasisaa jiru irratti har’a...
16/02/2026

Waajjirri Galiiwwan Magaalaa Shaashaamannee hawaasa daldalaa sirna E-Tax tti ceesisuuf hojii taasisaa jiru irratti har’a marii bal’aa gaggeesseera.

Marii kana irratti qondaalonni ol’aanaa Waajjira Galiiwwan magaalichaa akkasumas Keessuummoonni addaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa hirmaataniiru.

Mariin kun sirna bittaa fi kaffaltii ammayyaa diriirsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, hojii bittaa fi gurgurtaa kamuu karaa Nagahee QR Code fi Invoice Machine qofa fayyadamuun akka raawwatamu kallattiin kaa’ameera.

Akkasumas, Nagahee malee bituu fi gurguruun yookaan Nagahee manuwaalii fayyadamuun bittaa fi gurgurtaa raawwachuun yakka ta’uu akka danda’u hawaasni daldalaa hubachuu akka qabu hoogganaan waajjirichaa, Obbo Dastaa Adishoo, yaadachiisaniiru.

Sirni E-Tax kun iftoomina, itti-gaafatamummaa fi amantaa sirna galii mootummaa cimsuuf murteessaa ta’uu ibsameera.

Leenjii E-Tax hojjettoota Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamanneetiif kenname milkaa’inaan gaggeeffame. Leenjii kana i...
11/02/2026

Leenjii E-Tax hojjettoota Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamanneetiif kenname milkaa’inaan gaggeeffame.

Leenjii kana irratti hojjettoonni Garee Murtii Taaksii kutaalee magaalaa fi hojjettoonni waajjirichaa bal’inaan hirmaataniiru.

Leenjiin kun garee Biiroo Galiiwwan Oromiyaa irraa ergameen kan kenname yoo ta’u, kenni tajaajilaa Waajjira Galiiwwanii sirna saayinsii fi teeknooloojiin deeggarameen akka fooyya’u irratti xiyyeeffateera.

Dursaan Garee Leenjii kanaa Obbo Mangistuu Mulunaa akka ibsanitti, sirna E-Taxitti ce’uun tajaajila saffisaa, iftoomina qabu fi ammayyaa ta’e kennuuf murteessaa waan ta’eef, hawaasni daldalaa illee qixa kanaan qophaa’uun barbaachisaa dha jedhaniiru.

Dursaan Garee Murtii Taaksii Waajjira Galiiawwan Magaalaa Shaashamannee Obbo Ahmad Tusii gamasaaniin, leenjii E-Tax irratti kenname kun hojjettoota Magaalaa Shaashamanneetiif marsaa lammaffaa ta’uu ibsanii, hubannoo fi gahoomina gama E-Taxiin qabnu cimsuuf gumaacha guddaa qabaachuu himaniiru.

Hubannoo leenjii irraa argameen hawaasa daldalaa sirnaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaaniiis mirkaneessaniiru.

Waajjirri Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee humna dandeettii ogeeyyii isaa cimsuuf leenjii sirna dijitaalaa“  ( )” jedhu ...
07/02/2026

Waajjirri Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee humna dandeettii ogeeyyii isaa cimsuuf leenjii sirna dijitaalaa“ ( )” jedhu kennaa jira.

Leenjichi sirna 'Pre-Planning, 'Planning, Collections, Overdue' fi dameewwan biroo kan hammatu yoo ta’u, ogeeyyiin karoora, sassaabbii fi hordoffii galii hojii isaanii sirnaan, amanamummaa fi saffisaan akka raawwatan gahoomsuuf kan qophaa’eedha.

Leenjicha kan kennan leenjistoota Leenjii (TOT) kan ta’an Dursaa Garee Karooraa Obbo Gammadaa Badhaasaa, Dursituu Garee Sassaabbii Galii Aadde Alamituu Galgaluu fi Daarektarri Misoomaa fi Bulchiinsa Teknoloojii Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee Aadde Hiwot W/Mikaa’el ta’uu ibsameera.

Leenjichi tajaajila sassaabbii fi gabaasa galii sirna ammayyaa fayyadamuun cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu isaa leenjistoonni ibsaniiru.

Akkasumas, sirna sassaabbii galii hammayyeessuun karoora qabame milkeessuuf dandeettii raawwachiisummaa ogeessota sadarkaa adda addaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu himaniiru.

Leenjicha irratti dursitoota garee sassaabbii fi hordoffii galii, ogeessota herreegaa, ogeessota administrateera siisteemaa, ogeessota hordoffii galii fi ogeessota karooraa hirmaachaa jiru.

Leenjichi dandeettii teeknikaa ogeessotaa cimsuun gara teknoloojii dijitaalaatti ce’uun karoora Waajjirichaa sirnaan dhugoomsuuf akka isaan dandeessisan gargaara.

Leenjichi mata-duree moojulaa ORPRS fi sirna sassaabbii galii hammayyeessuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, dandeettii raawwachiisummaa karoora sassaabbii galii, maddoota galii adda baasuu, tooftaalee sassaabbii ammayyeessuu fi sirna gabaasa dijitaaleessuu irratti leenjii bal’aa of keessatti hammata.

Leenjicha kan jalqabsiisan Hoji-Geggeessaa Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee Obbo Dastaa Adishoo, ogeeyyiin ogummaa argataniin rakkoowwan teeknikaa furuun bu’a qabeessummaa hojii waajjirichaa akka cimsan kallattii kennaniiru.

Leenjichi guyyoota muraasaaf kan turu ta’uu ibsameera.

“Milkiin bara kanaa argame hojii itti aanu keessatti daguu nutti uumuu hin qabu,”  Hoji-Geggeessaan Waajjira Galii Magaa...
03/02/2026

“Milkiin bara kanaa argame hojii itti aanu keessatti daguu nutti uumuu hin qabu,” Hoji-Geggeessaan Waajjira Galii Magaalaa Shaashamannee Obbo Dastaa Adishoo

Waajjirri Galii Magaalaa Shaashamannee bara bajataa kanaatti gibiraa fi taaksii Qarshii Biiliyoona 5.5 sassaabuuf karoora bal’aa qopheessee hojiirra oolchaa jira. Karoora kana keessaa, raawwii hojii kurmaana lamaatiin Qarshii Biiliyoona 2.75 sassaabuun danda’ameera. Kun karoora waliigalaa dhibbantaa %50.42 akka raawwatame ifatti agarsiisa.

Gamaaggama raawwii hojii kurmaana lamaa irratti hirmaachuun ibsa kennan Obbo Dastaa Adishoo, bu’aa argame kana milkaa’ina olaanaa jechuun ibsanii, bu’aan kun hojiilee qindaa’oo, hordoffii cimaan, akkasumas hirmaannaa hojjattootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaatiin galmaa’uu isaa eeraniiru.

Galiin sassaabame kun tajaajiloota hawaasaa, misooma bu’uuraa, ijaarsa daandii, tajaajila bishaanii fi elektirikaa, akkasumas hojiilee misoomaa biroo akka cimsuuf shoora olaanaa qaba. Kanaafuu, galiin mootummaa sirnaan sassaabamuun fayyadamummaa uummataa kallattiin akka guddisu hubachiisaniiru.

Yeroo itti aanu keessatti immoo, milkaa’ina kana caalaatti guddisuuf, qaamni hunduu haguuggii, miliqoo fi dhoksaa gibiraa fi taaksii adda addaa irraa bahuu akka qabu akeekkachiisaniiru.

Sirna sassaabbii galii ammayyeessuu, itti fayyadama teeknolojii dijitaalaa cimsuu, akkasumas hubannoo kaffaltii gibiraa uummata keessatti guddisuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Dabalataanis, carraaleen maddoota galii ta’an hunduu karaa heera, seera, labsii fi dambii gibiraa fi taaksii mootummaa eegsiisuun akka hojiirra oolan, hordoffii fi to’annoon cimaan akka taasifamu kallattiin kaa’ameera.

Walumaagalatti, sochiilee raawwatan irraa ciminaalee argaman itti fufsiisuun, hanqinaalee mul’atan immoo fooyyessuun, kurmaana itti aanutti bu’aa caalu galmeessuuf murannoo cimaa qabaachuun hojii itti fufuu akka qaban ibsameera.

Waajjira   Mag. ShaashamanneeMagaalaa Shaashamanneetti gamaaggamni ji’a jahaa raawwii hojii Waajjira Galiiwwan Magaalaa ...
03/02/2026

Waajjira Mag. Shaashamannee

Magaalaa Shaashamanneetti gamaaggamni ji’a jahaa raawwii hojii Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee sirna qindaa’aa fi hirmaannaa bal’aan geggeeffameera. Gamaaggama kana irratti hoji-geggeessitootni fi abbootiin adeemsaa, akkasumas kutaalee magaalaa fi aanaalee hunda irraa hirmaataniiru.

Gamaaggamni kun raawwii hojii waggaa keessaa kan ji’a jahaa sakatta’uudhaan, hanqinoota mul’atan adda baasuu fi tajaajila galii fooyyessuuf kallattii fuulduraa kaa’uurratti xiyyeeffateera. Marii gaggeeffameen sirna sassaabbii galii ammayyeessuu fi qulqullina tajaajilaa cimsuuf murtoon waliigalaa irra ga’ameera.

Akkasumas, itti fayyadama teknoloojii fi dijitaalaa ( Oromia Revenues & ) tajaajila Waajjira Galii keessatti hojiirra oolchuu cimsuuf leenjiin gabaabaan hirmaattotaaf kennameera. Leenjiin kun tajaajila saffisaa, iftoominaa fi sirna odeeffannoo ammayyaa fayyadamuun galii mootummaa guddisuuf shoora olaanaa akka qabu ibsameera.

Abbootiin dhimmi ilaallatu gama isaaniitiin, hojiilee waliigalaa qindoominaan hojjachuun fi teknoloojii fayyadamuun galii magaalaa Shaashamannee caalmaatti guddisuuf tattaaffiin itti fufa jedhaniiru.

Kutaa Magaalaa Haruufaatti Galiin Gibiraa Hanga Ammaatti Qarshii Miiliyoona 505 Ol Sassaabamuu Waajjirichi BeeksiseGalii...
29/01/2026

Kutaa Magaalaa Haruufaatti Galiin Gibiraa Hanga Ammaatti Qarshii Miiliyoona 505 Ol Sassaabamuu Waajjirichi Beeksise

Galii–Haruufaa | Shaashamannee

Shaashamannee – Kutaa Magaalaa Haruufaatti hojii sassaabbii galii hanga ammaatti gaggeeffameen, qarshii 505,500,576.73 maddoota galii idilee fi maddoota galii addaa irraa sassaabamuu Hoji geggeessaan Waajjira Galii kutaa magaalichaa Obbo Eda'oo Suufaa beeksiseera.

Gamaaggamni raawwii galii kun marii gaggeeffameen kan adeemsifame yoo ta’u, hojjettoonni Waajjira Galii kutaa magaalichaa fi aanonni dhimmi ilaallatu irratti hirmaataniiru. Mariicha keessatti haalli raawwii galii ammaa, rakkoolee mudatan, fi tarkaanfiileen fooyya’insaa irratti mari’atameera.

Mariin kun dabalataanis, kurmaana 3ffaa keessatti galii qarshii biliyoona 1 sassaabuuf karoora fi cheekliistii qophaa’e irratti xiyyeeffachuun, hojiilee dursa kennamuu qaban irratti kallattii ifaa kaa’eera.

Akkasumas, karoora waliigalaa galii kutaa magaalichaa qarshii biliyoona 1.5 keessaa kan hafe hanga xumura kurmaana 3ffaatti guutuu galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon akka hojjatamu irratti waliigalteen ga’ameera.


Itti Aanaan Bulchaa Kutaa Magaalaa Haruufaa, Obbo Gammachuu Birhaanuu, to’annoo, hordoffii fi qindoomina hojjettootaa cimsuun sassaabbii galii bu’a qabeessa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsanii, kurmaana itti aanutti galii karoorfame guutuu sassaabuuf hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Waajjirri Galiiwwan Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Gamaaggamuun Karoora Kurmaana 3ffaa I...
29/01/2026

Waajjirri Galiiwwan Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Gamaaggamuun Karoora Kurmaana 3ffaa Irratti Kallattii Kenne

Waajjirri Galiiwwan Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa raawwii hojii Kurmaana 2ffaa gamaaggamuun, akkasumas karoora hojii Kurmaana 3ffaa mirkaneessuun kallattii hojii itti aanuu kenneera.

Gamaaggamni kun marii manaajimentii hardha gaggeeffameen kan adeemsifame yoo ta’u, dhimmoota hojii fi galii wajjin walqabatan adda addaa irratti xiyyeeffateera. Mariin gaggeeffame keessatti naamusa hojjettootaa, galmee VAT, kaffaltii gibiraa kaffaltoota sadarkaa A, B fi C, akkasumas hojiilee oodiitii fi qorannoo kuufamaa irratti gamaaggamni taasifameera.

Akkasumas, karoora fi cheekliistii hojii Kurmaana 3ffaa abbootiin adeemsaa qopheessan dhiyaachuun erga gamaaggamni bal’aan irratti gaggeeffameen booda, hojiilee dursa kennamuu qaban irratti kallattiin kennameera.

Bu’uuruma kanaan, abbootiin adeemsaa cheekliistii isaanii hanga xumura Bittootessaa bara 2018tti xumuruun gara hojiitti akka seenaniif kallattiin kaa’ameera.

Dabalataanis, abbootiin qabeenyaa investimantiin lafa fudhatan gibiraa fi taaksii lafaa isaan irraa eegamu yeroodhaan akka kaffalan kallattiin kennameera.

Akka Hoji Geggeessaan Waajjira Galiiwwan Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaa Obbo Muhammad Malaatoo ibsanitti, to’annoo fi itti gaafatamummaan cimee hojiirra oolchuun raawwii galii kurmaana itti aanuu fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennameera.

Galii Shaashee follow, like, Comment fi share tolchuun maatii ta'aa!!

Shaashamanneetti   Mootummaa Duguuganii Galchisiisuuf Hojiin Cimaan Itti Fufee hojjatama. Magaalaa Shaashamanneetti gali...
29/01/2026

Shaashamanneetti Mootummaa Duguuganii Galchisiisuuf Hojiin Cimaan Itti Fufee hojjatama.

Magaalaa Shaashamanneetti galii mootummaa haala karoorfameen duguuganii galchisiisuuf mariin hooggansa sadarkaan jiru hirmaachise gaggeeffameera.

Mariin kun argama Kantiibaa Magaalaa Shaashamannee Obboo Adaanee Taklagiyoorgis fi Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalichaa Obboo Amansiis Adunyaa tiin gaggeeffame. Gabaasni raawwii hojii hanga ammaatti hojjetame dhiyaachuun, karoora hojii itti aanu irratti mariin bal’aan taasifameera.

Hoji Gaggeessaan Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee Obboo Dastaa Adishoo akka jedhanitti, karoora galii mootummaa bara kana qabame milkeessuun misooma magaalaa itti fufsiisuuf murteessaa dha. Maddoota galii hunda adda baasuun, seerota taaksii sirnaan hojiirra oolchuu fi harcaatii galii jiru dhabamsiisuun dirqama caasaa hundaa ta’uu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaashamannee Obboo Amansiis Adunyaa, qindoominni caasaalee galii sadarkaan jiran cimee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Dhimma galii akka ajandaa ijootti fudhachuun, harcaatiiwwan mul’atan yeroo gabaabaa keessatti sirreessuun badhaadhina eegalame itti fufsiisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obboo Adaanee Taklagiyoorgis gamasaaniin, magaalaan pirojektoota fayyadamummaa hawaasaa hedduu baajata isheetiin hojjetaa jiruu fi hawaasni bu’aa isaa argachaa jiraachuu ibsaniiru. Pirojektoota ijaarsarra jiran yeroo qabame keessatti xumursiisuuf galiin maddoota hundarraa sirnaan duguugamee galuu akka qabu akeekkachiisaniiru.

Dhuma irratti, caasaaleen galii sadarkaan jiran hundi galii maddoota hundaa haala karoorfameen hojiirra oolchuun gahee isaanii akka bahatan waliigalteedhaan ibsameera.

Maddi; Kominikeeshinii Magaalaa Shaashamannee ti.

“Hojiileen Sirna Daldalaa Magaalaa Shaashamannee Rogatti Deebisuuf Eegalaman, Ammas Ciminaan Itti Fufuu Qabu” – Manaajim...
27/01/2026

“Hojiileen Sirna Daldalaa Magaalaa Shaashamannee Rogatti Deebisuuf Eegalaman, Ammas Ciminaan Itti Fufuu Qabu” – Manaajimentii Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee

Gamaaggamni raawwii hojii Waajjira Galiiwwan Magaalaa Shaashamannee kan kurmaana 2ffaa bara hojii 2018, bu’aalee hanga ammaatti galmaa’an irratti xiyyeeffachuun gaggeeffameera. Gamaaggama kanaan, milkaa’inoonni galmaa’an jajjabeeffamuu, hanqinoonni mul’atan sirreeffamuu akka qaban irratti waliigalamee, kallattiiwwan hojii itti aanan ifatti kaa’amuun goolabameera.

Akka Manaajimentiin waajjirichaa ibsutti, hojiileen sirna daldalaa magaalaa rogatti deebisuuf eegalaman, haala qindaa’aa fi hirmaannaa qaamolee dhimmamtootaa cimsuudhaan, itti fufiinsaan hojiirra ooluu qabu. Kunis galii magaalaa guddisuu, tajaajila uummataaf kennamu ammayyeessuu, akkasumas sirna daldalaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu uumuuf murteessaa ta’uu ibsameera.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Galii Shaashee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your organization to be the top-listed Government Service?

Share