10/01/2022
Lammiitu Lammiif Dhiiga!
➪➩➪➩➪➩➪➩➪➩➪➩➪➩
Baratan kun Bultee Addaamuu Taaffasaa jedhama. Dhalataa Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo Ganda Guutee Mika'eelidha. Haadha hin qabu. Abbaan isaa immoo harka qalleessa. Barsiisuufis fedha hin qabu. Bara kana barataa kutaa 8ffaa ti. Bara dhuftu yoo Lammiinko na deeggere Mana Baruumsaa Bultii Addaa Najjoo galuuf karoorfatee jira. Waggaa lamaf (Kutaa 6ffaa fi 7ffaa) Loon namaf tiksee barate. 1ffaas bahe. Bara kana garuu maatiin sun deeggeruu hin dandeenye. Kanaf, Lammiinko maal ta'a yoo na barsiise jedha. Deeggersa waan hin qabnef Qarshii tokkolle hin tufatu! Jirbiin wal gargaartee Arba hiiti jedhama waan taheef! Barsiisaa Bultii Hiikaa immoo Barsiisaa mucaa qaxalee kanati. Baratan kun yoo nama bira taa'ee baratu argates ija hin suukkumatu. Baroota darbanis Barattootni Lammiin isaanii birmataniif kaan Mana Baruumsaa Bultii Addaa Adaamaa fi kaan immoo 'University' Dambii Doolloo jiru. Kanaf, Lammiinko galata qabdu. Barata kanas galmaan haa geenyun dhaamsako xumuraati!
➩Baga Ayyaana Irreechaa bara 2015'n Isin ga'e!
➪Galatni keessan Tokkummaa Saba bal'aa haa ta'u❤