09/03/2025
Addunyaa kanarra yeroo takka qofa jiraatta. Asirraa dabrinaan lammata asirratti hin deebitu. Gaafa tokko biqiltuu jiruu irraa akka baala gogeetti harca'uun kee hin oolu.
Kanaafuu:
Yoo balleessite dogoggora kee fudhu. Yoo nama miite dhiifama gaafadhu. Yoo jaalatte baasii dubbadhu. Osoo hin du'in badii kee asirraa qulqulleessi. Namni biroo sirraa bakka bu'u hin jiru. Waan har'a hojjatuu qabdu boritti hin dabarsin. Borus hojii mataa isaa waan qabuuf. Qalbii nama tokkos hin cabsin. Haqa nama tokkos hin dabsin. Daangaa kee tarkaanfattee jiruu nama tokkoo hin seenin.
Nama gaafa du'u uffataa fi kopheen isaa qofti irraa haftu osoo hin taane: nama seenaa faana dhalootni irra deemu hojjatu tahi. Nama hundaan wajji amala gaariin jiraadhu. Namni amala gaariin asirratti urgaa'e: osoo dachee jala seenellee hin ajaa'u!
Yaa RABBI anaafis kenni waan an amma himu!