Mana Murtii Aanaa Magaalaa. Kutaa Magaalaa Sulultaa

Mana Murtii Aanaa Magaalaa. Kutaa Magaalaa Sulultaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Aanaa Magaalaa. Kutaa Magaalaa Sulultaa, Government Organization, Sululta, Shewa.

Onkololeessa 09/ 2016 Mariin Karoora bara 2016 fi Gamaggamni raawwiin hojii kurmaana 1ffaa bara 2016 gaggeeffameera.Mann...
20/10/2023

Onkololeessa 09/ 2016 Mariin Karoora bara 2016 fi Gamaggamni raawwiin hojii kurmaana 1ffaa bara 2016 gaggeeffameera.
Manni murtii aanaa kutaa magaalaa sulultaa Marii karooraa bara 2016 fi gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2016 hawaasa mana murtichaa waliin gaggeessee jira.
Sagantaan kun akkuma aadaa oromootti eebba maanguddoon kan baname yoo ta'u, haasaan baniinsaa karaa pirezidaantii mana murtii aanaa kutaa magaalaa sulultaa Kabajamoo obbo Darrasaa Getaachoo tiin taasifamee jira. Itti aansuun karoora bara 2016 fi gabaasni hojii kurmaana 1ffaa bara hojii 2016 karaa ogeessa karooraa mana murtii aanaa magaalaa sulultaa obbo Lammiin Fayyeeraatiin dhiyachuun erga irratti mari'atamee booda Adeemsalee waliin sirni wal-harkaa fuudhinsa karoora bara 2016 erga gaggeeffamee booda kallattiin hojii gara fuulduraa kaa'amuudhaan waltajjiin keenya xummurameera.
Horaa Bulaa!!

02/10/2023

Manni Murtii Aannaa Magaalaa Kutaa Magaalaa Sulultaa Guyyaa har'aa (Fulbaana 21) Ifatti Hojii Idilee Isaa ni Jalqaba.
-----------------------
(Fulbaana 21 ,2016 MMAKMS)-Manni murtii keenya boqonnaa Abbootii Seeraa ji'a lamaa booda guyyaa har'aa(Fulbaana 21) ifatti banamuun tajaajila idilee kennuu jalqaba. Abbootiin seeraa mana murtii keenyaa marti yeroo boqonnaa keessanii xumuruun baga nagayaan hojii idilee keessanitti deebitan jechaa barri hojii 2016 bara gahumsaa fi naamusa amalli ogummaa Abbaa seerummaa barbaadu gonfannee tajaajila abbaa seerummaa qulqullinaan itti kenninu akka nuuf ta'u hawwii qabnu ibsina. Haaluma wal fakkaatuun hawaasni manneen murtii keenyaa marti milkayina kenniinsa tajaajila abbaa seerummaaf gahee nu irraa barbaadamu akka bahannuu dhaamsa qabnu dabarsina.
Gama birootiin abbootiin dhimmaa keenya himannaa, deebii fi iyyata qulqullina qabu dhiyeeffachuun akkasumas ragaa sobaa gufuu sirna haqaa ta'aa jiru irraa fagaachuun mirkanaa'uu qulqullina kenniinsa tajaajila abbaa seerummaatiif gahee isin irraa barbaadamu akka bahattan ni hubachiifna.
-----------------
MMAKMS

Ergaa Baga Bara haaraa geessanii pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaa Kabajamoo Obbo Darrasaa Getaachoo Dab...
11/09/2023

Ergaa Baga Bara haaraa geessanii pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaa Kabajamoo Obbo Darrasaa Getaachoo Dabarsan.
Kabajamtoota uummata magaalaa keenyaa Fi Naannoo ishee Akkasumas Ummata Biyya keenyaa baga bara 2015 kessa Nagaan ofkaltanii waggaa haaraa bara 2016 nagaan geessan.
Bara Darbe bara 2015 keessa Hojiiwwan gurguddaa isin Ummata magaalaa keenyaa qabannee hojjechaa akka turre beekamadha. Waqtiin Gannaa yeroo roobni sirnaan roobee lafa jiisu, sanyiin faca'e icciitii uumamaatiin margee Birraa ashanti bilchaatee abdiin qaama uffatee ilma namaaf beenyaa baasudha.
Bara Darbee ykn hanga bara haaraa kanatti Uummanni keenyaa hojii Tajaajila Abbaa seerummaa fi tajaajila Lammummaatiin harka qalleeyyii hedduuf deeggarsa taasisaa turuun kan yaadatamuudha ammas Bara itti aanu Bara haaraa kanattii misooma waloo mirkaneessaa, rakkoowwan hawaasummaa waloo hiikkachaa Hojii haqa baanuufi tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu fi si'ataa akka kenninu hawwiin qabu isiiniif ibsuun barbaada.

Irra deebi'uun Barri haaraan Kun:-
✓Bara Aaragalfii,
✓Bara Jaalalaa,
✓Bara itti hojjattanii itti milkooftan isiniif hawwa jedhan. !!!!!

Obbo Darrasaa Getaachoo Pirezidaantii Mana murtii Aanaa Magaalaa kutaa magaalaa sulultaa.
Qaammee 6/2015

Adooleessa 29/12/2015 Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa sulultaatti korri haqaa gaggeeffamee jira.Magaalaa shag...
05/09/2023

Adooleessa 29/12/2015
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa sulultaatti korri haqaa gaggeeffamee jira.
Magaalaa shaggar kutaa magaalaa sulultaatti korri haqaa qopheessummaa koree fooya'insa sirna haqaa kutaa magaalaa sulultaatiin aanoolee kutaa magaalaa sulultaa lamaan bifa hirmaachiseen gaggeeffamee jira.
Sagantaa kana irratti bulchaan kutaa nagaalaa sulultaa Dr Shallamaa Bashaanaa, Pirezidaantii mana murtii kutaa magaalaa sulultaa kabajamoo Obb Darrasaa Getaachoo, ittigaafatamaa waajjira haqaa obbo Daawwit, daayireektera qajeelcha poolisii kutaa magaalaa sulultaa Komaandar Dammaqaa, itti gaafatamaa waajjira bulchiinsaafi nageenyaa kutaa magaalaa sulultaa komaandar ---,bulchitoonni aanaalee lamaanii, afayaa'iin mana maree aanalee lamaanii akkaaumaa abbootiin gadaa, haadhoolii siiqqeefi abbootiin amantaa bakka argamanitti korri kun kan gaggeeffame yoo ta'u, korichi eebba maanguddoon eegalamee jira.
Bu'uuruma kanaan bulchaan kutaa magaalaa sulultaa haasaa baniinsaafi ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun sagantaa ifatti bananii jiru. Sagantaa kana irratti karaa abbaa seeraa mana murtii kutaa magaalaa sulultaa kan ta'an obb. Mulugeetaa Waldayuhaannisiin xinxaala barreeffama gabaaasa kenniinsa tajaajila qaamolee haqaa jedhu dhiyaachuudhaan hirmaattonni marii bal'aa irratti gaggeessanii jiru.
Barreeffama dhiyaate irratti hirmaattonni yaadaafi gaaffilee garagaraa kan kaasan yemmuu ta'u yaadaafi gaaffilee ka'an irratti itti gaafatamtootni waajjiraalee deebii fi yaada erga itti kennanii booda hojiifi kallattii fuula duraa qaamoleen haqaa kutaa magaalaa keenyaa karoorsuu hojjechuu qaban irratti gama pirezidaantii mana murtii kutaa magaalaa sulultaa obbo Darrasaa Getaachoo tiin kennamuun sagantaan eebba maanguddootiin xummurameera.
Asumaan link kana tuquun telegram mana murtii keenya subscribe godhaa.https://t.me/mmakms

Gamagganni Raawwii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar Adeemsifame.Finfinnee Waxabajjii 28, bara 2015•••//•••Gamaaggama Raaw...
05/07/2023

Gamagganni Raawwii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar Adeemsifame.
Finfinnee Waxabajjii 28, bara 2015
•••//•••
Gamaaggama Raawwii Hojii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kan bara 2015 gaafa 27/10/2015 Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame. Waltajjicha irratti Koreen Bulchiinsaa MMAKM Sulultaa, Abukaatoo Ittisaafi Qindeessaan deeggarsa dhaddachaa qooda kan fudhatan yoo ta'u
Pirezidaantiin Mana Murtii keenyaa kabajamoo Obbo. Getaachoo Gabaasa Raawwii Hojii MMAKMS Bara 2015 dhiyeessaniiru. Gamaggama kanaan akka mana murtii keenyatti duub-deebii nuuf kenname irraa ka'uun ciminaalee bara darbee itti fufsiisuun hanqinaalee nu muudatan maqsuun karoora bara 2016 galma yaadame akka gahuuf ciminaan akka hojjennuuf kallattii gara fuula duraa kaawwannee jirra. Hojiin bara kana gama hundaan hojjetamaa ture kan galateeffamu ta’us harcaatiiwwan hojii keessatti mul’atanii duub deebiin kennamee irratti xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabu hubachiisuu bara 2016 tti qulqullina tajaajilaa fooyyeessuun, Ragaa sobaa xiqqeessuuf qaamoolee biroo waliin qindoomuun bifa tarsimowaa ta’een hojjechuu, kenna tajaajilaa fooyyeessuun xiyyeeffannoon hojjechuu, hojjiirra oolmaa fi itti fayyadama meeshaalee TQO cimsuun hojii kenniinsa tajaajila Abbaa seerummaa dhaqqabamaa si'ataafi qulqulluu taasisuun sirnaan kan hojjetamu ta'a.
=//=
Komuniikeeshinii Mana Murtii Magaalaa Sulultaa.

AdabbiiHimatamaan Alamuu Kaasaa Dassaalenyi jedhamu badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yaadee miiltoo isaa yeroof hin...
19/05/2023

Adabbii
Himatamaan Alamuu Kaasaa Dassaalenyi jedhamu badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yaadee miiltoo isaa yeroof hin qabamne waliin ta'uun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Sulultaa Aanaa Wasarbii iddoo addaa Dhaaba Bajaajii jedhamutti gaafa 07-09-2015 guyyaa keessaa sa’aa 7:00 yoo ta’u qabeenya miidhamtuu dhuunfaa Warqinash Girmaa kan ta’e Surree jiinsii cuquliisa tokko tilm. qarshii 800 baasu, surree jiinsii gurraacha tokko tilm. qarshii 800 baasu fi kophee torshinii cimdii tokko tilm. qarshii 1,700 baasu fi qabeenya miidhamaa Birhaanuu Fiqaaduu kan ta’e bilbila harkaa tachii gosa Sansungii A4 jedhamuufi tilm. qarshii 6000 baasu waliigala qabeenya tilmaaman qarshii 9,300 baasu nama bitu fakkaatee suuqii miidhamtuu dhuunfaa Warqinash Girmaa seenun fudhatee bahee miliquuf yoo jedhu harkaaf harkatti waan qabameef yakka hannaa raawwachuun himatame irratti guutummaatti kan amaneefi qabeenyi hate hundinuus harka isaatti qabamuu waan ibseef S/Yakkaa keww. 665(1) jalatti balleessadha jedhameera.
Yaada adabbii salphisu amanuu, kuusaa yakkaa dhabuufi itti gaafatamummaa maatii isarra jiruun salphateefii gulantaa 9ffaa jalatti hidhaa cimaa waggaa 1 fi ji’a 8tiin akka adabamu murtiin kenname!
Qabeenyi qabames abbaa qabeenyaaf akka deebi’u ajajameefii jira.

Oduu AdabbiiHimatamaan Aleeksi Warquu Gassasaa jedhamu yakka wanbadummaa raawwateen hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji’a 6 tiin...
03/01/2023

Oduu Adabbii
Himatamaan Aleeksi Warquu Gassasaa jedhamu yakka wanbadummaa raawwateen hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji’a 6 tiin adabame.
A/Alangaa himata gaafa 19-04-2015 barreessee dhiyeessen himatamaan kun badhaadhina isaaf hin malle ofii isaaf argachuu yaadee, Magaalaa Shaggaar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu iddoo addaa Wasarbii jedhamutti gaafa guyyaa 14/04/2015 halkan irraa sa’aa 1:30 yoo ta’uu, miidhamtuu Asagguu Xilaahuun jedhamtuu humnaan qabnee kuffisuun bilbila guddaa gosa Leenovoo bifa gurraachaa tilm. Qr. 9,501 baasu irraa fudhatee harkaaf harkatti qabame jechuun tumaa S/Yakkaa keww. 670 jalatti himateera.
Himatamaanis mirgi qabu ibsameefii abukaatoon bilisaan dhaabbateefii mariyatanii yakkicha hin raawwanne jedhee waan waakkateef ragaan A/Alangaa dhaga’amee sirnaan shakkiidhaa olitti waan itti mirkaneessaniif balleessa qaba jedhamee yaadni adabbii gama lamaanii fuudhamee himatamaan gulantaa 13ffaa jalatti hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji’a 6 tiin adabamee-bilbilichis abbaa qabeenyaaf deebi’eera.

Gamaggamni Raawwii Hojii baatii jaha bara 2015 Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaa Gaggeeffamaa jira.Sagantaan keenya ak...
30/12/2022

Gamaggamni Raawwii Hojii baatii jaha bara 2015 Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaa Gaggeeffamaa jira.
Sagantaan keenya akkuma aadaa keenyatti eebbaan erga eegalee booda gamaggama kana ilaalchisuun perezidaantiin Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaa Kabajamoo Obbo Darrasaa Getaachoo hojiilee baatii jahan darbaniif hojjatamaa turan irratti akkaataa
Gamaaggama kanaan raawwiin hojii adeemsolee,duub deebiin Audit Galmee murtiin boodaa fi Galmee ol iyyaannoon irraattii gaafatamee MMO fi MMWO tiin diiggamee,qajeelfamaan deebi'ee fi fooyyaa'ee kan gaaggeefamuu taha jechuun eegalsiisanii jiru.

Himatamtootni mana cabsuun TV hatan hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji’a 3 tiin adabaman! Himatamtootni:Obbo Sh*ttaayee Mangist...
06/12/2022

Himatamtootni mana cabsuun TV hatan hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji’a 3 tiin adabaman!
Himatamtootni:
Obbo Sh*ttaayee Mangistuu Balaay
Obbo Abbabaa Indashawu Shewangenyi jedhaman himata A/Alangaa gaafa 23-03-2015 barreeffameen himatamtootni kun badhaadhina isaanif hin malle argachuuf yaadanii GAONF Magaala Sulultaa Ganda Guutoo Noonnoo Mana Abbichuu iddoo Piraayim Milkii jedhamutti gaafa 22-03-2015 guyyaa keessaa sa’aa 7:30tti qabeenya miidhamaa dhuunfaa Masfin Gabree jedhamuu kan ta’e TV gosa Kooroneet abbaa iinchii 32 tilm. Qr. 8,500 baasuu danda’u balbala mana miidhamaa cabsuun keessaa fudhatanii bahuun miliquuf osoo jedhan harkaaf harkatti waan qabamaniif yakka hannaa cimaa raawwataniif himataman jechuun tumaa S/Yakkaa keww. 32(1(a)) fi 669(3(B)) jalatti himatee-himatamtootni gocha keenya miti jedhanii ragootni A/Alangaa namni sadi sirnaan kan itti mirkaneessaniifi harkaaf harkatti waliin qaban waan ta’eef akka ofirraa ittisan jedhamee ragaa ittisaa hin qabnu waan jedhaniif battalumatti murtiin balleessummaa S/Yakkaa keww. 669(3(b)) jalatti itti kenname. Sadarkaan yakkaa 4ffaa fi gulantaan isaa 19ffaa ta’ee achi jalaa hidhaa cimaa ka’umsaaf waggaa 4 qabatamee yaadni adabbii cimsu waan hin kaanef kan salphisu immoo kuusaa yakkaa dhabuufi namoota itti gaafatamummaa maatii qaban ta’uun isaanii hubatamee gulantaa lamaan gad bu’ee gulantaa 17ffaa jalatti himatamtoota ni barsiisa kan jedhame hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji’a 3 tiin akka adabaman murtaa’ee ciraan qabame abbaa qabeenyaaf akka deebi’u ta’eera!

Address

Sululta
Shewa

Telephone

+251911272041

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Magaalaa. Kutaa Magaalaa Sulultaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii Aanaa Magaalaa. Kutaa Magaalaa Sulultaa:

Share