23/07/2017
Gootummaan keenya Tokkummaa Keenya"
Pireezidaanti Lammaa Magarsaa
Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa Afaan Oromoo afuur eebbifaman.
===
Guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti kutaa magaalaa afuur keessatti manneen barnootaa afaan oromoo afuur bakka Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaafi qondaaltoonni mootummaa akkasumas ummanni Oromoo heddu bakka argameetti ebbisifame.
Manneen Barnootaa afran ijaarsi isaanii xumuramee hojii baruu barsiisuuf banaa ta’an kunis:
Kutaa magaalaa Gullalleetti M/B Sad. 1ffaa Jeneraal Taaddasaa Birruu
Kutaa Magaalaa Kolfeetti M/B Sad. 1ffaa Jeneraal Waaqoo Guutuu
Kutaa Magaalaa Eekkaatti M/B Sad. 1ffaa Gaara Guurii
Naannoo Labuutti M/B Sad. 1ffaa Burqaa Wayyoo waliigalaa bajata Qr.miliyoona 64 oliin ijaarsi isaanii xumuramuun hojii baruu barsiisuuf banaa ta’aniiru.
Sirna eebbaa kana irratti kan argaman Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa magarsaa Manni baruumsaa guyyaa har’aa eebbifamee kun ijoollee oromoon qofa kan itti baratan osoo hin taane mana baruumsaa jaalattoonni Oromoofi sabaafi sablammoonni ijoollee isaanii itti barataniidha.Afaan Oromoo qooqa qofa miti siidaa eenyummaa ummata Oromoodha.Manni baruumsaa kunis ijoolleen afaanicha akka baratan qofa osoo hin taane iddoo jiddu gala eenyummaa ,seenaa isaanii kan itti barataniidha.
Manni baruumsaa maqaa gootoota Oromoon moggaafamuun isaaniis seenaan akka yaadataman qofa osoo hin taane burqaa gootoota heddu kan itti burqan gochuudhaafi.Gootoonni Oromoo heddu bilisummaa ummata Oromoof wareeggamuu isaanii kan himan pireezidaant Lammaan dhaloota kana keessatti garuu gootummaan keenya tokkummaa keenya jedhaniiru.Jalqabbii kanas ummanni Oromoo tokko ta’uun socho’un injifannoo olaanaaf of qopheessuu qabnas jedhaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnootaa D/r Tolaa Barisoo gama isaanitiin galmi keenya gamoo ijaaruu qofa osoo hin taane manneen barnootaa guyyaa har’aa eebbifaman keessatti baruumsa sadarkaa manneen barnootaa bulmaataa Oromiyaan qixa qulqullina qabu kan keennamu akka ta’e himuun galmeen barattootaas Adooleessa 20/2009 irraa eegalee akka raawwatamu D/r Tolaan dubbataniiru.Maatiin barattootaas ijoollee isaanii mana barnootaa seenaa qabeessa kanatti galmeessisuun hirmaattoota seenaa akka ta’an dhaamaniiru.
Guyyaa har’aa dhakaan bu’uraa gamoon Biiroo barnootaa Oromiyaa abbaa darbii sagalii kaa’ameera.