Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa sirbaa

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa sirbaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa sirbaa, Government Organization, melka sirba, Shashemene.

Murtii_Barsiisoo ================Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Umar Aadam Luuccoo2ffaa Hirkoo Toleeraa Qananii kan ...
12/06/2025

Murtii_Barsiisoo
================
Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Umar Aadam Luuccoo
2ffaa Hirkoo Toleeraa Qananii kan jedhaman badhaadhina isaaniif hin mallee argachuuf , gaafa guyyaa 14//07/2017 guyaa keessa tilmaamaan sa’aati 8:00-9:00 yoo ta’uu, Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Aanaa Iddoo Leencaa iddoo addaa Naannoo Odaa daandii Koobilii jedhamu biratti Miidhamtoota dhuunfaa 1ffaa,Firii Ismaa’el Kamaal fi 2ffaa,Leeylaa Aloo Aagaa jedhaman osoo isaan gara kallattii Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Shaashamanneetti deemaa jiranii,himatamaan 1ffaan kun daandii irratti itti dhufee nagaha gaafatee,Salaamaleeykum jedhee,Haadha tiyya Bofni ana jalaa Iddee dhukkubsattee,Mana Qoricha Aadaa natti agarsiisaa,ani Baalee Roobee irraa dhufee, biyya hin beeku,Birrii Baay’ee of irraa qabaa, ni sodaadhe jedhee, maallaqa hedduu waan of harkaa qabuuf, sodaadhee, haati isin irraa dhukkubsattee hin beektuu jedhee,na wajjiin deemaa na gargaaraa, Qoricha kana ana wajjiin fuudhaa,Qorichi nama Sadiin malee fuudhamuu hin danda’amuu, yoo kophaa deeme daldalaaf waan heddummeessee fuudhe ana sehanii jedhee,Himatamaa 2ffaa kanas Obboleessa Mana Qoricha Aadaa yoo beekte nu geessi jedhee, himatamaan 2ffaan kunis akka waan bilbila haasawaa jiruutti deemee,Abbaa kiyyatu Qoricha sana gurguraa ,Jarri Obboleeyyaan siif haa ta’anii jedhee,Bilbilaa fi waan sibiila qabu qabatanii seenuun hin danda’amuu bilbila himatamaa 1ffaa kanatti kennaa deemaa jedhee, Miidhamtuu 2ffaa irraa Bilbila Infiniksii Qarshii 11000(kuma kudha tokkoo)’n bitamee fi Bilbila Teeknoo Qarshii 12000(kuma kudha lamaa)’n bitame kan irraa fuudhanii fi Miidhamtuu 1ffaa Firii Ismaa’el Kamaal irraa Bilbila Sumsung Gurraacha Qarshii 15000 (kuma kudha shanii)’n 38,000 (kumaa Soddoomi Sagal) baasu kan irraa fuudhannii,deemaa qoricha fidaa koottaa isin eegnaa jedhanii, jalaa miliqanii hordoffii taasifameen ji’a tokkoon booda too’ataman waan ta’eef,yakka Gowwoomsuu waliin ta’uun raawwataniin Abbaan Alangaa Waan Mirkanneessefi ofirraa haa itisaani jedhamaan ragaa ittisa hin qabnu waan jedhaniifi Manni murtii Murii Ballessuma kenne jira.
Bu'uuruma Kanan Manni Murtichaa Murtii Balleessummaa ergaa kennee booda yaada adabbii bitaa mirgaa fuudhuun dhaddacha gaafa guyyaa 6/09/2017 ooleen adabbii isaan barsiisuu fi fakkaattota isaanii barsiisuu jechuun Himatamaan 1ffaan adabbii hidhaa cimaa Waggaa 3 fi adabbii maalaqaa qarshii 3000 Himatamaan 2ffaa adabbii hidhaa cimaa Waggaa 2 fi ji'a 6 fi adabbii maallaqaa qarshii 3000 akka adabaman itti murteessee jira.

Murtii_Barsiisoo =============================Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa  ==========================...
22/05/2025

Murtii_Barsiisoo
=============================
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa
=============================
Himatamaan maqaan isaa Zerhuun Moottaa Leenjamoo jedhamu gaafa guyyaa 26/07/2017 galgaala keessaa Sa'aatii 1:30 yammuu ta'u, asuma Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Aanaa iddoo Leencaa iddoo addaa Hospitaala Woliigala Kuyyaaraa jedhamu biratti boba'aa gosa "Beenzilaa"jedhamu waraaqa ragaa /haayyama/ dhimma kanaaf sabaaba ta'e osoo hin qabatin kallaatti magaalaa Finfinnee irraa gara Magaalaa Shashaamanneeitti Konkolaataa "koroolaa"Lakk.Gabatee 2-43677 AA ta'ettti fe'ee osoo geejjabsiisaa jiru waan woliin qabameef Yakka Labsii sirna daldaala gabaa bu'aa boba'aa to'achuuf Mootummaa Fedaralatiin bahe Lakk. 1363/2017 keewwata 25(5) bira darbuun M/murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaatitti yakkan himannaan itti dhiyaate falmiin erga gaggeeffamaa turee dhaddacha gaafa 13/09/2017 oleen himatamaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji'a 7 fi adabbii mallaaqaa qarshii kuma dhibba sadii fi kuma soddomii sadii(333,000) tiin adabbiin itti keennamee qabeenya bu'aa yakkatiin argame/ciraan/gurguramee Mootummmaf galii akka ta'u ta'u ajajini keennamee jira.

Murtii_Barsiisoo ================Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Huseen Shumbaa Teessoo2ffaa Badhaatuu  Shumbaa Teess...
08/05/2025

Murtii_Barsiisoo
================
Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Huseen Shumbaa Teessoo
2ffaa Badhaatuu Shumbaa Teessoo
3ffaa Yeneeneshi Shumbaa Teessoo 4ffaan Shumbaa Teessoo Irbooraa kan jedhaman gaafa guyyaa 02/08/2017 Ganama keessaa toora Sa'aatii 4:00 yammuu ta'u, Asuma Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa iddoo addaa Mana Murii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa dhaddacha yakkaa irratti ragaa seeraa ta’anii erga dhufanii mana murtii duratti kakatanii booda qabeenya miidhamaa dhuunfaa Shumbaa Teessoo ta’an re’oota torbaa gaafa guyyaa 17/6/2017 badanii turan shakkamtoota Burtukaan Gammadoo fi Qananiisaa Quufaa fa’atu fudhatanii oofaa jiran jechuudhaan osoo hin argin eenyumaa isaanii dhoksuudhaan maatii miidhamaa dhuunfaa osoo ta’anii jiran ragaan 1ffaan Huseen Shumbaa ta’u osoo qabu Huseen Amaanoo jechuu isaa, ragaan 2ffaa Badhaatuu Shumbaa ta’u osoo qabdu Badhaatuu Annootaa jechuu ishii ragaan 3ffaa Yeneeneshi Shumbaa ta’u osoo qabdu Yeneeneshi Guddataa jechuu ishii ragaan 4ffaa Shumbaa Teessoo yemmuu jecha ragummaa kennu ragaan 1-3 jiran kunniin osoo abbaa ta’uuf maatii kiyyaa miti jedhee waan ragaa baheef hundumti isaanii walii galanii shakkamtoota miidhuuf jecha qabeenya bade fudhachuu isaanii osoo hin argin mana murtii dogongorsiisuuf jecha ragaa sobaa waan bahan Abbaan Alangaa galmee dhihaate keessa ilaaluun Seera Yakkaa Itoophiyaa kewt. 32/1/A fi 453(1) jalatti himata yakkaa irratti hundeessuun Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaatti dhiheessuun himataman jecha amantaaf waakkii yeroo kennatan yakkicha guutumaan guututti amananiiru.

Bu'uuruma amantaa isaaniitiin Manni Murtichaa Murtii Balleessummaa ergaa kennee booda yaada adabbii bitaa mirgaa fuudhuun dhaddacha gaafa guyyaa 28/08/2017 ooleen adabbii isaan barsiisuu fi fakkaattota isaanii barsiisuu jechuun Hidhaa salphaa ji`a 4 (afur) akka adabaman itti murteessee jira.

Guyyaa 12/5/2017 Mannii Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa sirbaa marii karoora  torbee fi raawwii torbee irratti marii ...
20/01/2025

Guyyaa 12/5/2017 Mannii Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa sirbaa marii karoora torbee fi raawwii torbee irratti marii geggeesse.

Address

Melka Sirba
Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa sirbaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share