W/ Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaa- Harufa Sub-City Attorney Office

W/ Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaa- Harufa Sub-City Attorney Office Haqaan Haqaaf Hojjanna!

 Gareen Abbootii Alangaa Hojii Hordoffii fi Deeggarsaatiif Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaala Shaashamannee irraa...
01/04/2026



Gareen Abbootii Alangaa Hojii Hordoffii fi Deeggarsaatiif Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaala Shaashamannee irraa dhufan ar'aa gaafa guyyaa 24/7/2018 Wajjira keenyatti argamuudhaan deeggarsaa fi hordoffii taasisanii jiru.

Hojii kanaanis akkaataa cheeklistii qophaa'een raawwii hojii Waajjira keenyaa kan baatii saglan darbanii bu'uura karoorfameen raawwatamuu isaaa fi gabaasni raawwii hojii qabatamaan jiraachuu isaa haala adda baasuun hojiilee hundaa ilaaluudhaan ciminaalee fi hanqinaalee mul'atan adda baasuun duubdeebii kennuudhaan hojichi xumurameera.

 :::::::::::://::::::::::::::::://::::::::::::::::::::://::::::::::::::::::Waajjirri Abbaa Alangaa  Kutaa Magaala Haruuf...
30/03/2026


:::::::::::://::::::::::::::::://::::::::::::::::::::://::::::::::::::::::
Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Haruufaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa bara 2018 geggeessee jira.

Gamaaggamicha irratti Gabaasni Raawwii Hojii Waajjirichaa kan baatii saglan darbee kara Hoogganaa Waajjiraa Obboo Sbaaroo Baqqalaatiin kan dhihaate yoo ta'u, gabaasicha irratti mariin bal'aan erga taasifameen booda ciminnaalee fi haqinnaalee mul'atan irratti mari'achuun kallattiin fuula duraa kaayamee jira.

24/12/2025
Waajirri Abbaa Alangaa kutaa Magaalaa Haruufaa gaafa guyyaa 30/2011 karaa Raadiyoo OBN 107.2 tiin Hubannoo seeraa Mataa ...
09/12/2025

Waajirri Abbaa Alangaa kutaa Magaalaa Haruufaa gaafa guyyaa 30/2011 karaa Raadiyoo OBN 107.2 tiin Hubannoo seeraa Mataa duree labsii lakk 1161/2011 lafa Dantaa Uummataa fi Mootummaaf Fudhachuu,Kafaltii Beenyaa fi Kaafamtoota Misoomaa deebisanii dhaabuu irratti kennameera.Hubannoo kan kennanis Abbaa Adeemsa dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Waajjirichaa Obboo Hajjii Tukeeti.

Murtii Barsiisaa****Himatamtoonni Yakka Nagahee sobaa Qopheessuu fi itti fayyadamuun himataman Adabbii hidhaa cimaan Ada...
01/12/2025

Murtii Barsiisaa
****
Himatamtoonni Yakka Nagahee sobaa Qopheessuu fi itti fayyadamuun himataman Adabbii hidhaa cimaan Adabaman
****
Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Mohaammad Baankii Bullichoo fi 2ffaa Fayyisaa Amaan Aadam kan jedhaman nagahee sobaa qopheessuun itti fayyadamuuf yaaduun, Himatamaan 1ffaa Bajaajii yeroo konkolaachisaa turetti sababa Dambii Tiraafikaa cabseef Too'ataan Tiraafikii qarshii adabee ture, Ejansii geejjibaa magaalaa shaashamanneetti adabbii isaa kanfalee nagahee seera qabeessaa fudhachuu osoo qabu, kana bira darbuun, Himatamaa 2ffaa waliin waligaluun himatamaan 2ffaa kun Nagahee sobaa maqaa Ejansii Geejjibaa Bul/Mag/Shaashamannee tiin fakkeffamee hojjatame qopheessee himatamaa 1ffaaf itti kennuun, Himtamaan 1ffaan kunis nagahee sobaa kana qabatee gaafa guyyaa 17/11/2017 guyyaa irraa toora sa'aa 5:30 yommuu ta'u Mag/Shashamannee kut/Mag/Haruufaa Aanaa Bulchaanaa iddoo addaa Qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Haruufaa keessatti heyyama konkolaachisummaa jalaa qabamee ture baafachuuf Nagahee sobaa kana qabatee yommuu dhiheessu, nagaheen qabate jiru sobaan waan shakkameef, himatamtoota kana irratti galmeen erga qoratamee booda Abbaan Alangaa kutaa Magaalaa Haruufaa himatamtoota kana irratti himannaa yakkaa Labsii Bulchiinsa Taaksii Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk 203/2009 keewata 119(5) jalatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa tti himannaa dhiheessuun falmiin bitaa fi mirgaa erga taasifameen booda dhaddacha gaafa guyyaa 22/3/2017 ooleen himatamtoonni tokkoon tokkoo isaanii adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 (sadii) tin adabamaniiru.

Guyyaan Ayyaana Sabaaf Sab-lammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Kutaa Magaala Haruufaa Aanalee Sadan (Aleelu...
24/11/2025

Guyyaan Ayyaana Sabaaf Sab-lammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Kutaa Magaala Haruufaa Aanalee Sadan (Aleeluu, Bulchaanaa fi Majaa Dammaa) irratti marii paanaalii gaggeessuun kabajamaa oolee jira!
Maricha irratti sanadni hubannoo uumuu Heera Mootummaa fi sirna Federaalizimii irratti xiyyeeffate Abbootii Alangaa Kutaa Magaala keenyaan hirmaattootaaf dhiyaachuun Hubannoon Seeraa kennamee jira.

 Waajjirri keenya ar'a gaafa guyyaa 5/3/2018 Ayyaana Daa'immanii akka addunyaatti yeroo 36ffaaf akka biyya keenyaatti im...
14/11/2025



Waajjirri keenya ar'a gaafa guyyaa 5/3/2018 Ayyaana Daa'immanii akka addunyaatti yeroo 36ffaaf akka biyya keenyaatti immoo yeroo 20ffaaf kabajamaa jiru sababeeffachuun akka Magaala Shaashamanneetti kabajamaa oole irratti argamuudhaan Hubannoo Seeraa mata duree Yakkoota Daa'immnii fi Dubartoota irratti raawwatamanii fi Barmaatilee miidhaa geessisanii irratti hirmaattota ayyanichaatiif hubannoo kennee jira.

Gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan lamaan darbanii Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Haruufaa---------------------//...
13/11/2025

Gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan lamaan darbanii Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Haruufaa
---------------------//-------------------------
WAAKMH ara gaafa guyyaa 4/3/2018 raawwii hojii baatii lamaan darbanii (Fulbaanaa fi Onkololeessaa) gamaggamee jira. Gamaggama kanaan adeemsaaleen raawwii hojii isaanii kan dhiheessan yoo ta'u, gabaasa dhihaate irratti bal'inaan mari'atamee jira. Achumaan hanqinaa fi cimina jiru irratti mariin erga taasifameen booda kallattiin fuulduraa Hoogganaadhaan kennamee xumurameera.

 Waajjirri Keenya ar'a gaafa guyyaa 25-2-2018 Marii Yakkoota Dubartii fi Daa'imman irratti raawwataman hambisuuf akka Ku...
04/11/2025



Waajjirri Keenya ar'a gaafa guyyaa 25-2-2018 Marii Yakkoota Dubartii fi Daa'imman irratti raawwataman hambisuuf akka Kutaa Magaala Haruufaatti Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaala Haruufaatiin qophaa'ee geggeeffame irratti argamuudhaan hirmaattota marichaatiif Hubannoo Seeraa kennee jira.

Hubannicha kan kennan Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Haruufaa Obboo Shaaroo Baqqalaa yoo ta'an mata duree Yakkoota daa'immanii fi dubartoota irratti raawwatamanii fi adabbiiwwan isaan hordofsiisuu danda'an akkasumas Yakka Namaan Daldaluu fi Seeraan ala daangaa ceesisuu fi miidhaa isaa irratti hubannoo bal'aa kennanii jiru.

Onk 25, 2018
Shaashamannee

03/11/2025
Daawwannaan Hojii Odiitii Galmee Murtiin boodaa Kurmaana 1 ffaa WAAKMH geggeeffame!----------------------&--------------...
29/10/2025

Daawwannaan Hojii Odiitii Galmee Murtiin boodaa Kurmaana 1 ffaa WAAKMH geggeeffame!
----------------------&--------------------
Onk 19, 2018
Shaashamannee

Qindeessaan Garee Dagaagina Naamusaa fi Inispeekshinii Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee ar'a gaafa guyyaa 19/2/2018 Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaatti argamuun Odiitii galmeewwan kurmaana 1ffaa keessatti murtii argatanii taasisee jira.

Daawwannaa kana kan taasisan Qindeessaa GDNI WAABMSH kan ta'an Obboo Gammadoo H. Waaqayyoo yoo ta'an Daawwannaa hojii odiitii galmee kanaan dhimmoota ijoo ta'an irratti xiyyeeffachuun hojii odiitii galmee kurmaana 1ffaa taasisuudhaan ciminootaa fi hanqinoota daawwanna kanaan adda bahan irratti duub-deebii bakka Hoogganaan Waajjira keenyaa fi Adeemsaaleen hundi jiranitti kennuudhaan daawwannicha xumuranii jiru!

28/10/2025

.

Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when W/ Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaa- Harufa Sub-City Attorney Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share