16/05/2026
๐๐๐'๐ข๐ข ๐๐ข ๐๐๐ฆ๐๐๐ ๐ ๐๐ฆ๐ง๐ข ๐๐๐ง๐ง๐๐๐ง ๐๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ก๐๐๐ฌ๐ก๐๐ฆ๐๐ง๐ง๐๐ ๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐ฆ๐.
๐๐๐๐ฆ๐ฌ๐๐ ๐, ๐๐๐๐
๐๐ก๐๐๐ฌ๐ก๐๐ฆ๐๐ง๐ง๐๐
โขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโข
โขYaa'ii fi Gamaaggamni Manneen Murtii Aadaa Magaalaa Shaashamannee Hojiiwwan Baatii Sagaliif hojjatamaa turan Dhiyaatanii jiru. Dhimmootni akka nagaa mirkaneessuu, araara uumuu fi aadaa gabbisuu keessatti hojjataa turan fooyya'iinsa guddaa qabaachuu agarsiiseera.
โข Manneen Murtii Aadaa Magaalaa Shaashamannee seera aadaa, duudhaa fi kabaja hawaasaa bu'uura godhachuudhaan waldhabdeewwan uumaman karaa nagaa fi araaraa xumuruuf hojii bal'aa hojjachaa jiru. Gabaasni kun hojiiwwan gurguddoo fi dhimmoota dhiyaatan furuu, akkasumas tajaajila haqa aadaa si'aayina qabu kennuu irratti adda baasee kan dhiyeessudha.
โข Waldhabdeewwan dhuunfaa, maatii, fi daldalaa gara mana murtii aadaatti dhiyaatan karaa jaarsummaa fi araaraatiin xumuramaniiru.
โข Murtiiwwan seera aadaatiin kennaman haaloo duubatti kan hin dhiifne, gammadanii fi harka wal-qabatanii akka galan kan taasise ta'uun isaa hirmaattotni waltajjii taasisanii jiru.
โข Hawaasni baasii Abukaatoo fi kanneen birootiin osoo hin saaxilamin tajaajila argachaa jiraachuun haqa isaanii karaa mana murtii aadaa kanaan dhimma isaanii xumurataa jiru.
โข Bulchiinsi Magaalaa Shaashamannee gaheen Abbootii Gadaa, Haadhoolii Siinqee fi Jaarsolii Biyyaa caalaatti akka mul'atuuf waltajjiiwwan garaagaraa fi loojistikii barbaachisu akka dhiyeessuuf Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee waamicha taasisanii jiru.
โข Dogoggorri fi sobni uummata gidduutti akka hin baay'anneef, sirni kakuu (safuun aadaa) akka eegamu gochuun amanamummaa tajaajila haqaa dabaluu isaa gabaasicha irraa hubatamee jira.
โข Hojiiwwan gaariin Manneen Murtii Aadaa Magaalaa Shaashamannee irratti raawwataman kunniin, hawaasni rakkoo isaa duudhaa ofiitiin akka hiikkatu gochuu keessatti fakkeenya guddaadha. Milkaa'ina kana caalaatti itti fufsiisuuf, ijaarsa dandeettii jaarsolii aadaa cimsuu fi hordoffii barbaachisaa gochuun murteessaa akka ta'e dhaamuudhaan yaa'icha goolabaniiru.