Mana Hojii Abbaa Alangaa godina Arsii Lixaa.

Mana Hojii Abbaa Alangaa godina Arsii Lixaa. Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Hojii Abbaa Alangaa godina Arsii Lixaa., Government Organization, West Arsi, Shashemene.

Gamaaggama gabaasaa (12/2/2013)***********Manni hojii Abbaa Alangaa godina Arsii Lixaa wal tajjii gaafa guyyaa 12/2/2013...
22/10/2020

Gamaaggama gabaasaa (12/2/2013)
***********
Manni hojii Abbaa Alangaa godina Arsii Lixaa wal tajjii gaafa guyyaa 12/2/2013 tti gaggeesseen gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa kan bara 2013 gamaaggameera. Gamaaggama gaabaasaa Kanaan gabaasni aanota sadii fi kan godinaa kan dhiyaateera. Kana malees yaadrimee karoora bu’aa irratti xiyyeeffate (RBM) irratti ibsi hubannoo kan kenname yoo ta’u karoora waggaa shanii fi waggaa tokkoo irrattis mari’atameera.
Akka waliigalaatti dhimmootni wal tajjii kana irratti irratti xiyyeeffatame hojiiwwan xiyyeeffannoo barbaadan kanneen akka yakkoota dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamanii, kabajamuu mirga lammiilee, galmeewwan murtii saffisaa (RTD), galmeewwan balaa konkolaataa, yakkoota godaansa seeraan alaa, hojiiwwan hojjetaman ummatatti beeksisuu fi duubdeebii fudhachuu (hojiiwwan kominikeeshinii cimsuu) fi kkf. Irratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu kallattii waliigalaa irratti waliigalamee wal tajjiin milkaa’inaan xumurameera.
=======
Suursochiidhaan 'youtube' Mana Hojii keenya irraa daawwadhaa!

Baga Irreecha bara kanaa nagaan geessan/Geenye.
02/10/2020

Baga Irreecha bara kanaa nagaan geessan/Geenye.

18/09/2020

Akkam jirtu kabajamtoota hordoftoota keenya! Baga bacaqii gannaa ceetanii booqaa birraa geessan. Fuula FB keenyaa isa duraan odeeffannoo ittiin dhiyeessaa turre irratti rakkinni waan nu qunnameef fuula haaraa kana banuuf dirqamne. Akkuma barame odeeffannoowwan maxxansinu kanneen akka barreeffamoota hubannoo, murtiiwwan barsiisoo fi taateewwan (activities) mana hojichaa kanneen akka leenjiiwwanii fi mariiwwan adda addaa maxxansuu kan itti fufnu ta'a. Odeeffannoowwan kanneen battalatti argachuuf fuulicha 'like', gochaa namoonni biroos akka argataniif "share" ykn qooduudhaan nu hordofaa. Yaada kennuudhaan milkaa'ina kenniinsa tajaajila haqaatiif akka tumsitan kabajaan isin affeerra.
DABALATAAN:Chaanaalii "you tube" fi telegiraama mana hojiin keenyaa "subscribe" gochuudhaan odeeffannoowwan suursochiidhaan ykn viidiyoodhaan dhiyaatan argachuu dandeessu.

Galatoomaa!

Address

West Arsi
Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Hojii Abbaa Alangaa godina Arsii Lixaa. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share