Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee G/G Kibbaa

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee G/G Kibbaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee G/G Kibbaa, Government Organization, Shashemene.

Tarsiimoowwan Qindaayaa  Ittisa MalaammaltummaaDhaabbata tokko qofaan ykn adabbii qofaan malaammaltummaa ittisuuf yaaluu...
01/06/2026

Tarsiimoowwan Qindaayaa Ittisa Malaammaltummaa
Dhaabbata tokko qofaan ykn adabbii qofaan malaammaltummaa ittisuuf yaaluu irra, tarsiimoowwan qindaayaa wol deeggaran gara garaa fayyadamuudhaan rakkinnicha hundee irraa furuudhaaf hojii irra ooluu danda'an irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.Tarsiimoowwan kanneen keessaa isaan ijoon ijaarsa naamusaa, ittisa malaammaltummaa fi raawwii seeraa (tarkaanfii) irratti kan hundaayu. Kanaanis, tarsiimoowwan ittisa malaammaltummaa qindaa'aan ijoon akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.
​✍ Hubannoo Hawaasaa Guddisuu fi Ijaarsa Naamusaa:– Malaammaltummaa bifa itti fufiinsa qabuun ittisuuf hubannoo fi ilaalchi hawaasni hammeenya malaammaltummaa fi barbaachisummaa naamusaa irratti qabu jijjiiramuu qaba. Barnoota safuu/naamusaa sadarkaa barnootaa gadii irraa kaasee hanga dhaabbata barnoota ol'aanaatitti akka sirna barnootaa keessatti hammatamu godhamee dhalootni amanamaa, qajeelaa fi kan safuu eegu akka ta'u irratti hojjachuun barbaachisaadha.
Malaammaltummaa ittisuuf duula sosochii fi hubannoo uumuu karaa miidiyaalee, miidiyaalee hawaasummaa fi waltajjiiwwan uummataatin babaldhiisuun miidhaa fi hammeenya malaammaltummaa uummatatti beeksisuun barbaachisaa dha.
​✍ Iftoominnii fi Itti Gaafatamummaan Dhaabbilee Keessatti Akka Mirkanaayu Godhuu:– Malaammaltummaan kan uumamu yoo hojimaatni iftoomina dhabuu fi carraan murtee murteessuu nama dhuunfaa baldhatu.Iftoomminna, itti gaafatamummaa, akkasumas adeemsa murtee kennuu, itti fayyadama bajataa fi tajaajila uummataa uummataaf banaa gochuun malaammaltummaa ittisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf hojii irra oolfamuu qaba.
​✍ Ittifayyadama Teeknoolojii Guddisuu:– Kenniinsa tajaajilaa teeknoolojii dijitaalaatiin deeggaruun tuttuqqii harka namaa hir'isuun carraawwan matta'aa gaafachuu fi kennuu dhiphisuun barbaachisaadha.
​✍ Seeraa Cimsuu:– Seeroota biyya keessaa fi idil-addunyaa walsimsiisuun seera ittisa malaammaltummaa kabajuu fi kabachiisuun barbaachisaa dha. Fooyya'iinsi seeraa labsiiwwanii fi dambiiwwan farra-malaammaltummaa amala walxaxaa malaammaltummaan yeroo ammaa qabu waliin akka deeman taasisa.
​✍ Waliigalteewwan Idil-Addunyaa Hojiirra Oolchuu:– Waliigaltee Farra Malaammltummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNCAC) fi Waliigaltee Ittisa fi To'annoo Malaammaltummaa Gamtaa Afrikaa (AUCPCC) fi qajeeltoowwan waliigaltee seeraa fi hojimaata biyyattii keessatti hammatan kan biroo hojiirra oolchuun tarsiimoowwan qindaayaa malaammaltummaa ittisuuf gargaaran keessaa isaan ijoodha.
​✍ Qindoomina fi Hirmaannaa Qooda-Fudhattootaa Guddisuu:– Dhaabbatni tokko qofti malaammaltummaa ittisuu waan hin dandeenneef, qindoominni waloo fi hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa barbaachisaa dha. Hojichi iftoominnaa fi haqaa qabeessummaa irratti akka hundaa'u deeggaruu fi hawaasni siivilii hojii hordoffii irratti akka hirmaatan gochuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti,tarsiimoon qindaayaan ittisa malaammaltummaa milkaa'uu kan danda'u yoo dhaabbilee fi qooda-fudhattooni kophaa kophaa isaaniititti socho'an osoo hin taane, qindoominnaa fi tumsaan malaammaltummaa irratti duuluu danda'an qofa. Kanaafuu, malaammaltummaa ittisuudhaan biyya keenya gama diinagdee, siyaasa, hawaasummaa fi dameewwan birootiin bu'a-qabeessa gochuuf gahee keenya bahutu nurraa eegama.
Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula facebook: Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

Sirna Bittaa Malaammaltummaa Irraa Bilisa Ta’e Akkamitti Diriirsuun Danda’ama?Malaammaltummaan  adeemsa bittaa keessatti...
31/05/2026

Sirna Bittaa Malaammaltummaa Irraa Bilisa Ta’e Akkamitti Diriirsuun Danda’ama?

Malaammaltummaan adeemsa bittaa keessatti raawwatamu qabeenyi biyyaa akka harka namoota muraasaatitti galu waan godhuuf sirni bittaa kun gutuun guututti karaa iftoominna qabuu fi itti gaafatamummaadhaan guutameen raawwatamuu qaba. Amaloota bittaan bu’a qabeessi qabaachuu keessaa isaan ijoon isaan armaan gadiiti.

Sirna Bittaa Teeknooloojiidhaan (e-GP) Deeggarame:-Yajaajilootni dhaabbilee keessatti kennamaan yoo karaa tuttuqqii namootaa hirdhiseen kennaman carraa uumamuu malaammaltummaa sadarkaa olaanaadhaan hirdhisu. Sirni beeksisoota caalbaasii, gurgurtaa fi sassaabiin sanadoota caalbaasii karaa dijitaalaatiin akka raawwatamu gochuun barbaachisaa dha.
Kanaan dabalataanis gahumsii fi seenaan dhiyeessitoota meeshaa karaa sirna dijitaalaatiin akka galmaayu, dhaabbileen gahumsa hin qabne ykn galmee gurraacha irratti galmaayaniiran akka hin hirmaanne to’annoo taasisuun barbaachisaa dha.
Iftoominnaa fi Haqa Qabeessummaa:- Adeemsi bittaa kamuu ummataa fi dorgomtootaaf banaa ta’uu qaba. Ulaagaleen mo’attonni caal-baasii ittiin adda baafaman osoo caal-baasiin hin bahiniin dura karaa ifa ta’een kaaya’amuu fi adeemsi caal-baasichaas bu’uuruma ulaagaleen kaayameetiin raawwatamuu qaba.
Kana irra darbees injifataan caalbaasichaa eennuun akka ta’e, Gatii meeqaan akka injifate fi sababa dorgomtootni biroo hin filatamneef dorgomtoota hundaafuu ifa taasifamuu qaba.

Sirna To’annoo fi Odiitii Cimaa:- Erga bittaan raawwatameen boodas adeemchi adeemsa sirrii ta’uu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa dha. Akkasumas tokkoon tokkoo adeemsota bittaa gurguddoon qaama bilisa ta’een odiitii taasifamuu qaba.
Komii dorgomtoonni biroo adeemsicha keessatti hojimaatni badaan raawwatamee jira jedhanii shakkanii dhiyeefataniifis qaamni bilisaa deebii hatattamaa deebisu jiraachuu qaba.
Ogeessotaa Gahumsa Namusaa Qaban:- Ogeessotni bittaa kan faayidaadhaan hin sobamneef ogumichaan leenji’an ta’uu qabu. Ogeessotni adeemsa caal-baasii irratti murtee kennan yoo dhaabbilee caalbaasii irratti hirmaatan wojjiin firoomaa fi hariiroo faayidaa kamiinuu qabaatan seerri akka murtee caalbaasii sana irratti akka hin hirmaanne dirqisiisu jiraachuu isaa beekanii caalbaasicha irraa of hambisuu qabu.
Dabalataanis, qaamni adeemsa caalbaasi irratti aangoo garmalee fayyadame kamuu sirna cimaa itti gaafatamuu danda’uun diriisuudhaan itti gaafatamummaa mirkaneessuun barbaachisaa dha.
Walumaagalatti sirni bittaa firoomaa fi waliigaltee dhoksaadhaan taasifamu irraa bilisa bahee, gahumsaa fi teeknooloojii irratti kan hundaayu gochuudhaan malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuun barbaachisaa dha.
Dhaloota Safuun Ijaaruun;Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula facebook: Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

29/05/2026

Sirna Qabiinsa Qabeenyaa Keenya Ammayyeessuudhaan Malaammaltummaa fi Hojmaata Badaa Ittisuu Qabna!Maloota akka dhaabbile...
29/05/2026

Sirna Qabiinsa Qabeenyaa Keenya Ammayyeessuudhaan Malaammaltummaa fi Hojmaata Badaa Ittisuu Qabna!
Maloota akka dhaabbileen malaammaltummaa fi hojmaata badaa ittisan isaan gargaaru keessaa tokko sirna qabiinsa qabeenyaa ammayyeessuudha. Adeemsi haala baratamaa fi harkaan galmeessaa (Manual) qabeenyaa to’achuu malaammaltummaa fi hojmaata badaaf karra bana.Adeemsa kana dhiisuudhaan ammayyeessuun iftoomina fiduun, tokkoon tokkoo qabeenyaa eessa akka jiru, eenyuun harkatti akka argamu fi tajaajila akkamii kennaa akka jiru ifatti beekuuf gargaara.
Qabiinsa qabeenyaa teknolojiidhaan deeggaruun, qabeenyi yommuu badu yookiin yommuu manca’u qaama itti gaafatamummaa fudhatu qabu salphaatti adda baasuuf gargaara. Sirna sooftiweerii adeemsa qabeenyaa bittaa irraa kaasee hanga dhabamsiisuutti argamu hordofu diriirsuu fi qabeenyi hundinuu koodii addaa akka qabaatu gochuudhaan karaa dijitaalawaa ta’een galmeessuun malaammaltummaa naannoo kanatu uumamu hirdhisuun ni danda’ama.
Kana hojii irra oolchuufis, qajeelfama ifa ta’e, kan qabeenyi akkamitti akka bitamu, akka raabsamu fi akka dhabamsiifamu ibsu qopheessuu fi hojjattoota beeksisuun, raabsaan qabeenyaa fedhii fi barbaachisuummaa hojii irratti qofa akka hundaa’u gochuudhaan raabsaan qabeenyaa walbeekkumsa irratti hundaaye akka hin jiraanne to’annoo cimaa taasisuudhaan, akkasumas yommuu qabeenyi galmeen wal hin simne argamu hojimaata hatattamaan akka qorannoon taasifamu godhu diriirsuun barbaachisaadha.
Sirna qabiinsa qabeenyaa ammayyeessuun qananii ykn qisaasama osoo hin taane dhimma murteessaadha. Dhaabbata sirna hojimaata ammayyaa qabu keessa qaawwi malaammaltummaaf karaa banu hin jiraatu.
Kanaafuu, hundi keenyaa qabeenya mootummaa akka qabeenya dhuunfaa keenyaatti ilaaluudhaan guddina dhaabbata keessatti hojjannuuf gamtaadhaan dhaabbachuun malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuu qabna.
Dhaloota Safuun Ijaaruun;Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula facebook: Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

     Gaarummaa fi Amanamummaadhaan Hojjachuun, Gibira Olaanaa Guddina Biyyaatiif Kafalamu!Guddina waliigalaa  biyyaa tok...
28/05/2026



Gaarummaa fi Amanamummaadhaan Hojjachuun, Gibira Olaanaa Guddina Biyyaatiif Kafalamu!
Guddina waliigalaa biyyaa tokkootii fi badhaadhina waloo lammiiwwaaniitiif bu’uurri gibira maallqaan sassaabamu qofa osoo hin taane, gibira safuu fi naamusa ogummaa lammiin hundinuu gosa hojii irratti bobba’e keessatti agarsiisu dabalata.
Ijaarsi biyyaa eennummaa dhuunfaa fi gochoota dhuunfaan guyyaa guyyaan raawwannu irraa jalqaba. Akkuma gibirri maallaqaa nuti kafallu bu’uuraalee misoomaa ijaaruuf oolu, tajaajilli nuti gaarummaa fi amanamummaan kenninu immoo hundee hawaasummaa fi dinagdee biyyaa jabeessa.
Haqummaan nuti hojii keenya keessatti agarsiisnu, malaammaltummaa fi hojimaata badaa dhabamsiisuun, ijaarsi dhaabbilee keenyaa seeraa fi sirna irratti akka hundaayu taasisa. Amanamummaa fi gaarummaan filannoo osoo hin taane, ashaaraa gibira lammummaa guddinna biyyaatiif dhaloota dhufutti dabarsuuf kanfallu isa olaanaa dha.
Guddinni fi qaroomni biyya takkaa dheerina gamoowwan isheen qabduun qofaan osoo hin taane, olaantummaa naamusaa dhaabbilee fi lammiileen biyyi sun qabduun madaalama. Bakka amanamummaa fi gaarummaan hin jirretti haqni, iftoomni fi itti gaafatamummaan mirkanaa’uu hin danda’an.
Hojii miira gaarummaatiin hojjachuu jechuun, itti gaafatamummaa nutti kenname loogii malee, hojimaata ifa ta’e irratti hundaayuu fi dantaa uummataatiif dursa kennuun bahuudha.
Dhaabbata amanamummaan aadaa itti ta’e keessatti, qaawwi hojimaata badaa fi dantaa dhuunfaa ari’achuuf karra banu hin jiraatu; kun ammoo iftoominna dhaabbataa fi amanannaa uummataa ijaara.
Tokkoon tokkoo copha dafqaa nuti amanamummaan dhangalaasnu, kennaa guddaa nuti guddina itti fufaa biyyaa keennaaf gumaachinu ta’a.Duudhaan naamusaa hardha nuti facaafnu, bor dhaabbatni cimaa fi biyya badhaate akka ijaaramtu taasisa.
Kanaafuu, dhaabbanni hundinuu sirnaan akka gaggeeffamu fi lammiin hundinuu dhaloota naamusaan ijaarame bocuu keessatti gahee keenya bahaa, gaarummaa fi amanamummaa qajeeltoo hojii keenyaa godhannee adeemsa guddina biyya keenyaa ariifachiisuun nurra jiraata.
Dhaloota Safuun Ijaaruun;Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula 'Facebook' Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

  Gaarii
26/05/2026

Gaarii

Dhaloota Malaammaltummaa Irratti Duulu, Iftoominaa fi Itti gaafatamummaa Aadaa Godhate  Ijaaruun Dirqama Hunda Keenyaati...
25/05/2026

Dhaloota Malaammaltummaa Irratti Duulu, Iftoominaa fi Itti gaafatamummaa Aadaa Godhate Ijaaruun Dirqama Hunda Keenyaati!
Malaammaltummaa itti fufinsaan ittisuuf dhaloota naamusaan ijaarame uumuun dhimma ijoo dha. Kana milkeessuudhaafis ijoolleen akka safuu gonfattee guddattu maatii irraa jalqabee dhaloota naamusaan bocuun barbaachisaa dha. Dhalootni naamusaan ijaaramee guddate ammoo qajeeltoowwan iftoominaa fi itti gaafatamummaa ni kabaja; hojii irras ni oolcha.
Dhaloota iftoominaa fi itti gaafatamummaa aadaa godhatee ijaaruu jechuun ammoo, hawaasa tokko keessatti lammiilee dhugaa dubbatan, gocha isaaniitiif itti gaafatamummaa fudhatanii fi hojimaata isaanii hundaa karaa ifa ta’een hojii irra oolcha ijaaruu jechuudha.
Duudhaawwan iftoominaa fi itti gaafatamummaa gochoota darbee darbee qofa hoji irra oolfaman osoo hin taane, jireenyaa guyya guyyaa lammiilee fi dhaabbilee keessatti aadaa ta’anii gonfatamuu qabu. Kunis dhaabbileen hojimaataan akka hogganaman gargaara.
Dhaloota malaammaltummaa balaalefatu, qajeelfamoota iftoominaa fi itti gaafatamummaa hordofu uumuun bu’uura cimaa biyyi irratti ijaaramtu kaayuu ta’a. Kun ammoo gocha dhaabbata ykn nama dhuunfaa tokko qofa irraa eegamu osoo hin taane, lammiin hundinuu damee hojii irratti bobba’e hunda keessatti “Ani biyya kiyyaaf amanamaadha” jedhee yoo ka’e qofa kan mirkanaayu ta’a.Yoo iftoominnaa fi itti gaafatamummaa aadaa keenya godhanne, guddini biyya keenyaa ni mirkanaaya.
Dhaloota naamusaan ijaaruu fi malaammaltummaa ittisuun hojii qaama tokkoo ykn komishinii qofa osoo hin taane, gahee hunda keenyaa waan ta’eef kutaan hawaasaa hundi hirmaannaa ho’aa taasisuudhaan gahee isaa bahuu qaba.
Kanaafuu, “Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan Hawaasa Biraan Gahuun!” biyya malaammaltummaa irraa bilisa taate uumuuf hundi keenya gahee keenya haa baanu.
Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!

Madda: Fuula facebook Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

Seerota Ittisa Yakka Malaammaltummaa Seerotni malaammaltummaa ittisuuf bahan carraaqqiin namoota balleessaa raawwatan se...
22/05/2026

Seerota Ittisa Yakka Malaammaltummaa
Seerotni malaammaltummaa ittisuuf bahan carraaqqiin namoota balleessaa raawwatan seeratti dhiyeessuuf taasifamuu bu'uura seeraa amansiisaa ta'e irratti akka hundaayuuf akka meeshaalee cimoo murteessootti tajaajilu. Carraaqqii kana deeggaruuf seerota sadarakaa idil-addunyaa, ardii, biyyaa fi naannoo keenyatti tumamanii hojii irra oolaa jiran keessaa kanneen armaan gadii isaan ijoodha.
Konveenshinii Ittisa Malaammaltummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ( labsii lakk. 544/1999)
Malaammaltummaan rakkoolee idil-addunyaawaa keessaa tokko. Rakkoo mana ittisuunis qabsoo idil-addunyaawaa gaafata. Kanuma bu'uura godhachuudhaan woggoottan kurnan lamaan darban keessatti gaggeessummaa dhaabbilee idil addunyaawaa adda addaatii fi tumsa biyyootaatiin sanadoonni seeraa qabsoo farra-malaammaltummaa finiinsan baay'een bahaniru.
Kanneen keessaas Konveenshiniin Ittisa Malaammaltummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa tokko. Konveenshinichi kunis biyyoonni waliin ta'anii malaammaltummaa irratti akka duulan gochuu keessatti qooda olaanaa bahaa jira. Konveenshiniin kun malaammaltummaa ittisuu, qabeenya malaammaltummaan argame deebisisuu, tumsa idil addunyaawaa cimsuu, hojimaatni mootummaa amanamummaa fi itti gaafatamummaadhaan kan guutame taasisuu irratti xiyyeeffatee hojjata.
Konveenshinii Qabsoo fi Ittisa Malaammaltummaa Gamtaa Afriikaa (Labsii lakk. 545/1999)
Konveenshiniin farra-malaammaltummaa Gamtaa Afriikaa, Ardii Afriikaa keessatti malaammaltummaa ittisuuf waliigaltee cimaa fi hunda-galeessa. Xiyyeeffannoon isaa ijoon malaammaltummaa biyyoota Afriikaa keessatti raawwatamu, keessattuu malaammaltummaa angaawota mootummaatiin raawwataman irratti xiyyeeffata.
Labsii Yakka Malaammaltummaa Murteessuuf Bahe Lakk. 881/2007 A.L.H
Labsiin kun labsii biyyattii adda duree yakkoota malaammaltummaa adda addaa ibsuu fi adabu. Bara 2007tti kewwattoota seerota yakka malaammaltummaa seera yakkaa keessatti hammatamanii turan hambisuudhaan labsiin yakka malaammaltummaa of danda'e labsii lakk. 881/2007 ta'ee baheera. labsii kana keessatti yakkoonni malaammaltummaa keewwata 9 hanga keewwata 33 tti keewwattoota 25 jalatti tumamaniiru.
Labsii Qabeenya Beeksisuu fi Galmeessisuu (Labsii lakk. 668/2002 A.L.H) fi Kan Naannoo Oromiyaa 169/2003
Labsiin kun filatamtootni uummataa, mudamtootni fi hojjattoonni mootummaa kamuu qabeenya isaanii akka galmeessisanii fi beeksisan kan dirqamsiisu. Kunis akka qabeenyi biyyattii baay'een harka namoota dhuunfaa muraasaatti hin gallee fi malaammaltummaadhaan akka hin saamamneef tumsa olaanaa taasisa.
Labsii Hundeeffama Komishinii Naamusaa fi Farra-Malaammaltummaa Federaalaa Fooyya'e Lakk. 1236/2013 A.L.H fi Kan Naannoo Keenyaa Labsii Lakkoofsa 197/2008
Labsiiwwan kunneen meeshaalee qabsoo farra-malaammaltummaa ta'anii ijaarsa naamusa dhalootaa, ittisa malaammaltummaa ariifachiisaa fi gahee hordoffii naamusaa bal'aa kan hammatu. Kunis naamusa dhalootaa ijaaruu fi qooda fudhattoota gara garaa wojjiin ta'uudhaan malaammaltummaa irratti qabsaa'uu dandeessisa.
Dabalataanis, seerotni ittisa malaammaltummaa deeggaran kanneen akka Labsii Adeemsa Bulchiinsa Federaalaa 1183/2012 A.L.H, Labsii Eegumsa ragootaa fi eeruu kennitoota Yakkaa 699/2003 A.L.H, Labsii Bittaa Mootummaa lakk. 1333/2016 A.L.H, Labsii Qabeenya Deebisisuu 1364/2017 A.L.H, Labsii Maallaqa ykn Qabeenya Yakkaan Argame Seera-qabeessa Fakkeessanii Dhiyeessuu fi Shororkeessummaa Maallaqaan Deeggaruu lakk. 780/2013 A.L.H fi labsiiwwan, dambiiwwanii fi qajeelfamoonni ittisa malaammaltummaatiin walitti dhufeenya qaban ni argamu.

Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula facebook: Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

Ibsamoota Dhaabbilee Tajaajila Malaammaltummaa fi Hojimaata Badaa Irraa Bilisa Ta’e Kennanii. Dhaabbileen tajaajila mala...
21/05/2026

Ibsamoota Dhaabbilee Tajaajila Malaammaltummaa fi Hojimaata Badaa Irraa Bilisa Ta’e Kennanii.

Dhaabbileen tajaajila malaammaltummaa fi hojimaata badaa irraa bilisa ta’e, tajaajila si'ataa fi haqa qabeessa ta’e kennan ibsamoota (ilaalchota) bu’uuraa ijoo armaan gadii qabu. Ibsamootni kunneen dhaabbileen kun olaantummaa seeraatii fi faayidaa uummataatiif dhaabbachuu isaanii agarsiisu.

👉🏿 Tajaajila Si’ataa

Namoonni tajaajila barbaadan:-dhimma isaanii karaa qulqullina isaa eeggateen, biirokraasii dabalataa malee, yeroo fi humna xiqqaadhaan argachuu yoo danda’an, akkasumas adeemsota tajaajilaa dheeraa hanbisuun kallattiidhaan tajaajilicha argachuun malaammaltummaa fi hojimaata badaa hir’isuuf gargaara.

Kana malees, tajaajiloota dijitaalessuun qaamaan wolgahuu tajaajilaa fi maamila gidduu jiru hir’isuun, qaawwa malaammaltummaa fi hojimaata badaaf balbala banan cufa. Sirna kaffaltii ammayyeessuun, kaffaltiin tajaajila kamuu karaa maallaqa callaan (kaashiin) sassaabuu irraa bilisa ta'een baankii ykn filannoowwan kaffaltii dijitaalaatiin qofa akka raawwatamu gochuun saaxilamummaa malaammaltummaa hir’isa. Kunis, ibsama dhaabbata tajaajila si’ataa kennuu ta'uudhaan karaa malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittiin ittisan keessaa tokko ta'a.

👉🏿 Iftoommina fi Itti Gaafatamummaa

Adeemsa kenna tajaajilaa keessatti chaarteriin lammiilee qajeelfamoota fi hojimaataa ifa ta’an kanneen akka "eenyu, maal, yoom, akkamitti fi yeroo hammamii keessatti" tajaajila tokko argachuu qaba jedhu karaa ifa ta’een uummatatti agarsiisa. Yoo hojimaanni iftoomminaa fi itti gaafatamtummaa qabu jiraate, maqaan gaariinbdhaabbatichaa ni ijaarama; kun immoo itti fufiinsa dhaabbatichaatiif murteessaadha. Hojimaatni dhaabbatichaa akka iftoominna qabaatuuf ammoo hoggantoonni olaanoo fi ogeessotni dhaabbatichaa walitti bu’iinsa faayidaa ittisuuf qabeenya isaanii ifatti galmeessisu.

Akkasumas, murteewwan murteeffaman irratti itti gaafatamtummaa mirkaneessuuf, murteen dhaabbatichaa kamuu seeraa fi sirna irratti kan hundaa’e malee kaka'umsa fedhii dhuunfaa namootaatiin kan hin gaggeeffamne ta’uu isaa fi dogoggora uumamuuf gaafatamummaan jiraachuu isaa kan agarsiisan ta'u.

👉🏿 Hoggansa Naamusawaa

Hoggantoonni naamusawoon dhaabbatichi uummataa fi qooda fudhattoota biratti amanamummaa akka horatu taasisu. Hoggansi naamusawaan waan seeraa fi sirnaaf bitamuuf, carraan walitti bu’iinsa faayidaa fi malaammaltummaaf saaxilamuu isaa baay’ee gadi aanaadha. Hoggansi akkasii naamusaa isaatiin fakkeenya waan ta'uuf, akka hojjattoonni isaa wojjiin hojjatanis amanamummaan hojjatan dirqama moraalii irratti uuma.

Akkasumas, ramaddiin hojii haqa qabeessa ta’e, sirni madaallii ifa ta’ee fi bu’aa argameefis beekamtii kennuun agarsiiftuu hoggansa naamusawaati. Yoo haalotni kunniin guuttaman, walitti tuulamni hojii fi hanqinni hojii waan hir’atuuf, omishtummaan dhaabbatichaa ni dabala.

Walumaagalatti: Dhaabbanni malaammaltummaa irraa bilisa ta’e "hojimaanni isaa ifa , hojjataan dandeettii isaatiin kan filatamu, tajaajilli isaa kan teknolojiin deeggaramee fi kan namoota malaamaltummaa raawwataniif hin mijannee ta'a." Kanaafuu, dhaabbileen tajaajila malaammaltummaa fi hojimaata badaa irraa bilisa ta’e kennuun gama hundaanuu bu’a qabeessa ta’uu qabu.

Dhaloota Naamusaan Ijaaruun; Dhaabbata Hojimaataan!
Madda:Fuula facebook: Federal Ethics and Anti-Corruption Commission

Address

Shashemene

Telephone

+2510461102938

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee G/G Kibbaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share