01/06/2026
Tarsiimoowwan Qindaayaa Ittisa Malaammaltummaa
Dhaabbata tokko qofaan ykn adabbii qofaan malaammaltummaa ittisuuf yaaluu irra, tarsiimoowwan qindaayaa wol deeggaran gara garaa fayyadamuudhaan rakkinnicha hundee irraa furuudhaaf hojii irra ooluu danda'an irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.Tarsiimoowwan kanneen keessaa isaan ijoon ijaarsa naamusaa, ittisa malaammaltummaa fi raawwii seeraa (tarkaanfii) irratti kan hundaayu. Kanaanis, tarsiimoowwan ittisa malaammaltummaa qindaa'aan ijoon akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.
✍ Hubannoo Hawaasaa Guddisuu fi Ijaarsa Naamusaa:– Malaammaltummaa bifa itti fufiinsa qabuun ittisuuf hubannoo fi ilaalchi hawaasni hammeenya malaammaltummaa fi barbaachisummaa naamusaa irratti qabu jijjiiramuu qaba. Barnoota safuu/naamusaa sadarkaa barnootaa gadii irraa kaasee hanga dhaabbata barnoota ol'aanaatitti akka sirna barnootaa keessatti hammatamu godhamee dhalootni amanamaa, qajeelaa fi kan safuu eegu akka ta'u irratti hojjachuun barbaachisaadha.
Malaammaltummaa ittisuuf duula sosochii fi hubannoo uumuu karaa miidiyaalee, miidiyaalee hawaasummaa fi waltajjiiwwan uummataatin babaldhiisuun miidhaa fi hammeenya malaammaltummaa uummatatti beeksisuun barbaachisaa dha.
✍ Iftoominnii fi Itti Gaafatamummaan Dhaabbilee Keessatti Akka Mirkanaayu Godhuu:– Malaammaltummaan kan uumamu yoo hojimaatni iftoomina dhabuu fi carraan murtee murteessuu nama dhuunfaa baldhatu.Iftoomminna, itti gaafatamummaa, akkasumas adeemsa murtee kennuu, itti fayyadama bajataa fi tajaajila uummataa uummataaf banaa gochuun malaammaltummaa ittisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf hojii irra oolfamuu qaba.
✍ Ittifayyadama Teeknoolojii Guddisuu:– Kenniinsa tajaajilaa teeknoolojii dijitaalaatiin deeggaruun tuttuqqii harka namaa hir'isuun carraawwan matta'aa gaafachuu fi kennuu dhiphisuun barbaachisaadha.
✍ Seeraa Cimsuu:– Seeroota biyya keessaa fi idil-addunyaa walsimsiisuun seera ittisa malaammaltummaa kabajuu fi kabachiisuun barbaachisaa dha. Fooyya'iinsi seeraa labsiiwwanii fi dambiiwwan farra-malaammaltummaa amala walxaxaa malaammaltummaan yeroo ammaa qabu waliin akka deeman taasisa.
✍ Waliigalteewwan Idil-Addunyaa Hojiirra Oolchuu:– Waliigaltee Farra Malaammltummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNCAC) fi Waliigaltee Ittisa fi To'annoo Malaammaltummaa Gamtaa Afrikaa (AUCPCC) fi qajeeltoowwan waliigaltee seeraa fi hojimaata biyyattii keessatti hammatan kan biroo hojiirra oolchuun tarsiimoowwan qindaayaa malaammaltummaa ittisuuf gargaaran keessaa isaan ijoodha.
✍ Qindoomina fi Hirmaannaa Qooda-Fudhattootaa Guddisuu:– Dhaabbatni tokko qofti malaammaltummaa ittisuu waan hin dandeenneef, qindoominni waloo fi hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa barbaachisaa dha. Hojichi iftoominnaa fi haqaa qabeessummaa irratti akka hundaa'u deeggaruu fi hawaasni siivilii hojii hordoffii irratti akka hirmaatan gochuun barbaachisaadha.
Walumaagalatti,tarsiimoon qindaayaan ittisa malaammaltummaa milkaa'uu kan danda'u yoo dhaabbilee fi qooda-fudhattooni kophaa kophaa isaaniititti socho'an osoo hin taane, qindoominnaa fi tumsaan malaammaltummaa irratti duuluu danda'an qofa. Kanaafuu, malaammaltummaa ittisuudhaan biyya keenya gama diinagdee, siyaasa, hawaasummaa fi dameewwan birootiin bu'a-qabeessa gochuuf gahee keenya bahutu nurraa eegama.
Dhaloota Safuun Ijaaruun; Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula facebook: Federal Ethics and Anti-Corruption Commission