25/04/2026
𝐆𝐚𝐦𝐚𝐚𝐠𝐠𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐑𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐢 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐁𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝟐𝟎𝟏𝟖 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐆𝐇𝐆𝐖 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝟐𝐟 𝐭𝐮𝐫𝐞 𝐠𝐨𝐨𝐥𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞.
(Eebila 17/2018, MMOGHGW, 𝐒𝐡𝐚𝐚𝐦𝐛𝐮𝐮)
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa gamaaggama gabaasa raawwii hojii baatii Sagalii bara 2018 guyyaa 2f (16-17/08/2018) gaggeessaa ture goolabee jira.
Waltajjicha kabaajamoo obbo Imaanaa Fiqaaduu BB Pirezidaantii MMOGHGW haasaa saaqinsaa taasisuun kan eegalame yoo ta’u; haasaan saaqinsaa erga taasifamee booda pirezidaantonni MMA hundi tartibaan gabaasaa raawwii hojii baatii sagalii kan Mana Murtii Aanaa isaanii dhiyeessaniiru. Itti aansuu dhaan gaaffii fi yaada hirmaattoota waltajjicha irraa fuudhuun, dhuma irratti Cuunfaa fi Duubdeebiin Gabaasa Raawwii Hojii Baatii Sagalii kan Manneen Murtii Aanaa GHGW Kilaastara Lixaa kabajamoo obbo Laggasaa Kabbadaa Qindeessaa Garee Naamusaa fi Inispeekshinii MMOGHGW fi walitti qabaa koree kilaastara lixaatiin akkasumas, kan Manneen Murtii Aanaalee Kilaastara Bahaa kabajamoo obbo Dirribsaa Ejjetaa Qindeessaa Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa MMOGHW fi walitti qabaa koree kilaastara bahaatiin dhiyaateera. Waltajjicha irratti gamaaggamni bal’aan erga taasifameen booda ciminoonni argaman akka itti fufanii fi hanqinoota kurmaan kana keessatti mul’atan immoo kurmaana 4ffaattis akka deebi’anii hin mudanneef, irratti akka hojjetamuuf akeekkachiifameera. Dhuma waltajjichaa irratti kallattiin hojii fuula duraa kennamuun goolabameera.
Hirmaattonni Waltajjichaa: Koree Bulchiinsaa MMO, Inispeektaroota Garee Naamusaa fi Inispeekshinii MMO, Pr MMA, Dursitoota Garee Qophii, Karoora, Hordoffii fi Gamaaggamaa MMA ti.
Kominikeeshinii MMOGHGW