Waajjira Nageenyaa fi Ti/U/A/Jiillee Dhummuugaa የጂሌ ጥሙጋ ወረዳ ሠላምና ህ/ደ/ጽ/ቤት

  • Home
  • Ethiopia
  • Senbete
  • Waajjira Nageenyaa fi Ti/U/A/Jiillee Dhummuugaa የጂሌ ጥሙጋ ወረዳ ሠላምና ህ/ደ/ጽ/ቤት

Waajjira Nageenyaa fi Ti/U/A/Jiillee Dhummuugaa
የጂሌ ጥሙጋ ወረዳ ሠላምና ህ/ደ/ጽ/ቤት የህዝባችንን ሠላም ለማፅናት እና ልማትን ለማሰቀጥል እንተጋለን!!!

06/05/2026

!!!

Ayyaanni Hundeeffama Milishaa Waggaa 30ffaa Sadarkaa Aanatti Guyyaa Har'aa Magaalaa Sanbateetti Bifa Bareedaa Ta'een Kab...
06/05/2026

Ayyaanni Hundeeffama Milishaa Waggaa 30ffaa Sadarkaa Aanatti Guyyaa Har'aa Magaalaa Sanbateetti Bifa Bareedaa Ta'een Kabajamee Jira.

Eebla-28/2018 (Wa/Nageenyaa aanaa Jiillee Dhummuugaa.)

Bulchiinsa Aanaa Jiillee Dhummuugaatti Ayyaanni Hundeeffama Milishaa Waggaa 30ffaa Bakka Keessummoonni Godinaa Argamanitti Bifa Ho'aa Ta'een Kabajamee jira.

Sagantichaas nageenya aanaa fi hawaasaaf jecha qaamolee lubbuu qaalii isaanii kaffalaniif yaadannoon taasifameefii jira.

Saganticha irratti haasaa baniinsaa fi ergaa bagaa nagaan dhuftanii, Akkasuma barbaachisummaa hundeeffama Sagantichaa ilaalchisuun ergaalee garaa garaa I/G/ Paartii Badhaadhinaa damee siyaasaa Godina Saba Oromoo Obbo Jamaal Alii, I/G/ Waajiira Milishaa Godinaa Obbo Yasuf Abduu, I/A/ Bulchaa fi I/G/ Waajjira Nageenyaa fi Tika Uummataa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Muhee Umar fi I/G/ Waajiira Milishaa Aanaa Jiillee Obbo Alii Ahimadiin sagantaan baniinsaa taasifamee jira.

Sanada gabaabaa hundeeffama sagantichaa fi caasaa nageenyaa/ Milishaa/ gatii isaan nageenya hawaasaa waaressuuf kaffalaniifi kutannoo caasichaa ilaalchisuun I/A/ Waajjira Nageenyaa fi Tika Uummataa Aanaa Obbo Alii Hasaniin sanadni dhiyaatee jira.

Dhuma irrattis nageenya Aanaa gama hundaan eegsisuu irratti qooda fudhattoota ga'ee Leencaa bahatan walduraa duubaan badhaasni fi beekkamtiin laatamuun sagantichi bifa bareedaa fi ho'aa ta'een xumuramee jira.

Bulchiinsa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Kilaastera Baalciitti Ayyaanni Hundeeffama Milishaa Waggaa 30ffaa Qophiilee Garaa Ga...
03/05/2026

Bulchiinsa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Kilaastera Baalciitti Ayyaanni Hundeeffama Milishaa Waggaa 30ffaa Qophiilee Garaa Garaatiin Guyyaa Har'aa Ganda Baalcii Irratti Kabajamee jira.

Saganticha irrattis I/A/I/Gaafatamaa Wajjira Nageenyaa fi Tika Uummataa Aanaa Jiillee Obbo Alii Hasuu, I/G/ Waajjira Misooma Obbo Ahmaddiin Husseen, I/G/Maayi-Baasii Baalcii Darg. Aliyyii Umar, Ogeessota Maanaajimantii Wa/Milishaa fi Caasaa Nageenyaa Gandoota Sadanii hirmaachisuun guyyaa har'aa bifa bareedaa fi hawwataa ta'een geggeeffamee oolee jira.
Saganticharratti dorgommii fiigichaa meetira dhibba tokkoo,marii gabaabduu seenaa dhaabbata milishaa fi sirni beekkamtii kennuu raawwatamee jira.
Eebla-2/2018

Ebla 20/2018Sagantaan milishaa gandaa uffannaa seeraa uwwisuu raawwatame.Sanbatee Ebla 20/2018(Waajjira Nageenyaa A/Jiil...
28/04/2026

Ebla 20/2018
Sagantaan milishaa gandaa uffannaa seeraa uwwisuu raawwatame.
Sanbatee Ebla 20/2018(Waajjira Nageenyaa A/Jiillee Dhummuugaa)
Sagantaan milishaa gandaa uffannaa seeraa uwwisuu ganda Baalciitti qophii fi sagantaalee agarsiisa garaa garaatin dabaalamee haala bareedaa taheen geggeeffamee jira.
Milishaan gandaa deeggaramuu fi akka qaama nageenyaa tokkotti uffata seeraa hawaasa irraa adda bahee ittiin beekamuu fi hojii ol'antummaa seeraa gandootni of danda'anii akka raawwatanii fi Nageenya hawaasa gandichaa akka waaressan akkasumas gaachanaa fi waardiyyaa misoomaa ta'uun akka itti fufaniif hamilee guddaa kan keessatti uumudha.
Calaatti hojii boonsaa kana kan adda godhu hawaasni hirmaannaa isaatin milishaan keenya gaachanaa fi waardiyyaa keenya jechuun hirmaanaa gochuun itti uwwisuu danda'uu isaati.
Walumaagalatti sagantaan uffata seeraa milishootaa uwwisuu kun gandoota hundarratti haaluma kanaan itti fufee kan rawwatamu taha.

Kilaastera Allaalaatti Marii dhimma Nageenyaa fi Obbolummaa Ummata Ollaa Cimsuu AdeemsifameSanbatee, Bitootessa- 7/2018(...
16/03/2026

Kilaastera Allaalaatti Marii dhimma Nageenyaa fi Obbolummaa Ummata Ollaa Cimsuu Adeemsifame

Sanbatee, Bitootessa- 7/2018(Wa/Nageenyaa Aanaa Jiillee)

Bulchiinsi Aanaa Jiillee Dhummuugaafi Aanaa Ollaa Efraata Gidim Gandoota Kilaastera Allaalaa Jechuun.... Awlaal, Allaalaa, Marawwaa fi Izgiyyee akkasumas Aanaa Ifraataa Gidim irraa Gandoota Allaalaa Amaan Gabayaa fi Imlawaa irraa koreewwan nageenyaa, Bulchaa gandaa fi Caasaalee Callisaa akkasumas miseensota milishaa waliigalaa gandootaa hirmaachisuun mariin dhimma nageenyaa fi Obbolummaa cimsuu bakka Gaggeessaa Aanaa I/A/I/Gaafatamaa Waajjira Nageenyaa fi Tika Uummataa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Alii Hasanii fi Gaggeessaa Aanaa Ifraataa fi Ajajootni RIB Allaalaa Amaan gabayaa jiran hirmaatanitti bakka addaa Bariisisatti geggeeffamee kallatti hojii fuula duraa kaa'un goolabamee jira.

Waltajjii Marii Dhimma Nageenyaa fi Haala Yeroo Irratti Xiyyeeffate Aanota Ollaa Waliin Adeemsifamee JiraSanbatee, Gurra...
21/02/2026

Waltajjii Marii Dhimma Nageenyaa fi Haala Yeroo Irratti Xiyyeeffate Aanota Ollaa Waliin Adeemsifamee Jira

Sanbatee, Gurraandhala-14/2018(Waajira Nageenyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa)
Waltajjii Marii Dhimma Nageenyaa fi Haala Yeroo Irratti Xiyyeeffate Aanota Ollaa Waliin Guyyaa Har'aa Adeemsifamee Jira.

Waltajjichaas Bakka I/G/ Paartii Badhaadhinaa Damee Siyaasaa Bulchiinsa Saba Oromoo Obbo Jamaal Alii, Bulchaa Duree Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Alii Sayid fi I/A/ Ajajaa Addaa Humna Qilleensaa Kutaa 103ffaa fi Naannawichaa Koloneel Shukrii Abbaa Waaree dabalatee Bulchitoonni Aanota Ollaa Aanaa Efraataa, Qawaat, Bulchiinsa Shawaa Roobiitifi Ajajoonni Poolisii Federaalaa naannawichaa dabalatee qooda fudhatoonni Gandoota irraa walitti baba'an argamanii jiru.

Sagantichaanis naannawichattis rakkoolee nageenyaatti mudatee ture ka'umsa godhachuun madda rakkoofi furmaata isaa irratti marii bal'aan gadi fageenya eega taasifamee booda kallattii fuuladuraa kaa'uun keessattii nageenya keessoofi ollaa utubuuf hunduu ga'ee irraa eeggamu ba'achuu akka qabamu hubachiisuun furmaata waloo itti aanu irratti kaa'uun sagantichi goolaba argatee

Araarri gosoota wal dhabanii taasifame.Gurraandhala 9/2018Waajjira Nageenyaa fi Ti/Ummataa A/Jiillee Dhummuugaa.Sanbatee...
16/02/2026

Araarri gosoota wal dhabanii taasifame.
Gurraandhala 9/2018
Waajjira Nageenyaa fi Ti/Ummataa A/Jiillee Dhummuugaa.
Sanbatee
Araarri gosoota Hawaa fi Boorkannaa bakka manguddoo jiillee, Abbootin amantaa miseensota majlisa Aanaa keenyaa fi Hoggansi waajjira keenyaa argametti malkaa jiilleetti raawwaamee jira.

Raawwii kurmaana 2ffaa hojii ji'a jahaa/6/keessatti raawwaameen Aanaan Jiillee Dhummuugaa 1ffaa Bahee badhaasa Geebaa fi...
12/02/2026

Raawwii kurmaana 2ffaa hojii ji'a jahaa/6/keessatti raawwaameen Aanaan Jiillee Dhummuugaa 1ffaa Bahee badhaasa Geebaa fi waraqaa ragaa argatee jira. warri carraaqqii fi firii bu'aa hojii kana keessaa gahee qabdan marti baga gammaddan
!!!

Deeggarsaa fi hordoffiif Garee Qajeecha Nageenyaa Go/Saba Oromoo gara Aanaa Jiillee Dhufuun turtii guyyaa tokkoo waajjir...
06/02/2026

Deeggarsaa fi hordoffiif Garee Qajeecha Nageenyaa Go/Saba Oromoo gara Aanaa Jiillee Dhufuun turtii guyyaa tokkoo waajjira Nageenyaa fi Ti/U/A/Jiillee Dhummuugaatti waliin dabarsine. yeroo bareedaa ture alatoomaa!!!

ለጥፋት አላማ ለጽንፈኛ ቡድኑ ሊደርስ የነበር ተተኳሽ በጸጥታ ሃይሎች ትብብር በቁጥጥር ስር መዋሉ ተገለፀ። በዋግ ኽምራ ብሔረሰብ አስተዳደር በጋዝጊብላ ወረዳ መነሻውን ከትግራይ ወደ ላሊበላ ...
06/02/2026

ለጥፋት አላማ ለጽንፈኛ ቡድኑ ሊደርስ የነበር ተተኳሽ በጸጥታ ሃይሎች ትብብር በቁጥጥር ስር መዋሉ ተገለፀ።

በዋግ ኽምራ ብሔረሰብ አስተዳደር በጋዝጊብላ ወረዳ መነሻውን ከትግራይ ወደ ላሊበላ መስመር በመጓጓዝ ላይ የነበረ የጦር መሳሪያ ተተኳሽ በፖሊስ አካላት በተደረገ ድንገተኛ ፍተሻ በቁጥጥር ስር መዋሉን የጋዝጊብላ ወረዳ ፖሊስ ጽ/ቤት አስታውቋል፡፡

የጋዝጊብላ ወረዳ ፖሊስ ጽ/ቤት አዛዥ ኢንስፔክተር ግርማ እሸቴ እንዳሉት መነሻውን ከትግራይ አድርጎ ወደ ላሊበላ ሲጓዝ የነበረ ታርጋ ቁጥር አ.አ 88593 በሆነ አይሱዙ መኪናን በአስከተማ ከተማ ፓሊስ ጣቢያ አካባቢ በማስቆም በተደረገ ድንገተኛ ፍተሻ የድሽቃ ጥይት 6 ሺህ 3 መቶ 49 ፣ የብሬን ጥይት 4 ሺህ 5 መቶ ፣ የክላሽ ጥይት 75 እና የተተኳሾቹን ሳጥኖሽ በሽፋንነት ያገለግል የነበረ 46 ኩንታል ፉርሽካ በቁጥጥር ስር መዋሉን ገልፀዋል።

ሀገርን የማፍረስና የህዝብን ሰላምና ጸጥታ የማናጋት ተግባራት የሚሰሩ የውስጥና የውጭ ጠላቶች በመተባበር የሚፈጽሙት ቢሆንም በወረዳው ፖሊስ አካላት በተሰራ ድንገተኛ ፍተሻ የጥፋት ተልዕኳቸውን ማክሸፍ መቻላቸውን አንስተዋል።

በመጨረሻም ህገወጥ ድርጊት ትልቅ ጉዳት ያለው መሆኑን ያነሱት የፖሊስ አዛዡ ድርጊቱን ለመከላከል ከአጎራባች ወረዳዎችና ዞኖች ጋር ተቀናጅቶ መስራት እንደሚገባ አስገንዝበው ማህበረሰቡ ህገወጥ ድርጊትን ለማስቆም ከጸጥታ ሃይሉ ጋር ተጋግዞ ሊሰራ እንደሚገባም መልዕክት አስተላልፈዋል፡፡

~•~•~•~•
🕊ሰላም ለሁሉም፤ ሁሉም ለሰላም🕊

Address

Senbete

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Nageenyaa fi Ti/U/A/Jiillee Dhummuugaa የጂሌ ጥሙጋ ወረዳ ሠላምና ህ/ደ/ጽ/ቤት posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share