ኦሮሚያ ክልል ብሔራዊ አስተዳደር

ኦሮሚያ ክልል ብሔራዊ አስተዳደር Oromia Region National Governance
Bulchiinsa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa
ኦሮሚያ ክልል ብሔራዊ አስተዳደር

Gamaaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kan kurmaana 3ffaa bara 2018 Magaalaa Bishooftuu Galma Harsadeetti guyyoot...
21/04/2026

Gamaaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kan kurmaana 3ffaa bara 2018 Magaalaa Bishooftuu Galma Harsadeetti guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture, guyyaa har'aa kallattii hojii Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaan erga kennamee booda goolabameera.

Gamaaggama kana irratti gabaasa raawwii hojii mootummaafi paartii erga dhiyaate booda marii baldhaa taasisuun, ciminoota jiran akkaataa ittifufsiisuun danda'amurratti akkasumas hanqinoota mul'atan sirreessuun bu'aa caalmaaf hojiilee hafan qulqullinaan, baay'inaan, dabalataanis ariitiin akkaataa raawwachuun danda'amuu irratti waliigalameera.

Pirezidaantiin MNO Shimallis Abdiisaa, gamaaggamaa gaggeeffameen bu'aawwan jajjabeessoon ta'an galmaa'aa akka jiran kan mul'isuu ta'uu isaa ibsuun, hanqinoota jiran guutuuf hoggansii sadarkaan jiru halkanii guyyaa hojjachuu cinaatti, yeroon itti jirruu yeroo murteessaa waan ta'eef ji'oottan sadan dhufaniitti hoggansiifi raawwataan sadarkaan jiru dhimmoota sadii irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjachuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Tokkoffaa: Filannoo haqa-qabeessa, amanamaa, hirmaachisaafi dimookraatawaa akka ta'uuf hoggansiifi raawwataan sadarkaa jiru hojiilee dandeessissoo hojjachuun shooraa ol'aanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru.

Lammaffaa: Karoora waggaa shanan xummuramaa jiruun ji'oottan hafaniin miiraa yeroo hinqabnuu jedhuun hojiilee hafan golabuun raawwii karoorichaa milkeessuun akka barbaachisuu addeessaniiru.

Sadaffaa: Qophii karoora waggaa shanan dhufu Karoora Ofdanda'uu (2019-2023) sirnaan goolabuun hojiitti galchuun injiifannoo caalmaaf ofqopheessuun barbaachiisaa akka ta'ee akeeekaniiru.

Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii raawwii ji'oottan 9'n darbanii ilaalchisuun ibsa ...
21/04/2026

Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii raawwii ji'oottan 9'n darbanii ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef keennaniiru.

Ibsa isaaniitiin, ji'oottan 9'n darban Naannoo Oromiyaatti galii Birrii bil. 2’fi mil.37 caalaa akka walitti qabamee ibsuun, galii MNO guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo umuufi maddeen galii sakatta'uun hojiin hojjatamaa turee bu’aa buusaa jiraachuu isaa eeraniiru.

Gama kenna tajaajilaa foyyeessuun immoo, ji'oottan 9'n darban hojjattoota kenniinsa tajaajila mootummaa gufachiisan kuma 10’fi 171 irratti tarkaanfii bulchiinsaafi kanneen biroo akka fudhatame kan himan Obbo Awwaluun, rakkoo bulchiinsa gaarii bifa adda addaan mudataa ture hundeerraa furuufis wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ magaalota 5 keessatti dursanii hojjachuun muuxannoo argame babal'isaa jiraachuu dubbataniiru.

Marsaa 2ffaas wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ magaalota 26'tti babal'isuun muraasni tajaajila jalqabuu kan ibsan yoota’u, caalmaatti babal'isuufis marsaa 3ffaan magaalota 60 keessatti eegalameera jedhan.

Tajaajilamtoonni wiirtuu kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’tti keessummeeffaman harki 97 olis ittiquufinsa kenna tajaajilaa qabaachuu kan ibsan Obbo Awwaluun, hojiin fakkeenyummaa qabu kun babal'atee hawaasni tajaajila barbaade akka argatu MNO xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa akka jiru addeessaniiru.

Hoggansi ummatatti siqee akka tajaajiluufis guyyaa abbaa dhimmaa adda baasuurra darbuun aanaaleefi gandootarratti rifoormii hojjatameen hawaasni tajaajila barbaadu qe'eesaatti akka argatu mijeessuu danda'aameera jechuun, namoonni aantummaa ummataafi gahumsa qaban kuma 50 caalanis gandoota kuma 7 olitti ramadamuun ummata tajaajilaa akka jiran ibsaniiru.

Gamaaggama raawwii hojii Paartiifi Mootummaa kurmaana 3ffaa bara 2018’fi qophii karoora bara  2019 Magaalaa 𝑩𝒊𝒔𝒉𝒐𝒐𝒇𝒕𝒖𝒖tt...
15/04/2026

Gamaaggama raawwii hojii Paartiifi Mootummaa kurmaana 3ffaa bara 2018’fi qophii karoora bara 2019 Magaalaa 𝑩𝒊𝒔𝒉𝒐𝒐𝒇𝒕𝒖𝒖tti jalqabneerra.

Waggoota jijjiiramaa darban qabsoo saba keenyaa gulantaa ittaanutti ceesisuuf galmoota ifa ta’an — 𝒅𝒉𝒂𝒍𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒅𝒐𝒓𝒈𝒐𝒎𝒂𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒖𝒖, 𝒖𝒎𝒎𝒂𝒕𝒂 𝒅𝒊𝒏𝒂𝒈𝒅𝒆𝒆𝒏 𝒂𝒂𝒏𝒈𝒐𝒎𝒔𝒖𝒖𝒇𝒊 𝒔𝒊𝒓𝒏𝒂 𝒖𝒎𝒎𝒂𝒕𝒂𝒂𝒘𝒂𝒂 𝒄𝒊𝒎𝒂𝒂 𝒊𝒋𝒂𝒂𝒓𝒖𝒖 — irratti xiyyeeffannoon socho’aa turreerra. Waggoottan jijjiiramaa kanniin milkaa’ina galmoota kanniinitiif aarsaa kumaa kitila gabbaraa asgeenye. Gamaaggama ji’oota saglan darbaniifi waggoota jijjiiramaa, akkasumas karoora bara 2019 galmoota kumaa kitila itti dhabne kana ‘𝒉𝒂𝒈𝒂𝒎 𝒇𝒖𝒖𝒍𝒅𝒖𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒉𝒊𝒊𝒌𝒔𝒖𝒖 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂’𝒖’ yaada jedhuun safaruu qabna.

Bu’uuruma kanaan, gamaaggama kurmaana 3ffaa keenya qooddattoota ijoo afur irratti hundaa’uun kan gaggeessinu ta’a:
𝐓𝐨𝐤𝐤𝐨: Dhimmoonni milkeessine maaliif milkaa’an? Kanneen harca’an hanqinaalee maalitiin harca’an?
𝐋𝐚𝐦𝐚: Humnoota misoomaa sadan — 𝒉𝒖𝒎𝒏𝒂 𝒎𝒐𝒐𝒕𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂, 𝒉𝒖𝒎𝒏𝒂 𝒘𝒂𝒍𝒐𝒐𝒇𝒊 𝒉𝒖𝒎𝒏𝒂 𝒎𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 hagam dhimma itti bahachaa jirra?
𝐒𝐚𝐝𝐢: Qormaatilee qabsoo sabaa — 𝒉𝒂𝒕𝒕𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂, 𝒈𝒂𝒏𝒅𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂, 𝒉𝒐𝒋𝒊 𝒅𝒉𝒂𝒃𝒅𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂, 𝒕𝒂𝒋𝒂𝒂𝒋𝒊𝒍𝒂, 𝒒𝒂𝒂𝒍𝒂’𝒊𝒊𝒏𝒔𝒂 𝒋𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂fi kkf — deebii akkamii kennaa jirra?
𝐀𝐟𝐮𝐫: Ciminoota muldhatan daran finiinsuuf, akkasumas harcaatiiwwan muudatan uwwisuuf hooggansa akkamii kennuu qabna?

Akkasumas karoora bara 2019 naannodhaa hanga gandaafi nama dhuunfatti jiru ilaalchisee qooddatoota ijoo shan giddugaleeffachuun kan qorannu ta’a. Bu’uuruma kanaan karoorri keenya:
𝐓𝐨𝐤𝐤𝐨: Galmoota qabsoo sabaa hagam milkeessuu danda'a?
𝐋𝐚𝐦𝐚: Dilbii gulantaa maraa jiru hagam hubatee qophaa’e?
𝐒𝐚𝐝𝐢: Muuxannoo milkaa’inoota waggoota darbaanii sadarkaa ittaanutti ceesisuuf hagam nudandeessisa?
𝐀𝐟𝐮𝐫: Qormaatilee qabsoo sabaa — komiifi gaaffilee ummataa ta’an —hagam hiikuuf nudandeessisa?
𝐒𝐡𝐚𝐧: Humnoota ka

Addunyaan har’aa saffisa dinqisiisaa  teknolojii yeroon barbaadu hidhattee guyyaa guyyaan gara jijjiirama haaraatti imal...
06/03/2026

Addunyaan har’aa saffisa dinqisiisaa teknolojii yeroon barbaadu hidhattee guyyaa guyyaan gara jijjiirama haaraatti imaluu irratti argamti. Keessumaattuu, dijitaalessuun hojii namaa salphisuu, yeroo qusachuufi tajaajila saffisiisuu keessatti carraa bal’aa uumuun boqonnaa haaraa saaqaa jira.

Jaarraan amma keessa jirru kun bara dorgommii dijitaalaafi guddinni damee hundaa ijaarsa sirna teeknoloojii dijitaalaatiin dhugoomudha. Bara gilobalaayizeeshinii Addunyaan mandara tokko taatetti guddina saffisiisaafi itti fufiinsa qabu ijaaruuf teeknoloojii dijitaalaatiin yoo hin masakamne milkaa'uu hin danda'u. Kanaafuu hidhannoo teknoolojii ammayyaa diriirsuun kalaqa, ariitiifi qulqullina dabaluun jiruuf jireenya ilma namaa jijjiiruuf hojjechuu barbaachisa.

Dijitaalessuun bu'uura guddina biyya tokkoo ta'uun odeeffannoon yeroo gabaabaa keessatti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti karaa salphaa ta'een darbarsuu, hojiiwwan yeroo dheeraa fudhatan gara sirna salphaafi saffisa qabuutti jijjiiruun kenna tajaajila mootummaa si'eessuu, haqa qabeessa taasisuufi malaammaltummaa irraa bilisa baasuuu keessattis qooda guddaa qaba.

Kun immoo dhaabbilee mootummaa, miti Mootummaafi hawaasa bal’aaf milkaa’ina haaraa banuun, daldala dijitaalaaf carraa banuun daldaltoota fayyadamaa taasisuufi hawaasni keenyas tajaajila barbaadu karaa salphaa ta'een dadhabbii tokko male akka argatu taasisa.

Itoophiyaanis dorgommii damee dijitaalaa Addunyaan keessa jirtu milkeessuuf bara 2030tti Karoora dijitaal Itoophiyaa dhugoomsuuf hojjechaa jirti. Kunis galma dijitaalessuu qabame milkeessuu kan dandeessisudha. Kanaafis hojiin leenjii Koodersii, Eenyummeessaa dijitaalaa kennuufi Wiirtuun Kenna Tajaajila 1ffaa imalicha milkeessuuf hojiiwwan tarkaanfii haaraan jalqabamanidha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas galma ga'insa dijitaala Itoophiyaa saffisiisuuuf hojiilee bal'aa hojjechaa jiraachuu hoogganaa itti aanaan Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknoloojii Oromiyaa Enjinar Jimaa Tulluu ibsaniiru. Kenna tajaajila Mootummaa ammayyeessuun tajaajila si'ataa, haqa qabeessaa, qulqulluufi qaqqabamaa taasisuufis hojii hanga ammaatti hojjetameen wiirtuun tajaajila tokkoffaa magaalota 7 keessatti banamee hojii eegaluu himaniiru.

Wiirtuu kenna tajaajila tokkoffaa kanaan rakkoo kenna tajaajilaa ture daraan fooyya'aa dheefeera.Kanaaf yeroo dhiyootti magaalota Oromiyaafi kutaalee magaalotaa 61 keessatti babal'isuuf hojjachaa akka jiranis Enjinar Jimaan eeraniiru.

Gama biraatinis, lammiilee gama hundaan ga'umsa qabu horachuuf hojiileen baay'een eegalamuu ibsuun, leenjii Ethiocoders waliin wal qabatee karoorri akka Oromiyaatti qabame namoota 1,440,045 leenjisuu yoo ta'u hanga ammaatti kan galmaa'e namoota 1,340,042 fi kan leenji'anii xumuran namoota 1,009,169 ta'uu himaniiru.

Galmee waraqaaa eenyummaa Biyyaaleessaa (Fayda) waliin wal qabatees hanga ammaatti namoonnii 11,379,181 ol fudhachuu himuun, imala kana caalmaatti milkeessuufi guutuu taasisuuf bu’uuraalee teknooloojii cimsuufi dandeettii ogummaa dijitaalaa guddisuun murteessadha jedhan.

Dijitaalessuun imala bara olka'insa Itoophiyaa gama hundaan milkeessuu danda'u waan ta'eef , lammiileen hundi milkaa'ina hojichaatiif tumsa barbaachisaa taasisuu akka qabanis Enjinar Jimaan dhaamaniiru

Qoodinsa galii waloon Birriin biiliyoonni 71 ol Naannoleef qoodame- Afyaa’ii Aganyawu TashaagarFinfinnee,Guraandhala 16,...
25/02/2026

Qoodinsa galii waloon Birriin biiliyoonni 71 ol Naannoleef qoodame- Afyaa’ii Aganyawu Tashaagar

Finfinnee,Guraandhala 16, 2018 –Bara baajataa 2018 baatiiwwan torban darban qoodiinsa galii waloon Birriin biiliyoonni 71. 33 naannoleef qoodameera jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyawu Tashaagar.

Sassaabbii fi Bulchiinsa galii waloo Ministeera Galiiwwanii fi Albuudaa irratti argannoo odiitii faayinaansii Waajjira Odiitaraa olaanaarratti mariin qooda fudhattootaa gaggeeffamaa jira.

Obbo Aganyawu Tashaagar wayita kanatti haasawaa taasisaniin, Fooyyeessii yeroo qoodiinsa galiiwwan waloorratti taasifame hordofee gaheen qooddi naannolee Birrii biiliyoona 4.2 irra gara biiliyoona 91. 73tti guddateera jedhan.

Manni Maree Federeeshinii jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii dhaabbataa Fooyyeessii yeroo qoodiinsa galiiwwan waloorratti gaggeesseen gaheen galii naannoolee guddachaa dhufeera jedhan.

Foyyeessichaa as bara baajataa 2017 naannooleef Birriin biiliyoonni 91. 73 dabarfamuu ibsaniiru.

Bara kana Baatiiwwan torban darban immoo Birriin biiliyoonni 71. 33 naannoleef dabarfamuu eeeraniiru.

Waltajjii maricharratti Pirezidaantoota Naannoolee dabalatee Hoggantoonni olaanoo federaalaa argamaniiru.

“Faastivaala Sportii Adaamaatti”Dorgommii fi Leenjjin Ispoortii Guddattootaa Biyyaalessaa mata duree “Misooma Ispoortii ...
08/02/2026

“Faastivaala Sportii Adaamaatti”
Dorgommii fi Leenjjin Ispoortii Guddattootaa Biyyaalessaa mata duree “Misooma Ispoortii Guddattootaa Olka’iinsa Itiyoophiyaaf” jedhuun qopheessummaa Naannoo Oromiyaan Magaalaa keenyatti bakka Ministeerri Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawit Shaankaa ,Hoggansi Sadarkaa Federaalaa ,Naannoo fi Kutaaleen Hawaasaa Gara Garaa Argamanitti Jalqabsiifneerra.

Dorgommii fi leenjii madaallii guddattoota kanaan gosoota Ispoortii gara garaa 15 fi dorgomtoota 3000 oli kan hirmaatan yoo ta'u, dorgommiin guddattootaa kun
guddina biyyaa fi ijaarsa hawaasummaaf , tokkummaan fi waldhageettii uummatootaa giddutti cimsuuf, nageenyaa fi misooma biyyaa deeggaruuf shoora guddaa taphata.

Mootummaan keenya Ispoortii guddattootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jira.Leenjii fi madaalliin guddattootaa ispoortessitoota bakka bu’aa horachuufi garee biyyaalessaa dorgomaa cimaa ijaaruuf kan kaayyeeffateedha.

Haaromsi Aadaa Injifannoo Oromoo Ceesisa !!Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota dammaqaa ofta’ee haala qabatamaa addunya...
06/02/2026

Haaromsi Aadaa Injifannoo Oromoo Ceesisa !!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota dammaqaa ofta’ee haala qabatamaa addunyaa hubachuu danda'u aadaa,duudhaafi safeeffannaa isaa ganamaa hubate guddina biyyaaf tumsuu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti leenjiin haaromsa aadaa hoggansaafi qooda fudhattoota sadarkaan jiraniif kenname.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahaammadamiin;leenjii kanarratti argamuun ergaa dabarsaniin guddinni akkasumas ammayyummaan kamu aadaafi duudhaa keenya osoo hinfaalleessan dhalootaa dhalootatti kan darbu ta’u akka qabu dhaamaniiru.

Haaromsi aadaa ammayyummaafi hawwattummaa magaalotaa dabaluu keessattis qooda guddaa qabaa kan jedhan Obbo Naziif;Aggaaroonis magaalota wiirtuu haaromsaatiin ijaaramtee keessaa tokko akka taate himuun,akka mootummaattis sochii haaromsaa aadaa irratti taasisaa jiruun bu'aan gurguddaan mul'achaa akka jiru dubbataniiru.

Dokumantii mariif ta'u kan dhiyeessan Ittigaafatamaan Waajjiira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Aggaaroo Obbo Ayyalee Qanaatee barbaachisummaan haaromsa aadaa; eenyummaa,kabajaafi diinagdee Oromoo humneessuu cinaatti misoomaafi nageenya ittifufiinsa qabu sadarkaa hundatti mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himaniiru.

Haaromsi aadaa;aadaa,seenaafi aartii uummatichaa kunuunsuu,beeksisuufi misoomsuun,ce'umsa aadaa ummata keenyaa roga hundaan milkeessuuf faayidaa guddaa akka qabuus Obbo Ayyaleen dubbataniiru.

Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti guyyaa har'aa qonnaan bultoota kuma 16 ol ta'aniif kaartaan abbaa qabeenyummaa lafaa kenn...
02/02/2026

Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti guyyaa har'aa qonnaan bultoota kuma 16 ol ta'aniif kaartaan abbaa qabeenyummaa lafaa kenname.
********
Waajjirri Lafaa Godina Jimmaa, Aanaa Maannaa Ganda Sayee Boontuutti kaartaa abbaa qabiyyummaa lafaa bakka abbootiin qabiyyee argamanitti guyyaa har'aa wal harkaa fuuchaa taasisee jira.

Kaadaastarri mirga abbaa qabiyyummaa lafaa mirkaneesuu bira darbee abbaan qabiyyee kaartaa isaa wabii godhatee jiruu fi jireenya isaa akka fooyyeeffatu gochuu keessatti iddoo olaanaa akka qabu beekamaa dha.

Kanarraa ka'uunis Waajjirri Lafaa Godina Jimmaa hojii kana milkeessuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa kan jiru yemmuu ta'u, baatiiwwan ja'an darbe keessatti hojii kana milkeessuuf hojii hojjechaa tureen raawwiin gaariin galmaa'uufi guyyaa har'aas Aanaa Maannaatti walarkaa fuuchaan kaartaa lafaa taasifamee jira.

Bulchaan Aanaa Maannaa obbo Samaraddiin Ahimad, Aanicha Gandoolee gara garaatti safartii lafaa parsilii kuma 22 fi 978 safaramuu himanii, qonnaan bultoota lafti isaanii safarameef kuma 16 fi 152 guyyaa har'aa kaartaan dabarfamee kennamuu isaa himaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, lafti qabeenya guddaa dhalootaa dhalootatti darbu ta'uufi ragaadhaan beekamee kunuunfamuu kan qabu ta'uu himanii, kanaaf immoo kaadaastarri iddoo olaanaa akka qabuufi akka Godina Jimmaattis hojiin kun xiyyeeffannaa olaanaan hordofamaa akka jiru himaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa lafti diinagdee uummata Oromoo akkamiin jijjiruu danda'a karaa jedhuun, Oromoof lafti eenyummaasaa, lafeesaafi bu'uura jireenyasaa ta'uu hubachuun hojii guddaa hojjechaa akka jiru kan himan Obbo Tijjaaniin, kana milkeessuufis aantummaafi amanamummaa olaanaanaadhaan miira itti gaafatamummaatiin qajeelfamootaafi hojimaata ifaa akkasumas tarsiimoo gara garaa qopheessuun isaanis hogganamuun hojjechaa akka jiru himaniiru.

Akka Godina Jimmaattis abbootii warraa kuma 228 fi 84 ta'aniif lafti hektaarri kuma 183 fi 724 safaramee abbootii warraa kuma 134 fi 526 ta'aniif kaartaan kennamuu Obbo Tijjaaniin dubbataniiru.

Hoggantuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa, sirna cimaa ijaaruuf bulchiinsa lafaa ammayyeessuun baayyee murteessaa ta'uu himanii, kaartaan lafaa ammayyaa'aan kun qonnaan bulaan qabsiisee tajaajila liqaa ittiin argachuun diinagdee dabalataa uummachuu kan dandeessisudha jedhan.

Gama biraatiinis, rakkoolee waldiddaa lafaa wajjin wal qabatanii uumamaa turan kaadaastara kanaan kan hafu ta'uu fi nama hundaaf wal qixxummaan ragaa cimaa ta'ee kan tajaajilu ta'uus dubbbataniiru.

Dabalataanis, makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuuf gosa lafaaf biyyoo isaa ogeessaaf erguun karaa dijitaalaatiin odeeffannoo gahaa argachuun oomishtummaa isaa dachaan dabaluu keessatti qooda olaanaa akka qabuufi qaama Itoophiyaa dijitaalessuu akka biyyaatti qabame milkeessuu keessaa tokkodha jechuunis dhaaman.

Qonnaan bultoonni kaartaan qabiyyummaa lafaa kennameef tokko tokkos yaada kennaniin, lafti eenyummaa isaaniitiin kan walitti hidhatu waan ta'eef mootummaan qajeelfama safartii lafaa hojiirra oolchaa jiruun mirgi qabiyyummaa lafaa isaanii mirkanaa'aafii akka jiru ibsaniiru.

Oromia Region National Governance Bulchiinsa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaaኦሮሚያ ክልል ብሔራዊ አስተዳደር
08/11/2025

Oromia Region National Governance
Bulchiinsa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa
ኦሮሚያ ክልል ብሔራዊ አስተዳደር

Address

New Ways
Sebeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ኦሮሚያ ክልል ብሔራዊ አስተዳደር posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share