04/06/2026
Itoophiyaanotni Filataniiru; Itoophiyaan Injifateetti!
= =
Seenaan filannoo biyya keenyaa yeroo dheeraaf qajeeltowwan sirna dimokiraasii karaa eegeen gaggeeffamaa ture jechuun hin danda'amu. Haa ta'u malee, Filannoon marsaa 6ffaa qormaatawwan hedduu keessatti ijaarsa sirna dimokiraasiif bu'uura cimaa kaa'eera.
Filannoon marsaa 7ffaa immoo seenaa filannoo biyyattii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun ijaarsa sirna dimokiraasiifi mootummaa eeyyantaa uummataa qabu ijaaruuf kutannoo mootummaafi paartilee morkattootaa akkasumas, hirmaannaa uummata bal'aatiin hojii guddaa raawwachuun danda'ameera. Filannicha fashaleessuuf keessaafi alaa shiraafi dabni qindaa'aan hojjatamus miiliyoonotni hirmaachuun milkaa'inaan raawwatameera.
Hundaa ol fedhiifi hawwiin Itoophiyaanonni Mootummaa cimaafi sirna dimokiraasii waaraa ijaaruuf qaban ifatti mul'ateera. Kunis egeree biyyaattiitti abdii guddaa kan uume, mootummaafi uummata gidduutti amanamummaa jabaa kan ijaaredha.
Abbootiin Amantaa, Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa, Dubartoonni ulfaa, Haadholiin Deessuun, Qaama miidhamtoonniifi kutaaleen hawaasaa adda addaa fedhiifi xiiqii guddaadhaan bahanii filachuun mootummaafi sirna dimokiraasii biyya isaanii ijaaruu keessatti gahee isaanii sadarkaa olaanaan bahataniiru.
Dargaggoonniifi misirroonni hedduunis sagaleen lammii tokko biyya ijaaruufi Mootummaa murteessu keessatti humna guddaa akka qabu hubachuun buufataalee filannootti argamanii dirqama lammummaa isaanii bahataniiru.
Filannichi seenaa filannoo biyyattii keessatti karaa ifa, bilisaafi nagaan gaggeeffamuun mootummaa uummataa ijaaruun akka danda'amu seenaa ta'uun galmaa'eera.
Haala seenaa filannoo biyya keenya keessatti mul'atee hin beeknen, lammiileen, dhaabbileen biyya keessaafi idil-addunyaa, akkasumas taajjabdoonni biyyoota alaa, geggeessitoonni paartilee morkattootaa, miidiyaaleen biyya keessaafi alaa, akkasumas namoonni hawaasa keessatti dhageettii qaban hedduun filannichi dimokiraatawaa ta'uu ragaa bahaniiru.
Kanaaf, filannoon marsaa 7ffaa Mootummaa filachuu qofa osoo hin taane, Nootummaa dimokiraatawaafi eeyyantaa uummataa argate ijaaruu, Mootummaa egeree biyyattii haaromsu bu'ureessuudha.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------