Madda Walabuu Agriculture and Natural Resources Office

Madda Walabuu Agriculture and Natural Resources Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Madda Walabuu Agriculture and Natural Resources Office, Government Organization, Madda Walaabuu, Robe.

Fulbaanaa 29/2016.πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti Qophiin sanyii Avokaadoo hojjatama jira. Inisheeti...
12/10/2023

Fulbaanaa 29/2016.
πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘πŸ₯‘
Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti Qophiin sanyii Avokaadoo hojjatama jira.

Inisheetiiviiwwan Misoomaa qabaman keessaa tokko kan ta'e Inisheetiiviin Avokaadoo yoo ta'u, Sanyii qopheessuun immoo hojii hangafa waan ta'eef Sagantaan Sanyiin kun Qulqullinaa fi haala gaariin akka biqilu taasisuu(Seed treatment) Buufata biqiltuu (Nursery site) irratti taasifamaa jira. Galmoota Badhaadhinaa biyyi teenya qabatte milkeessuudhaaf Inisheetiiviiwwan Qabaman milkeessuuf hojjatama jirachuu ibsamee

Fulbaanaa, 25/2016********************Waajjira Qonnaa Aanaa Madda Walaabuu tti Haalli Hojiin Irra jiru Qoratamaa jira. S...
06/10/2023

Fulbaanaa, 25/2016

********************

Waajjira Qonnaa Aanaa Madda Walaabuu tti Haalli Hojiin Irra jiru Qoratamaa jira.
Sirni deeggarsaa fi Hordoffii Karoora kaa'ame Milkeessuu keessatti Ga'ee leencaa taphata. Haaluma kanaan Hojiiwwan akka Waajjira Qonnaa Aanaa Madda Walaabuu tti hojjatamaa turan ilaaluu fi kallattii fuula duraarratti Maricha kan gaggeessaa jiran IA Waajjira Qonnaa Aanaa Madda Walaabuu Obboo Huseen Maammoo, IA Waajjira Qonnaa Aanaa Madda Walaabuu Obboo Muhaammad-awwal H/xaahir, fi Bakka Miseensa Koree Deeggarsaa fi Hordoffii Waajjira Qonnaa Godina Boorana Bahaa Obboo Abdurahim Abdurehman (Abbaa Adeemsa C/Guddistuu Waajjira Qonnaa Godina Boorana Bahaa) argamanitti yoo ta'u Marichi ammas cimee itti fufee jira.

Badhaadhinna maatii milkeessuuf hojii Inisheetivii Qonnaa milkeessuun barbaachisaa dha.      Fulbaana 8/2016Godina Boora...
19/09/2023

Badhaadhinna maatii milkeessuuf hojii Inisheetivii Qonnaa milkeessuun barbaachisaa dha.
Fulbaana 8/2016
Godina Boorana Bahaa A/M/Walaabuuti Muuzii Sanyii Fooyya'aa (filatamaa) Dhihaate dhaabbamaa jira.

Inisheetiitivii Muuzii milkeessuuf sanyiin Dhihaatee dhaabbamaa jiru kun Ganda Waaddummaa fi karjuulitti kan jalqabame yoo ta'u dhaabbii kana irratti kan argaman I/A Waajira Qonna A/M/Walaabuu Obbo Huseen Maammoo fi ogeeyyii waajira Qonnaa akkasumas bulchoota ganda lamaanii yoo ta'u dhaabbii biqiltuu irraa eegalee kunuunsi barbaachisu hundi godhameefii Inisheetivii kana akka milkeessanii fi bu'aan barbaachisu hundi hanga irraa argamutti hordofiin barbaachisu godhamuufii akka qabu Obbo Huseen Maammoo dhaamanii jiru.

 Ganna Roobaan, Bona ammoo jallisiin Misoomsinee badhaadhina biyyaa fi maatii ni dhugoomsina.Godina Baalee Aanaa Madda W...
18/12/2022



Ganna Roobaan, Bona ammoo jallisiin Misoomsinee badhaadhina biyyaa fi maatii ni dhugoomsina.

Godina Baalee Aanaa Madda Walabuutti Facaasan jallisii qamadii Bonee akkuma itti fufetti jira.

Godina Baalee Aanaa Madda Walaabuu Ganda (Weelmal)tti facaasaan Qamadiin Jallisii bonee facaafamaa jira.

Saganticha irrattis Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Madda Walaabuu obbo Suruur Hasan, I/Gafataama Wajjira Qonna Aanaa M/W Abdulhakim Mohammed fi hoggansa qaamoleen adda addaa argamanitti facasaan egalamee jira.

Oduu MuudamaaObbo Geetuu Gammachuu Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa ta'uun muudamanii jiru.Obbo Geetuu Gammachuu hanga Ho...
17/11/2022

Oduu Muudamaa
Obbo Geetuu Gammachuu Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa ta'uun muudamanii jiru.

Obbo Geetuu Gammachuu hanga Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa ta'uun muudamanitti, Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaa Damee Qonnaa ta'uun hojiin qonnaa mala barame keessaa bahuun waggaatti yeroo lamaafi sadii gaggeessuun oomishaafi oomishtummaan qonnaa akka dabaluuf qindoomina hoggansaafi ogeessota qonnaa sadarkaan jiran waliin hojjetaniin gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Dabalataanis, biyyi keenya kadhaa jalaa baatee qamadii biyya alaarra galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuurra darbitee biyya alaatti erguuf karoora qabatte milkeessuuf Hoggansaafi Ogeessa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hoggansaafi deeggersa ogummaa xiiqiidhaan dadhabbiifi nuffii malee kennuudhaan injifannoo boonsaa galmaa'aa jiruuf gumaacha taasisaaniiru.

Yeroo ammaattis, milkaa'ina olaanaa gama hojii misooma qonnaatiin galmaa'aa jiru muuxannoofi ogummaa qabaniin caalmaatti itti fufsiisuun imala badhaadhinaa eegalle milkeessuuf Hogganaa Biiroo keenyaa ta'uun muudamaniiru.

Bara/Yeroo hojii gaarii isiinif ha ta'uu!!

Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuun jiruuf jireenya uummata keenyaa fooyyessuuf carraa gaarii qabnu hundatti fayyada...
08/11/2022

Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuun jiruuf jireenya uummata keenyaa fooyyessuuf carraa gaarii qabnu hundatti fayyadamuun qonna ammayyeessinee wabii midhaan nyaataatiin badhaadhina hunda galeessaaf murteessaadha !
=====
Onkoloolessa 29/2015 WKAMW; Godina Baalee Aanaa Madda Walaabutti facaasaan qonna jallisii guyyaa har'aa ganda Daannisa Karkarrootti bakka Bulchaan A/M/W Obbo Suruur Hasan, I/G Waajjira Qonnaa A/M/W Obbo Abdulhakiim Mahmud fi hoggansi Aanaa hedduun argamanitti itti fufee jira.

Saganticharratti argamuun Bulchaan Aanaa M/W Obbo Suruur Hasan Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira dabarree oomishaalee qonnaa al ergiif oolchuu fi galii biyyaa dabaluuf qonna ammayyeessuun murteessadha jedhan. Bara kana hojii qonnaa jallisii milkeessuun akka kanaan duraa olitti kutannoon dachaa dachaan hojjannee badhaadhina maatii fi biyya keenyaa mirkaneessuu qabna jedhan.

I/G Waajjira Qonnaa A/M/W ummanni keenya qonna jallisii bara darbe oomishnerraa bu'aa gaarii argachuurraa kan ka'e bara kanatti gandoota bishaan argaman hundarratti qonna jallisii qamadii bonee haala gaariin daballee qonna keenya jabeessinee badhaadhina maatii keenyaa milkeessuuf hojjachaa jirra jedhan. Kanuma beekanii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootni guyyaa har'aa facaasaa raawwattan kunis hordoffii cimaa godhanii bara itti aanuuf namoota hafaniifis fakkeenya gaarii akka ta'uuf dalaguu qabdu jechuun dhaamanii jiru.
Horaa Bulaa

Imala Daawwannaa Hojii misoomaa Ganda N/Oborsootti taasifame.=======================================================Jill...
06/11/2022

Imala Daawwannaa Hojii misoomaa Ganda N/Oborsootti taasifame.
=======================================================
Jilli I/G waajjira Qonnaa Aanaa M/walaabuu Obbo Abdulhakiim Muhammad, I/G A/taaytaa Eegumsaa Naanmoo Aanaa M/Walaabuu Obbo Abdunnaasir Aadam, I/G/ Lafaa Magaalaa Oborsoo Obbo Muzayyan Huseenii fi Caasaa Gandaa dabalatee hojiilee innisheetiivota Qonnaa Akka Gandaatti hojjataman daawwatan.
Daawwannaa kun Oomisha Qamadii jallisii bonee, kilaastara Boloqqee,Buufata Biqiltuu waldaa Odaa waddeessaa fi Oomisha kuduraa daawwachuun hanqinaa fi ciminni jiru adda bahee kallattiin Hojii itti Aanuu kaahameera.

06/11/2022
Qonnaan bulaaf horsiisee bulaan carraalee bishaanii naannoo isaaniitti sirnaan akka fayyadamaniif deeggarsa taasisaa jir...
27/10/2022

Qonnaan bulaaf horsiisee bulaan carraalee bishaanii naannoo isaaniitti sirnaan akka fayyadamaniif deeggarsa taasisaa jiraachuu waajjirri horsiisee bulaa fi misooma jallisii Aanaa Madda Walaabuu beeksise.
=======
Onkoloolessa 17/2015 (WKAMW); Godina Baalee Aanaa Madda Walaabuutti misooma jallisii geeggeffamaa jiru milkeessuuf jenenetaraa fi paampiin 138 horsiisee bultoota aanaaleetiif deeggarsaan raabsameera.

Horsiisee bultoonni deeggarsi taasifameef gama isaaniitiin paampiin argatan hojii misooma jallisii karaa aadaatiin geeggessaa turan hammayyeessuun of jijjiiruuf nuuf tumsa jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira horsiisee bulaa fi misooma jallisii Aanaa Madda Walaabuu Inj. Jamaal Hasan gamasaaniitiin mootummaan inisheetiviiwwan adda addaa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjataa jiraachuu fi akka aanaa keenyattis bilisummaan dhiigaan argame dafqaan utubna jechuun dubbatanii jiru.

Keessattuu inisheetivii misooma jallisiitiin qabame milkeessuuf jeneneetaraa fi paampiiwwan 138 qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota waldaa gurmaa'uun seera qabeessummaan isaa mirkaanaa'ee Aanicha keessatti argamaniif guyyaa har'aa bakka I/G Paartii Badhaadhinaa Aanna Madda walaabuu Obbo Hasan Umar, I/G Waajjira Qonnaa Obbo Abdulhakiim Mahmud, I/G Waajjira MWD Obbo Suufiyaan Abdii argamanitti karaa ifaa fi bilisa ta'een raabsamuusaa dubbataniiru.

I/G Waajira PB Obbo Hasan Umar mootummaan qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan keenya naannoo jirutti inisheetiviwwan adda addaatti fayyadamee dinagdee ofii fi biyyaa akka guddisuuf jeneneetaraa fi paampiiwwan kana waan kenneef namoonni carraan kun gahee argattanis xiyyeeffannaa fi sirnaan akka itti fayyadamuun namoota birootifis fakkeenya akka ta'an dhaamanii jiru.

Namootni waldaan gurmaa'uun jeneneetaricha fudhatanis daran hojjannee ofii fi maatii keenya jijjiiruu bira dabarree namoota biroofis fakkeenya akka taanuuf kan nu abdachiisuu dha jechuun dubbatanii jiru. Qaamni deeggarsa kana nuuf taasistanis galatoomaa jedhanii jiru.

Onkoloolessa 15,2015-Godina Baaleetti misooma jallisiitiif kan oolan Jenereetaroonni bishaanii 650 horsiisee bultootaa f...
25/10/2022

Onkoloolessa 15,2015-Godina Baaleetti misooma jallisiitiif kan oolan Jenereetaroonni bishaanii 650 horsiisee bultootaa fi qonnaan bultootaaf raabsame.

Itti Gaafatamaan waajjira Horsiisee bulaa fi Misooma Jallisii Godinichaa, Obbo Daawud Abdurrii, bara kana godinichaatti jenereetaroota misooma jallisiitiif oolan kuma 2 fi 500 qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota godinichaatiif kennuuf karoorfamee marsaa jalqabaatiin jenereetaroonni 650 aanaalee godinichaa hundaaf raabsamuu himaniiru.

Marsaa 2ffaatiinis jenereetaroonni raabsaman naannoo irraa gara godinaatti dhufaa jiraachuu Obbo Daawud himan.
Jenereetaroonni kunniin gatii gabaarra jirurraa garaagarummaa guddaa kan qabaniifi kaffaltii waggaa 4'tiin raabsamaa jiraachuu himameera.

Godinichaatti yeroo ammaa lafti heektaara kuma 30 ta'u jallisii gosa adda addaatiin misoomaa akka jirus himaame....

Hojii Deeggaruu fi hordofuun hanqinna hojii keessatti Muldhatu hirdhisuuf gargaara ================================{{{{{...
25/10/2022

Hojii Deeggaruu fi hordofuun hanqinna hojii keessatti Muldhatu hirdhisuuf gargaara
================================{{{{{{{{}}
Onkoloolessa 15/2015
Godina Baalee Aanaa Madda Walaabutti.
Koree deeggarsaaf hordoffii Waajira Qonna Gudinaa irraa dhufan wajjiin Waajira Qonnaati baldhinaan irratti mari'atame. Maricha kan gaggeessan I/G /Siyaasa Paartii Badhaadhinnaa A/M/Walaabuu Addee Gannat Toleeraa fi I/G/W/Qonnaa obbo A/Hakiim Mahmud yammuu ta'u, daawwannaa koree kanaan hanqinnaa fi ciminna jiru adda baasuun kallattii fuula duraa kaahuun xumurame jira!!!!!!!!

Address

Madda Walaabuu
Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Madda Walabuu Agriculture and Natural Resources Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Madda Walabuu Agriculture and Natural Resources Office:

Share