15/09/2026
🌳⚖️ 𝐁𝐨𝐬𝐨𝐧𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐥𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐮𝐮, 𝐌𝐚𝐧𝐜𝐚𝐚𝐬𝐮𝐮 𝐅𝐢 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐮𝐮 𝐀𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐢?
🌳 BOSONNI QABEENYA DHALOOTAA TI!
Bosona seeraan ala muruu, gubuu, mancaasuu, lafa bosonaa qonnaaf jijjiiruu, bu’aa bosonaa hayyama malee fudhachuu ykn geejjibuu jechuun itti gaafatamummaa seeraa fida!
⚖️ BU’UURA LABSII OROMIYAA Lakk. 257/2016 FI LABSII FEDERAALAA Lakk. 1065/2018
👌🏾 Labsii Oromiyaa Lakk. 257/2016, Keewwata 34 fi 35 jalatti, gochaawwan akka muka hayyama malee muruu, bu’aa bosonaa seeraan ala fudhachuu ykn kuusuu, bosona ibiddaan mancaasuu, lafa bosonaa seeraan ala qabachuu ykn qonnaaf jijjiiruu, bu’aa bosonaa hayyama malee geejjibuu fi muka sanyiin isaa badaa jiru seeraan ala muruu irratti, akka ulfaatina gochichaatti:
👉🏾 Hidhaa — hanga waggaa 15 ga’u;
👉🏾 Adabbii maallaqaa — hanga Qarshii 40,000 ga’u;
👉🏾Hidhaa fi adabbii maallaqaa walitti;
👉🏾Akkasumas, haala seeraatiin bu’aa bosonaa fi meeshaalee yakkaaf oolan irratti tarkaanfii seeraa fudhatamuu danda’a.
🔥Keessumaa, bosona ta’e jedhee ibidda qabsiisuun ykn karaa biraatiin mancaasuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 10 gadi hin taaneefi waggaa 15 hin caalle fiduu danda’a.
⚠️ 𝐘𝐀𝐀𝐃𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀:
Adabbiin murtaa’u gosa gochaa, hamma miidhaa, kaayyoo gochichaa fi haala yakkaa irratti hundaa’a. Kanaaf, bosona seeraan ala muruu ykn mancaasuun “yakka xiqqaa” jedhamee ilaalamuu hin qabu.