04/06/2026
Filannicha eenyuyyuu haa injifatuu sagaleen uummataa kabajamuu qaba- Mana Marichaa
Kallacha Oromiyaa: Caamsaa 24, 2018- Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame eenyuyyuu haa injifatuu sagaleen uummata keenyaa kabajamuu akka qabu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa hubachiise.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa yaa'ii ariifachiisaa 3ffaa gaggeesseera.
Walitti Qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo Solomoon Taaffasaa, uummanni keenyaa biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti halkaniin bahee qaama na bulcha, misooma saffisiisuun biyya keenya ceesisa jedhu filachuun biyya keenyatti aangoon sagalee qofaan darbuu qaba jedhee ergaa nuu dabarseera jedhan.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaan biyya keenya dirreen dimokiraasii bal'achuu kan agarsiisuudha kan jedhan Obbo Solomoon, adeemsi filannoon duraa, guyyaa filannoofi filannoon boodaa jiru filannichi bilisaafi dimokiraatawaa ta'uusaa kan mirkaneessedha jedhan.
Itti Aanaan Walitti Qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Ida'ee gamasaaniin, shaakallii ijaarsa sirna dimokiraasii biyya keenyaa milkeessuu keessatti hirmaannaan qaamolee siyaasaa olaanaa ta'uu ibsan.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan filannoo seenaa haaraan itti galmaa'e ta'uu ibsanii, filannichi bilisa, naga qabeessaafi dimokiraatawaa ta'ee akka raawwatamu uummata naannoo keenyaa dabalatee qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Miseensonni mana marichaas yaada kennaniin, Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa gubbaa hanga gadiitti gurmaa'uun hojii hojjatameen filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame karaa bilisaa, haqaqabeessaafi dimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamu gumaachuu ibsan.
Egeree biyya keenyaa murteessuu kan danda'u qaama biyya bulchu qofa osoo hin taane dirqama qaamolee siyaasaa hundaati kan jedhan paartileen siyaasaa kunneen filannoon marsaa 7ffaa milkiin akka xumuramu qophaa'ummaan mootummaafi uummanni keenya agarsiise dinqisiisaa ta'uu ibsaniiru.
Uummanni biyya keenyaa qorraa, aduufi rooba akkasumas rakkooleen hawaasummaa osoo isa hin daangessin dhiibbaa qaama kamiirraayuu bilisa ta'ee qaama naaf ta'a jedhu karaa nagaafi dimokiraatawaa ta'een filateera waan ta'eef sagaleen isaa kabajamuu akka qabu dhaamaniiru.
Manni marichaa yaa'isaa kanaan ibsa ejjannoo abbaa qabxii 9 baafachuun xumureera. Oliifan Raggaasaatiin
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------