11/06/2025
!
Waajjirri Barnootaa Bul. Mag. SHAAKKISOO Milkaa'inaan xumuramuu Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi Kutaa 8ffaa Bara 2017 irratti Qooda fudhattoota Galateeffate.
--------------------
Waxabajjii 04/2017
Shaakkisoo
Waajjorri Barnoota Bul. MAG. Shaakkisoo Nagaafi Tasgabbiin xumuramuu Qormaata Naannoo Xumura Barnootaa Sad. Giddu Galeessaa Kutaa 8ffaa har'a xumurameefi Qormaata Xumura Barnootaa Sad.1ffaa Kutaa 6ffaa torban darbe xumurame ilaalchisee qaama milkaa'ina kanaaf gahee olaanaa taphatan hunda galateeffateera.
Qormaatni kutaa 8ffaafi 6ffaa barattoota kuma 3 ta'an, buufata/wiirtuu 3 keessatti marsaa lamaan kennamaa ture har'a 04/10/2017 milkaa'ina hunda galeessaa ta'e galmeessisuun Nagaa fi Tasgabbiin xumurameera.
Kunis barattoota waliigala kutaa 6 ffaa fi kutaa qormaataaf galmaa'an 3185 keessa dhiira 1369 Dub 1634 Ida'ama 3003 manneen barnootaa 12 irraa walitti babba'anii milkaa'inaan qormaata xumuruu isaanii gammachuu guddaa qabaachuu keenna ibsina.
Galma gahiinsa kanaaf haawasa keenya dabaltee;
Nageenyaa sadarkaan jru, keessattuu,
• Qajeelcha poolisii Bul. Mag. Shaakkisoo,
• Barsiisota,
• hoggansa MBfi Supparvaayizaroota,
• Gumii Tiraansifoormeshinii Barnootaa sadarkaan jiran hundi,
• Maatii barattootaa,
• Barattoota qormaata fudhatan hunda,
• Hawaasa barnootaa hunda,
• Hoggansaa sadarkaan jiruu fi ogeessa barnootaa Magaalaa keennaa fi waliigalatti qooda fudhattoota hunda Galateeffateera. GALATOOMAA !!
Milkaa'ina qormaata Naannoo irratti galmeessifne kana qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 irrattis akka lammeeffannu ammas gurmuu tokkoon akka xumurru deeggarsi dhimmamtootaa akka itti fufu dhaamanna.
Xumurarratti Qormaatni Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sad. 2ffaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 , Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 08/207 Kan Kennamu Ta'uu yaadachiifna.
!