Girja Woreda Health Office

Girja Woreda Health Office Quality Health For All!

30/12/2025
Tajaajila Fayyaa Haadholii fi Daa’immanii Fooyyessuu Keessatti Gaheen Qaamolee Deeggartootaa Murteessaa Ta’uu Ibsame.Onk...
28/10/2025

Tajaajila Fayyaa Haadholii fi Daa’immanii Fooyyessuu Keessatti Gaheen Qaamolee Deeggartootaa Murteessaa Ta’uu Ibsame.

Onkololesa 18/2018:-Waajjirri Fayyaa Godina Gujii Raawwii hojii damee Tajaajila Fayyaa Haadholii fi Daa'immanii kurmaana 1ffaa Bara 2018 irratti qooda fudhattoota woliin gamaaggamuu eegalee jira.

Du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuuf waliingahiinsa tajaajilaa fi kenna tajaajila dhaabbilee fayyaa keessatti fooyyessuuf hojiilee hojjatamaa jiran kurmaana jalqabaa bara 2018 keessatti raawwataman sadarkaa isaanii adda baasuun kallatti raawwii hojii ariitii fi qulqullina akkasumas harcaatii hojii tajaajila damee fayyaa maatii fooyyessuuf xiyyeeffannaa kan hojjatamu akka ta'e Itti Gaafatamaa Waajjira Fayyaa Godina Gujii Obboo Tasfaayee Bariisoo dubbataniiru.

Paartii Badhaadhinaa Tajaajila fayyaa haadholii fi daa'immanii qulqullina qabu mirkaneessuun du'aatii gama kanaa uumamu yeroo kamiiyyuu caalaa hir'isuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjatamaa jiraachuu isaas eeranii, Hojii Inisheetiivii Fayyaa Fayyaa qulqullinnaa raawwachuun fayyummaa hawaasaa mirkaneessuuf kutannoo hujatamaa jiraachuu isaa obboo Tasfaayee gamaaggamicha irratti ibsaniiru.

Dhibeen onnee lubbuu namaa galaafachuudhaan akka addunyaatti sadarkaa 1ffaa irra jira. Malootni ittisa dhibee kanaa:1. S...
27/10/2025

Dhibeen onnee lubbuu namaa galaafachuudhaan akka addunyaatti sadarkaa 1ffaa irra jira. Malootni ittisa dhibee kanaa:

1. Sochii qaamaa taasisuu. Sochii qaamaa torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa dhibbaaf shantama ykn torbanitti guyyoota shaniif guyyatti daqiiqaa soddoma hojjechuun dhukkuboota onnee fi dhiibbaa dhiigaa irraa nu eega. Kun keessuma namoota sababa hojii isaanii guyyaa guutuu taa’aa oolan akka konkolaachiftootaa, hojjettoota biiroolee garagaraa fi kkf niif addatti barbaachisaadh.

2. Nyaata onnee keenyaaf fayyaalessa ta'an soorachuu: Kunis nyaata coomaa fi zayita ol'aanaa qaban, nyaata dursanii hojjatamanii gabaaf dhiyaatan (processed foods), akkasumas ashaboon keessatti baay’atan soorachuu irraa of qusachuu fi bakka isaa muduraa fi kuduraa akka raafuu, kaarota, avokaadoo, hundee diimaa nyaachuudha.

3. Ulfaatina qaamaa qixa sirriitti eeguu. Ulfaatina qaamaa qixa sirriitti eeguun kallattiin fayyaa onneef ga'ee guddaa kan qabuu fi dhibeewwaan alkallattiin dhibee onneef nama saaxilan akka dhiibbaa dhiigaa fi dhibee sukkaaraa ittisa.

4. Dhiibbaa dhiigaa ofii yeroo yeroon ilaalchifachuu, yoo olka'aa ta'e yaalaa fi jijjiiraa amalaa ogeessi fayyaa kennuun to'achuu.

5. Dhibee sukkaaraa kan qabnu yoo ta'e gorsaa fi qorsa kennamu seeraan hordofuun sukkaara ofii to'achuu.

6. Tamboo aarsuu fi naannoo namoota tamboo aarsanii turuu irraa of qusachuu.

.

18/10/2025

‎Oduu Gammachiisaa
‎=================
‎Dhaabbanni Project Harar Daa'imman rakkoo baqaqa hidhii/laagaa qaban onkoloolessa 17-19/2018 magaalaa Adaamaa hospitaala Yooyyaatti tajaajila yaalii bilisaa kennuuf qophii xumuree waan jiruuf,daa'imman rakkoo baqaqa hidhii/laagaa (Cleft Lip/Palate) qaban carraa kanatti akka fayyadamanii jechaa guyyaan osoo hin gahin dura dursanii galmaa'uu akka qabdanii fi nama daa'ima sani fidee deemuun baasii dhaqaa fi galaa nama tokkoo dhaabbatichi kan kanfaluuf ta'a.

Waajjira Fayyaa Aanaa Girjaa
Waajjira Ispoortii Aanaa Girjaa
Kominikeeshiinii Aanaa Girjaa
Paartii Badhaadhinaa Aanaa Girjaa

Naannoo Oromiyaatti Bara Kana Dhiiga Yuunitii Kuma 100 Ol Walitti Qabuuf Hojjatamaa Jira: Aadde Samiiraa UmarOnkolooless...
18/10/2025

Naannoo Oromiyaatti Bara Kana Dhiiga Yuunitii Kuma 100 Ol Walitti Qabuuf Hojjatamaa Jira: Aadde Samiiraa Umar

Onkoloolessa 8/2018 – Naannoo Oromiyaa keessatti bara kanatti dhiiga yuunitii kuma 100 ol walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu ogeettii tajaajila Baankii Dhiigaa Oromiyaa, Aadde Samiiraa Umar himan.

Aadde Samiiraan akka jedhanitti, baankiin dhiigaa Oromiyaa qaamolee mootummaa, dhaabbilee barnootaa fi hawaasa bal’aa waliin ta’uun, hojii dhiiga walitti qabuu saffisaa fi tarsiimoo qabatee itti fufaa jira.

“Mannen barnootaa lubbuu namaa baraaruu keessatti gahee olaanaa qabu, sababni isaas barattoonni fi barsiisonni keenya of-eeggannoo fayyaa fi gargaarsa namoomaa keessatti qooda guddaa qabu,” jedhan Aadde Samiiraan.

Akka ibsa isaanii itti aanutti, Baankiin Dhiigaa Damee Shaashamannee hojii dhiiga walitti qabuu irratti baay’ina yuunitii guddaa galmeessuun beekkamtii biyyaalessaa argatee jira.

Baankichi, hawaasa keessaa dandeettii deeggarsa namoomaa dagaagsuuf, tarsiimoo dhiiga walitti qabuu bara kanaa haaraa hojiirra oolchee jiraachuu eerame.

Address

Oromia Region

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Girja Woreda Health Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share