Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Miyoo

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Miyoo MIYO ATTORNEY

Bulchiinsii Godina  Keenyaa baayyinna hojii fi itti gaafatamummaa sekitericharratti gatame hubachuun xiyyeeffannaa kennu...
11/08/2023

Bulchiinsii Godina Keenyaa baayyinna hojii fi itti gaafatamummaa sekitericharratti gatame hubachuun xiyyeeffannaa kennu keessaniif Galata qabdan. Bulchiinsaa fi Manneen Maree Aanalee hundaas Hubannoo duraan qabdanii fi xiyyeeffannaa Mootummaan gubbarraa kenne fudhachuun qabatama Aanalee keessanii irratti hundaa'uun baajataa fi loojistika rakkoo Mana hojichaa furu akka ramaddamaniif abdii cimaa isinirraa qabna.

14/05/2023

Dhimmoota lama(2) gurguddoo furmaata
==//====//========//======//========
argatan_by Mulisa Edgeta
=======
Qoodinsi aangoo Manneen murtii federaalaa fi Manneen murtii Naannoolee jidduutti taasifame Aangoo hundee dubbii jennaan moo aangoo biyyoolessaa jennaan? Dhimmoota federaalaa Naannoleen bakka bu’iinsaan ilaalaa jiran ilaachisee manneen murtii federaalaa kallatiin ofitti fuudhanii yoo ilaalan Aangoo qabuu?
Manneen murtii biyya keenyaas ta’ee naannoo keenyaa dhimma dhiyaateef ilaalanii murtii kennuun dura dhimmicha ilaaluuf aangoo qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu akka qaban seera adeemsa falmii hooggananiin tumamee jira. Aangoon kunis Aangoo biyyoolessaa(judicial jurisdiction), Aangoo hundee dubbii(material jurisdiction, fi aangoo tooraa(local jurisdiction) jedhamee akka qoodamu beekamaa dha. Haata’u malee biyyi keenya bara 1987 kaasee caaseffama sirna federaalaawaatiin bulaa waan jirtuuf qoodinsi aangoo manneen murtii Federaalaa fi manneen murtii nannolee jidduutti (heera mootummaa federaalaan kan taasifame dhabamus) taasifame kun aangoo hundee dubbii moo aangoo biyyoolessaa kaasisaa? Gaaffii jedhuuf ogeessotaa seeraa bira yaadni walfakkataan hin jiru. Gariin ogeessotaa aangoo hundee dubbiiti yoo jedhan kanneen biroo ammoo Aangoo biyoolessaatti jechuun murtiis ta’ee yaada kennaa turaniiru. Gareen lameenuu falmii isanii seeraan deeggaruun dhiyeessaa turaniiru. Amma garuu walfalmiin kun xumura waan aragte fakkaata.
Manni murtii waliigala federaalaa Dhaddachi ijibbataa galmee lakk. 219089 jiildii 25ffaa dhimma naannoo Tigiraayitti uumame tokko manni murtii ol’aanaa federaalaa kallattiin ofitti fudhee ilaale murtii kenne keessatti ijoo dhimma federaalaa ta’ee Naannolee keessatti uumame manni murtii Federaalaa kallattiin fudhee keessumeessuuf Aangoo qaba? Gaaffii jedhu waan kaasiseef dhaddachi ijibbaataa ijoo kana erga xiinxalee booda; Qoodinsi Aangoo mootummaa Federaalaa fi Naannoo jidduutti gageeffamu dhimmoota hundee dubbii kan bu’uureffate fakkaa

Gaa’illi Jaarsaaf jaartii mana murtii shariyaa sadarkaa jalqabaa federaalaatin erga diigame booda bu'aa diiggaa gaa'ilaa...
13/05/2023

Gaa’illi Jaarsaaf jaartii mana murtii shariyaa sadarkaa jalqabaa federaalaatin erga diigame booda bu'aa diiggaa gaa'ilaa kan ta'e gaaffii qooddaa qabeenyaa irratti ka'u ilaalchisee manni murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa ilaaluuf aangoo hundee dubbii hin qabu jechuun dhaddachi ijibbaataa lakk.galmee 175719 irratti gaafa guyyaa 21/2/2013 murtii dirqisiisaa kennee jira.

Join my telegrame channel

12/05/2023

⚖️ Lafa Baadiyaa Vs Seera Haaraa Labsii Lakk.248/2015:
======================
➡️ fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa:
Mirga argannaa lafa baadiyyaa
Labsiin Lafa baadiyyaa lakk.248/2015 keewwata 5 jalatti qajeeltoowwan bu’uuraa,abbaa qabeenyummaa,haala argannaa,dabarsa,itti fayyadama,walqixxummaan itti fayyadamuu fi argachuu fi kanneen biroo of keessatti hammatee tumamee jira.

Lafti mootummaa irraa kennamu jiraatee ulaagaan keewwata 7(2) jalatti tumame kan guutu yoo ta’e,daa’imman umriin waggaa 18 gadi ta’an lafa argachuu ni danda’u jechuu dha.
Labsicha keewwata 7 jalatti Uummanni waliin ta’uun lafa dheedichaa,burqaa bishaanii,bakka amantii,bakka awwaalchaa,fi tajaajila hawaasaa biroof oolfatu argachuuf mirga ni qabaata jechuun tumameera.

Mirga dubartootaa ni kabachiisa yaadama jedhu irraa kan ka’e keewwata 7(7) jalatti “abbaan warraa yookiin haati warraa gaa’ilaan jiran keessa tokko lafa baadiyyaa dhuunfaanis ta’e waloon kan hin qabne yoo ta’e,lafti baadiyyaa akka kennamuuf iyyatanii argachuuf mirga qabaachuu ibsa.

Keewwata 8 jalatti akkaataa argannaa Lafa Dhaabbilee adda addaa karaa iftoomina qabuun tumeera.Keewwata kana jalatti,dhimmoonni gurguddaan akka haaraatti tumaman:1ffaa Dhaabbileen miti-mootummaa yookiin hawaasummaa kaayyoo isaanii kan galmaan geessisuuf gargaaru mirga lafa baadiyyaa argachuu kan qabaatan ta’uu.Dhaabbileen kunniin itti fayyadamni lafa isaanii yeroon kan daanga’u ta’uu fi yeroon kun akka barbaachisummaa isaatti haaromfamuu kan danda’u ta’uutu tumamee jira.Mirgi dhaabbileen kunniin lafa irraa qabanis mirga kaayyoo dhaabbataniif qofa itti fayyadamuu yoo ta’u,mirga kireessuu,dhaalchisuu,kennaan dabarsuu,abbaa qabeenyaa yookiin nama dhuunfaa waliin misoomsuu fi wabummaan qabsisuun liqeeffachuu kan hin qabne ta’uu dha.

Qabiyyeen Lafa Baadiyyaa dhaabbilee ibsaman kanaaf kennamus hanga istandardii labsii kana keessatti tumamee yookiin dambii fi qajeelfama labsii kana raawwachiisuuf bahuutiin ol ta’uu akka hin qab

12/05/2023

✅ .Ij.MMWF Jildii 23ffaa L.G.153228 ta'erratti"ragaan tokko yeroo qorannoo poolisiin gaggeessu jechi ragaan sun sadarkaa qorannootti kenne,akka adeemsa hojii A seerummaa(judicial)
ykn A/seerummaa fakkaatu(quasi-judicial) biratti dhugaa dubbachuuf kakuu raawwatee jecha ragummaa kan kenne waan hin taaneef,ragaan sun jecha ragummaa inni galmee qorannoo poolisii irratti kenne,sababa qaama abbaa
seerummaa/Mana Murtii ykn Mana Murtii fakkaatu qabu dhihaatee jechasaa jijjiireef,jechi sobaa kam akka ta'e ragaa
biraatiin sirriitti osoo hin mirkanaa'in(hin hubachiifamin),jechi ragaa gara gara ta'eef qofa ragaa gochuun,ragaan sun jecha ragaa sobaa kennuutiin yakkaan isa gaafachiisu bu'uurri seeraa kan hin jirre ta'uu" murtii dirqisiisaa kennee ture.

✅ barreeffamaa(sanada sobaa) ilaalchisee Dh.Ij.MMWF Jildii 19ffaa Lakk.Galmee 101618 fi seera yakkaa keewwata 375 fi itti aananii jiran ilaaluun ni danda'ama.

✅Ragaan soba dubbatu ykn namni ragaa barreeffamaa sobaa/ sanada sobaa qopheessu,fayyadamuu fi jijjiiru ofiifis,ummata bal'aa fi haqa biyyattiitiifis balaa guddaadha.Jechi ragaa
sodaachifamee fuudhame haqa jallisa.

✍️ Ragaa sobaa akkamitti to’achuun danda’ama?
✔️ •Hawaasni sobaan ragaa baatota irratti tarkaanfiilee adda addaa karaa afooshaalee fi duudhaa qabuun akka fudhatu kutaalee hawaasaa dhagahama qaban kan akka Abbootii Gadaa, jaarsota biyyaa fi abbootii amantaa fayyadamuun irratti hojjachuu;

✔️ •Miidhaa ragaan sobaa haqaa fi sirna haqaa irratti hordofsiisu irratti hubannoo hawaasaa cimsuuf miidiyaalee fi maloota biroo fayyadamuun ciminaan irratti hojjachuu;

✔️ •Sobaan ragaa baatota ykn qaamolee mootummaa fi kanneen biroo ragaa sobaa barreeffamaan kennan irratti akkaataa seera yakkaa biyyattii keessatti tumamee jiruun itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu fi

✔️ •Manneen Murtii sadarkaan jiran jecha ragaa fuudhuun duratti sirna kakuu akkaataa qajeelfama sirna dhaddachaatiin raawwachiisuu fi kkf ragaa sobaa to’achuuf hojiiwwan hojjatamuu qabanii dha.

18/11/2022

Hubannoo seeraa Barattootaa M Barumsa Sadarkaa 2ffaa Bokku Luboomaa tiif ogeessa seeraa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Miyoo tiin gaafa guyyaa 09/03/2015 tti kenname

Address

Oromia Region

Telephone

+251913286649

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Miyoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Miyoo:

Share