25/09/2024
𝐖𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐇𝐞𝐫𝐫𝐞𝐠𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐝𝐚𝐧 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚𝐟;
Dhaddachi ijibbaataa mana murtii waliigala Federaalaa - namni tokko itti yaadee lakkoofsa herrega baankii nama biraa irratti qarshii kan darbarsee yoo ta'e, dogongoraan yookiin gowwomfamee akka ta'e yoo hubachiise malee maallaqni sun akka isaaf deebi'u gaafachuuf mirga kan hin qabnee ta'uu isaa murtii dirqisiisaa kennee jira.
Kanaafuu, namni kamiyyuu maallaqa isaa herrega baankii nama biroo irratti dabarsee deebi'ee akka isaaf deebi'u gaafachuu kan inni danda'u - Dogongoraan ta'uu isaa guutummaatti ragaa ittiin mirkaneessu yoo qabaate fi Gowwomfamee dabarsuu isaa ragaa ifaa fi gahaa ta'e yoo dhiyeesse qofaan ta'uu isaa hubatee - IRRATTI CUQAASUU isaatiin dura of eeggannoo gahaa taasisuu akka qabu murtiin MMWF'tiin kenname kun ibseera!
Source: