06/07/2021
Raawwii Hojii #
Manni Murtii Aanaa Waamaa Hagaloo gaafa 29/10/2013 Hawaasa Mana Murtichaa hunda kan hirrmaachise Gamaggama Raawwii Hojii Kan Bara 2013 taasiseera. Gamaggama taasifameenis ciminoonni jiran akkuma jiranitti fudhatamuun hanqinoota raawwii hojii keessatti mudatan madda isaanii waliin adda baasuun kallattiin xiyyeeffannoo itti aanu akeekameera.
Xiyyeeffannoo itti aanuu keessaa miidhaa Dubartootaa fi Daa’imman irra gahuuf furmaata laachuu, namoota harka qalleeyyii ta’aniif tajaajila bilisaa akka laatamu gochuu fi si’aayinaan tajaajila laachuu cinatti dhimma qulqullina KTAS irratti daraan xiyyeeffannoo laachuun hojjetamuu akka qabau kallattiin kaa’ameera