19/03/2026
"AJANDAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA"
✍️ Namoonni gaafa rakkatan, waan hundinuus yeroo bitaa itti galu, kallattii adda addaanis yeroo jireenyi wal'aansoo qofaan guutu "Maal Waaqayyo ani mucaasaati mitii? akkasitti gobaxaa'ee jiraachuun koo kuni, gadadummaan koo kuni isatti tolaa laata?" jedhanii miira dhipinaan guuteen gaaffii gaafatu!😥
📌 Dhugaadha! Waaqayyoo mucaansaa jireenya gaddaan, dhipinaan, rakkinaan, wal'aansoo fi gadadoon guute yeroonni jiraatu ilaalee garaan isaa hin ciisu.
👉 "Kaayyoon koo galma ga'eera!" jedhees isa hin gammachiisu.
Sababni isaa Waaqayyoo miti.😊
📌 Bifuma wal-fakkaatuun Waaqayyo yeroo jireenyi mucaasaa qannoo fi bashannanaan kan guute tahu, jireenyis irraa hafeefii, mucaansaa mana mooraa bal'aa ijaarratee, mooricha keessammoo konkolaataa hiriirsee, mucaansaa mana keessaa cooma muraachaa, bookammoo unachaa jiraatu argees garaan isa hin ciisu- hin ililchus!
Waaqayyo "Woow! Amma jireenyi mucaa kootii wal-qixxaateeraaf, akkan karoorseefittis galma gaheeraaf!" jedhees hin utaalu!
👉Sababni isaa Waaqayyo miti waan taheef!😊
📌 Waaqayyoo nu ilaalee yoom garaan isaa ciisaa? Yoomis ililcha? Gaafa nuti Konkolaataa bitannu moo gaafa nuti gatii taaksii dhabne lafa deemnu? Gaafa nuti mana ijaarannee itti gallu moo gaafa nuti kiraayii manaalle kaffalachuu dadhabnee liqiif hiriyyaatti bilbillu? Yoomi mee?
👉 Waaqayyoo nu ilaalee kan inni ililchu, garaan isaas kan gammadu, gaafa sanas, gaafa kanas miti!
🔥 Waaqayyoo waa'ee keenyaaf ajandaa tokkittiitu isa dhiba! Ajandicha qofaatus teessoorra isa kaasa!
Innis "Mucaan koo ilma koo Yesuus Kristoosiin fakkaachuutti guddachaa jira moo hin jiru?" isa jedhuudha.
📖Rom. 8: 29
“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.”
👉 Isa kaleessaa caalaa Kristoosiin fakkaachaan jirra taanan garaan Waaqayyoo ni ciisa! Isa kaleessaa caalaa yoo hammaannemmoo garaan Waaqayyoo ni gadda!