Mana Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor, Government Organization, Iluu Abbaa Boor, Metu.

Manni Murtii Ol’aanaa bu’uuraan Mana Murtii
ol’iyyannoo ta’ee, hir’ina yookiin dogongora seeraa yookiin ijoo dubbii, Walumaagalatti hir’ina murtiin Mana Murtii jalaa qabu ol’iyyannoon dhagayee sirreessuuf hojjata.

‎‎📢 LEENJII MANNEN MURTII AADAA GODINA ILUU ABBAA BOOR MILKAA’INAAN XUMURAME! 🎓‎‎📅 Ebla 14, 2018‎‎Leenjiin ijaarsa dande...
22/04/2026

‎‎📢 LEENJII MANNEN MURTII AADAA GODINA ILUU ABBAA BOOR MILKAA’INAAN XUMURAME! 🎓

‎📅 Ebla 14, 2018

‎Leenjiin ijaarsa dandeettii Manneen Murtii Aadaa Godina Iluu Abbaa Boor irratti xiyyeeffate, Yunivarsiitii Mattuu waliin tumsuun bakka tokkotti qindaa’ee kenamaa ture, milkaa’inaan xumurameera. 🎉

‎Leenjiin kun hubannoo jaarsoolii Manneen Murtii Aadaa cimsuun, hojii isaanii dudhaa, safuu fi aadaa hawaasaa irratti hundaa’ee sirnaan akka raawwatamuuf shoora olaanaa taphateera. Hirmaattonni leenjichaa beekumsa fi ogummaa argatan hojii isaanii duraanii caalaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuu akka danda’an hubannoo gahaa horataniiru. ✔️

‎Leenjii kana boodarra, raawwii hojii Manneen Murtii Aadaa ol-dabarfataa Godinichaa keessatti mul’ateen, qulqullinni galmee, saffisni tajaajilaa fi naamusni hojii fooyya’ee sadarkaa gaariin akka olka’e ifatti mul’ateera. 📈
‎🏆 Keessumaa, Mana Murtii Aadaa Ol-dabarfataa Aanaa Bachoo raawwii isaa gaarii ta’een sadarkaa 1ffaa qabachuun badhaafameera. Badhaasni kenname kun meeshaa elektirooniksii (Desktop Computer) yoo ta’u, MMWO MM Aadaa rawwii garii qabaanuf akka kenaamu Pireezdaantii MMO Kennee ture, Manni Murtii Ol’aanaa Godina Iluu Abbaa Boor kun hojii isaanii deeggaruuf badhaaseera. 💻✨
‎Akkasumas, manneen murtii biroo illee badhaasa argachuun kaka’umsa isaanii akka cimsatan taasiseera.

‎🔍 Dhumarratti, Kabajamtuun Pireezdaantii Aaddee Kadijjaa Mohamed sagantaa cufinsaa irratti argamuun haasawa isaanii keessatti:
‎“Leenjii argattan gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun, hojii Manneen Murtii Aadaa aanaalee keenyaa gara sadarkaa olaanaatti ol guddisuun dirqama isin irra jira” jechuun dhaamaniiru. 🎤

‎🙏 Leenjii bareeda,Hawwataa fi bu’a qabeessa sirnaan qindaa’e kana Yunivarsiitii Mattuu qopheessuu fi milkeessuu keessatti qooda fudhattoota hundaaf galanni guddaan dhiyaateera.
‎📍

📢 LEENJII IJARSA DANDEETII – MANNEN MURTII AADAA GODINA ILUU ABBAA BOOR🎓 Leenjiin ijaarsa dandeetii irratti xiyyeeffate,...
22/04/2026

📢 LEENJII IJARSA DANDEETII – MANNEN MURTII AADAA GODINA ILUU ABBAA BOOR
🎓 Leenjiin ijaarsa dandeetii irratti xiyyeeffate, Labsii hundeeffamaa fi beekamtii Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa Lakk. 240/2013 irratti hundaa’e, University Mattuutti ifatti eegalameera.
Ebla,14 bara 2018
********///////********//////*******/////******////******//////******
🗣️ Leenjicha irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Kabajamoo Pireezdaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Iluu Abbaa Boor, Aaddee Kedijjaa Mohamed, ergaa isaanii keessatti:
👉 “Hoggansootaa fi ogeessoota University Mattu, gaaffii keenya bu’uureeffachuun hanqina dandeettii seera ammayyaa jaarsoolii Manneen Murtii Aadaa Aanaalee Godina keenyaa guutuuf leenjiin akka nuuf kennamuuf nu deeggartan galatoomaa. Beekumsa fi muuxannoo keessan nuuf qooduu keessaniif maqaa hawaasa Mana Murtii Godinichaan kabajaa fi galata guddaa isiniif dhiyeessina,” jechuun isaanii ibsaniiru.
🔹 Dabalataanis Manneen Murtii Aadaa utubaa nagaa fi tasgabbii hawaasa keenya ta’uu eeranii; garuu addunyaan jijjiiramaa waan jirtuuf, beekumsi aadaa jaarsoolii fi seerri ammayyaa walitti dhufuun, haqni hawaasni argatu caalaatti amansiisaa, guutuu fi itti quufinsa haqa Ummaata mirkaneessuu qabnaa jedhaniiru.
🔹 Akkasumas, leenjiin kun seerota bu’uuraa biyyattii hubachuudhaan mirgoota namoomaa kabachiisuufi seera aadaa fi idileen wal deeggaruun haqa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsanii, carraa guddaa uumeera jedhaniiru.
👥 Hirmaattoota Leenjichaa:
✔️ Jaarsoolii Manneen Murtii Aadaa Aanaalee Godina keenyaa
✔️ Pireezdaantonni Manneen Murtii Aanaalee Godina keenyaa hunda
🤝 Hirmaannaan isaanii muuxannoo waliif qooduu fi sirna haqaa aadaa daran cimsuuf bu’uura jabaa kaa’aa jira.
📍 Leenjichi University Mattu keessatti kennamaa kan jiru yoo ta’u, hojii sirna haqaa aadaa ammayyeessuu fi tajaajila hawaasaaf kennamu fooyyessuuf shoora olaanaa qaba.
🔍 Dhumarratti, leenjiin kun bu’aa qabatamaa fiduun hojii Manneen Murtii Aadaa Aanaalee keenya gara sadarkaa olaanaatti ol guddisuuf abdii guddaa qaba.




‎📢 MARII HAWWASAA MANNI MURTII OL’AANAA GODINA ILUU ABBAA BOOR GAGGEESSE‎======//=====//‎‎📅 Ebla 07, 2018‎‎Manni Murtii ...
15/04/2026

‎📢 MARII HAWWASAA MANNI MURTII OL’AANAA GODINA ILUU ABBAA BOOR GAGGEESSE
‎======//=====//

‎📅 Ebla 07, 2018

‎Manni Murtii Ol’aanaa Godina Iluu Abbaa Boor, KBIX, dhimmoota ijoo hojii Mana Murtii irraatti xiyyeeffachuun, marii hawwasaa Mana Murtii Ol'aanaa godinichaa waliin gaggeesseera.
‎Marii kana keessatti, gamaaggama raawwii karoora hojii kurmaana 3ffaa irratti duub-deebii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa irraa kennamee fi kallattii hojii fuulduraa milkaa’ina karoora waggaa mirkaneessuuf barbaachisan irratti mariin gadi fageenyaan gaggeeffameera.

‎🔍 Marii kanaan irratti kan xiyyeeffataman:
‎🔹 Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa sadarkaa olaanaatti mirkaneessuu
‎🔹 Si’oomina hojii fi saffisa murtii kennuu cimsuu
‎🔹 Dhaqqabamummaa tajaajila Abbaa seerummaa hawaasaaf bal’isuun fooyyeessuu
‎🔹 Naamusaa fi ogummaa hojjettootaa guddisuu
‎🔹 Bulchiinsa keessoo ammayyeessuun, sirna mana murtii gara “E-Court” tti ceesisuu

‎💬 Mariin kun haala hirmaachisaa fi iftoomina qabuun gaggeeffamee, keessumaa duub-deebii gabaasa raawwii hojii godina keenyaa irratti qaamolee olaanoo irraa kenname irratti xiyyeeffannoon bal’aan taasifameera.

‎📌 Xumura irratti, hirmaattonni marii kanaa, kallattiiwwan kaa’aman irratti hubannoo waliigalaa uumuun, hanqinoota mul’atan sirreessuu fi ciminoota jiran daran cimsuun, tajaajila abbaa seerummaa si’ataa, qulqullina qabu fi hawaasaaf dhaqqabamaa ta’e laachuun hojjechuun akka barbaachisu irratti walii galan.

‎✅ Manni Murtii Ol’aanaa Godina Iluu Abbaa Boor, hojii isaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf murannoo cimaa qabaachuun, hojii haaromsaa fi ammayyeessa tajaajila seeraa irratti cichoominaan akka itti fufu ibsameera.

Bu'aa Xumura Dorgommii Ofiseera Seeraa fi Abukaatoo Ittisaa Manneen Murtii Aanaalee Godina Iluu Abbaa Boor
15/04/2026

Bu'aa Xumura Dorgommii Ofiseera Seeraa fi Abukaatoo Ittisaa Manneen Murtii Aanaalee Godina Iluu Abbaa Boor

‎Manni Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor:Marii Google Meeting'n Gaggeesseera.‎======//=====//‎Ebla bultii 06,2018‎M...
14/04/2026

‎Manni Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor:Marii Google Meeting'n Gaggeesseera.
‎======//=====//
‎Ebla bultii 06,2018
‎Manni Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor gamaaggama kurmaana 3ffaa irratti duub-deebii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin kenname fi kallattii hojii fuula duraa haala itti karoora waggaa milkeessuuf qabnu irratti hooggantoota Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Qindeesitoonni Kilaastaraa irraa kenname kanneen:
‎🔹 Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuu,
‎🔹 Si’oomina hojii Manni murtii qaban cimsuu,
‎🔹 Dhaqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa kallattii hundaan fooyyeessuu,
‎🔹 Naamusaa ogummaa dagaagsuu,fi
‎🔹 Gaarummaa bulchiinsa keessoo fi MM gara "E-Court" tti ceesisuu walqabatan irratti Pirezidaantota Manneen Murtii Aanaalee waliin mariin karaa "Google Meeting'n" bal'inaan gaggeeffamee keessattu duub-deebii qaama gabaasa godina keenya duubbiseen kenname irratti xiyyeeffannoon akka irratti hojjetamu qabu hubatameera.

‎📢 GAMAAGGAMA RAAWWII KAROORA HOJJII (BIX) KURMAANAA 3FFAA BARA 2018 – MANNEN MURTII GODINAA ILUU ABBAA BOOR MILKAA’INAA...
04/04/2026

‎📢 GAMAAGGAMA RAAWWII KAROORA HOJJII (BIX) KURMAANAA 3FFAA BARA 2018 – MANNEN MURTII GODINAA ILUU ABBAA BOOR MILKAA’INAAN XUMURAME ⚖️✨⚖️✨⚖️✨⚖️✨⚖️✨⚖️✨⚖️✨⚖️✨

‎📅 Bitootessa 26, 2018
‎********////******/////*****//////******////*****///***
‎Gamaggamni raawwii karoora hojii (BIX) kurmaanaa 3ffaa bara 2018 kan Manneen Murtii Godinaa Iluu Abbaa Boor guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameera. Waltajjii kana irratti hojiiwwan kurmaana 3ffaa keessatti hojjetaman qulqullina, si’oominaa fi dhaqqabamummaa tajaajila haqaa cimsuuf raawwataman bal’inaan ilaalamaniiru. 📊📚

‎Akka bu’aan gamaggamichaa agarsiisutti, Manni Murtii Ol’aanaa Godinaa Iluu Abbaa Boor tajaajila seeraa teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuun saffisaa fi haala ammayyaa ta’een akka kennamu gochuuf hojii bal’aa hojjechaa jira. 💻⚖️

‎📈 Kurmaanota sadan darban keessatti:
‎• Galmeewwan waliigalaa 10,632 galmaa’an keessaa
‎• Galmeewwan 10,212 irratti murtiin kennameera
‎• Kunis raawwii 96.15% ta’uun bara darbe yeroo walfakkaataa (90.03%) irra fooyya’iinsa guddaa agarsiiseera. 📊🚀

‎Bu’aan gaarii kun tumsa qooda fudhattootaa fi aarsaa hawaasa godinichaa irraa kan madde ta’uu ibsameera. 🤝💡
‎Kana malees:
‎🏛️ Manneen Murtii Aanaalee
‎🏢 Manneen Sirreessaa
‎⚖️ Waajjira Abbaa Alangaa
‎👮‍♂️ Qajeelcha Poolisii

‎waliin ta’uun faayila elektirooniksii fi dhaddacha halaalaa (online hearing) hojiirra oolchuun, abbootiin dhimmaa osoo imala hin godhiin sadarkaa aanaa fi gandoota irraa tajaajila akka argatan taasifamaa jira. 🌐📂

‎📍 Tajaajilli falmii elektirooniksii gandoota 111 keessatti kilaasteraan diriirfamee, galmeewwan 647 ittiin keessummeeffamuu jalqabeera. Kunis saffisummaa fi dhaqqabamummaa tajaajila haqaa daran fooyyeessuuf shoora olaanaa qaba. ⚡📑

‎🎯 Dhumarratti, Bakka Bu’aan Pireezdaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godinaa Iluu Abbaa Boor Kabajamttuu Aaddee Kadijaa Mahammaad, hojii kurmaana 3ffaa keessatti galmaa’e bu’uura godhachuun, raawwii karoora bara 2018 hafe qulqullinaa fi si’oominaan akka milkeessinu cimsanii hubachiisaniiru.
‎✔️ Sadarkaa qulqullinaa eegame galmaan ga’uuf
‎✔️ Godina keenya dorgomaa taasisuuf
‎✔️ Walta’iinsa cimsuun hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. 🤝🏆

‎🌟 Gamaggamni kun milkaa’inaan xumuramuun karoora waggaa guutuu galmaan ga’uuf kaka’umsa haaraa uumeera. 🚀
‎ ⚖️ 💻 🏆

‎📢 GAMAAGGAMA RAAWWII KAROORA HOJJII (BIX) KURMAANAA 3FFAA BARA 2018 – MANNEN MURTII GODINAA ILUU ABBAA BOOR 🏛️⚖️‎‎Gamag...
03/04/2026

‎📢 GAMAAGGAMA RAAWWII KAROORA HOJJII (BIX) KURMAANAA 3FFAA BARA 2018 – MANNEN MURTII GODINAA ILUU ABBAA BOOR 🏛️⚖️

‎Gamaggamni Raawwii Karoora Hojjii (BIX) Kurmaanaa 3ffaa Bara 2018 kan Manneen Murtii Godinaa Iluu Abbaa Boor irratti xiyyeeffate, guyyaa Bito 25–26, Bara 2018 guyyoota lama walitti aananiif gaggeeffamaa jira 📅📊. Waltajiin gamaggamaa kun hojiiwwan kurmaana darbe keessatti raawwataman madaaluu, ciminoota jajjabeessuu 💪 fi hanqinoota mul’atan irratti furmaata kaa’uuf 🎯 kaayyeffateera.

‎/////////////////***

‎🔹 Bito 25, Bara 2018 🗓️
‎Sagantaan gamaggamaa kun haasawa baniinsaatiin kan jalqabame yoo ta’u, haasawicha kan jalqabsiisan Kabajamoo Bakka Bu’aa Pireezdaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Iluu Abbaa Boor, Aaddee Kadijaa Mahammaad dha 👩‍⚖️🎤.

‎Aaddeen Kadijaan haasawa isaanii keessatti akka ibsanitti:

‎«“Gamaaggamni hojiilee kurmaana 3ffaa kanaa bu’aa qabatamaa fiduuf hirmaattoonni waltajjichaa hundi xiyyeeffannoo cimaa kennuun itti hirmaachuun marii ijaarsa qabu gaggeessuun barbaachisaa dha.” ✍️📌»

‎Akkasumas hojiiwwan Manneen Murtii keessatti itti gaafatamummaa ✔️, iftoomina 🔍 fi qulqullina tajaajilaa ⭐ cimsuuf gamaggamni akkasii shoora olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

‎🔹 Hirmaattota Waltajjii 👥
‎Waltajjii gamaggamaa kana irratti qaamoleen armaan gadii hirmaataniiru:
‎🏛️ Koree Bulchiinsaa Mana Murtii Ol’aanaa Godinaa (MMO)
‎⚖️ Pireezdaantoota Manneen Murtii Aanaalee (MMA)
‎📑 Dursitoota Garee Karooraa Manneen Murtii Aanaalee

‎🔹 Kaayyoo Gamaaggamaa 🎯📊

‎Gamaggamni kun gabaasa hojiiwwan kurmaana 3ffaa keessatti raawwataman irratti xiyyeeffachuun:

‎✔️ Sadarkaa raawwii karooraa madaaluu
‎💪 Ciminoota jiran adda baasuu fi jajjabeessuu
‎🔎 Hanqinoota mul’atan irratti mari’achuun furmaata kaa’uu
‎⚖️ Tajaajila haqaa saffisaa, loogii irraa bilisaa fi qulqulluu taasisuuf kallattii kaa’uu
‎📈 Hojiiwwan itti aanan bu’a qabeessa taasisuuf hubannoo waloo uumuu

‎Waltajjii kana irratti gabaasni Manneen Murtii Aanaalee dhiyaachuun📑, yaada bal’aan kan kennamu 💬 fi gaaffii fi deebiin bal’aan kan gaggeeffamu ta’uu ni eegama. Mariin taasifamu kun hojiiwwan gara fuulduraatti hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an gargaara jedhamee amanama 🤝.

‎📌 Gamaaggamni akkasii Manneen Murtii keessatti itti gaafatamummaa cimsuu, hojii sirna haqaa fooyyessuu fi tajaajila uummataaf kennamu sadarkaa ol’aanaa irraan gahuuf murteessaa dha. ??⚖️

Bu'aa Xumura Dorgommii Ofiseera Seera Mana Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor
02/04/2026

Bu'aa Xumura Dorgommii Ofiseera Seera Mana Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor

Affeerraa Yaada Uummataa Dorgomtoota Ofiseera Seeraa fi Abukaatoo Ittisaa Manneen Murtii Aanalee Godinaa Iluu Abbaa Boor
28/03/2026

Affeerraa Yaada Uummataa Dorgomtoota Ofiseera Seeraa fi Abukaatoo Ittisaa Manneen Murtii Aanalee Godinaa Iluu Abbaa Boor

Bu'aa Qormaataa MMO Godina Iluu Abbaa Boor
27/03/2026

Bu'aa Qormaataa MMO Godina Iluu Abbaa Boor

BU'AA QORMAATAA MMO GODINA ILUU ABBAA BOOR
25/03/2026

BU'AA QORMAATAA MMO GODINA ILUU ABBAA BOOR

_____________‎Ibsa Gaddaa_______________[Mana Murtii Ol'aanaa Godina I/A/Boor, Mattuu, Bitootessa 11, Bara 2018]  ______...
20/03/2026

_____________‎Ibsa Gaddaa_______________
[Mana Murtii Ol'aanaa Godina I/A/Boor,
Mattuu, Bitootessa 11, Bara 2018]
___________________________________
‎Aadde Waagaye Ahimed, Ofiseera seera Mana Murtii Aanaa Mattuu ta'uun kan tajaajilaa turan dhukkuba tasaa isaan mudateen du'aan addunya kanarra du'aan boqotan. Aadde Waagayeen, amma lubbun isaani darbutti hojii irraa kan turan ta'uufi amala gaari qabanuun amanamummaan, fayyaaluummaan fi miira tajaajiltummaan hawwasa biratti jallatamumma fi fudhatamumma guddaa kan qabanidha. Du'a isaanitin akka hawaasa Manneen Murtii Godinichatti gadda nutti dhaga'ame ibsaa, maatii, hiryootaa fi firootan isaanitif hawaasa isaan waliin hojjechaa turanif jajjabina hawwinaa!!!

Address

Iluu Abbaa Boor
Metu
123

Telephone

+251952122777

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aanaa Godina Iluu Abbaa Boor posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share