Waajjira Fayyaa Aanaa Shanan Dhuuggoo.

Waajjira Fayyaa Aanaa Shanan Dhuuggoo. Health for all

19/04/2026

Harmee dhibee Moora ijaa qabdu.

  11/8/2018.  Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggootti Calalliin Dhibee Moora ijaa B/Fayyaa Molee irratti guyyaa boruu wa...
18/04/2026

11/8/2018.
Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggootti Calalliin Dhibee Moora ijaa B/Fayyaa Molee irratti guyyaa boruu waan gaggeeffamuuf jecha namoonni dhibee moora ijaa kana qaban kanneen ijaan hin argine,qaroon isaanii rakkoo qabanii fii yaalamanii fayyuu danda'an hunduu gara buufata fayyaa moleetti dhufanii tajaajila bilisaan kennamu kana akka argatan haa taasisnuu hojiin kun guyyaa lamaaf Buufata Fayyaa kana irratti Waan itti fufuuf jecha namoonni rakkoo qaroo ijaa kana qaban iddoo jedhame kanatti argamuun carraa yaala bilisaan kennamu kanatti akka fayyadaman taasisuun,dirqama lammummaa keenya haa bahannuu.
"Dhibee yaalamanii fayyuu danda'aniin hawaasni keenya qaroo isaa bakka bu'aa hin qabne dhabuu hin qaban."
Waajjira Fayyaa Aanaa Shanan Dhuuggooti.

Faaya!!

15/04/2026

  Raawwii Hojii Waajjira Fayyaa Kurmaana 3ffaa Gaggeeffameera  7,2018.Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggootti gam...
15/04/2026

Raawwii Hojii Waajjira Fayyaa Kurmaana 3ffaa Gaggeeffameera

7,2018.Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggootti gamaaggamni raawwii hojii Waajjira Fayyaa kan kurmaana 3ffaa gaggeeffameera.

kana irratti Daareektarootaa fii I/A/Daareektaroota buufataalee fayyaa fi Ogeessootni waajjiraa irratti hirmaatanii jiru.

keessatti raawwii hojii tajaajila fayyaa walii-galaa irratti mariin bal’aan gaggeeffameera. Keessattuu tajaajila yaalaa waliigalaa, tajaajila haadholii fii daa’immanii, talaallii, ittisaa fii to’annoo dhibee daddarboo fii daddarboo hin tahin, akkasumaas hojii Aanaa Ceesisuu irratti hojjatamaa jiru irratti xiyyeeffannoon kennameera.

kun tajaajila fayyaa fooyyeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf murteessaa ta’uun ibsameera.Dhuma irrattiis hojiileen Kurmaana sadan darban keessatti harca'anii hafan Kurmaana 4ffaa kana keessatti duguugamee haala itti hojjatamuu qabu irratti kallattiin fuula duraa kaa'amuun xumuramee jira.

14/04/2026

Yaada ummataa
Score Card

14/04/2026

Lafa wal qixxeessuuf buufata fayyaa keessatti hojjatamaa ture kana fakkaata.

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Aboma Abdula Ebro, Abdurezek Mohammed, Ahmad Hf, Misra Ab...
14/04/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Aboma Abdula Ebro, Abdurezek Mohammed, Ahmad Hf, Misra Abduraman, Mohammedsani Umer, Abrahim Mahammad, Ahmed Idiris Ushee

Address

Mesela

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Fayyaa Aanaa Shanan Dhuuggoo. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share