Waajjira Daldala Bulchinsa Magaala Maqii

Waajjira Daldala Bulchinsa Magaala Maqii Ammayyummaa fi haqa qabeessummaa Daldalaa fayyadamummaa Uummataaf

30/08/2023
08/06/2023
03/06/2023
17/05/2023
16/05/2023

Diinagdee keenya jabeessuuf kaffaltoota Gibiraafi Taaksii amanamoo baay'inaan horachuu qabna!
= = =
Biyyi tokko guddina itti fufinsa qabu kan galmeessitu hojiin daldalaa, investimentii, kalaqaafi carraa hojii uumuu yoo babal'atedha. Sirna daldalaa haqa qabeessa diriirsuun namni hojjetee akka galii argatu; waan hojjete irraa akka olqusatuufi mootummaaf gibiraaf taaksii akka kaffalu dandeessisu diriiruun ammoo hojiiwwan kana si'eessuun guddina biyyaa saffisiisa.

Kaffaltoota gibiraafi taaksii waan isaan irraa barbaadamu amanamummaan yeroo barbaadametti kaffalan baay'inaan horachuun ammoo badhaadhina biyya tokkoof murteessaadha. Muuxannoon biyyoota guddataniifi qorannoowwan garaa garaas kanuma agarsiisa.

Mootummaan biyya keenyaas sirna gibiraafi taaksii sassaabuu bartee boodatti hafaan ture ammayyeessuun kaffaltoota waan hojjetan irraa amanamummaan biyya isaaniif kaffalan baayinaan horachuuf hojjechaa jira. Gama biraan biizinasii dagaagsuun maddoota galiin irraa walitti qabamu qorannoo irratti hundaa'uun babal'isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Naannoon Oromiyaaa akka biyyaatti lakkoifsa uummataa guddaa, qabeenya uumamaa fi noodiiwwan daldalaa dinagdee itti fufiinsa qabu maddisiisuu dandeessisaniin badhaatuudha.

Garuu haala mijaawaa akkasii osoo qabnuu diinagdee jabaa horachuu maaf dadhabne? Seenaan kun akkamiin jijjiiramuu dandaa? Dhuguma biyya keenya yoo jaalanne gibiraafi taaksii nurraa barbaadamu kaffaluu maaf dadhabne? Gaaffiiwwan jedhan kan uummanni keenya biyyaafi naannoo isaa jaalatu of gaafachuu qabudha.

Mootummaan naannoo Oromiyaa galii naannichaa hanga barbaadamuun guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira. Galii naannichaa biliyoona kudha jaa irra gangalachaa ture buuura irraa jijjiiruuf xiyyeeffannoo kennameen waggaa waggaan % 38 guddachaa dhufee jira. Bara 2016 kanatti ammoo galii naannichaa biliyoona 130 walitti qabuuf karoorfameera.

Galma ga'insa karoora kanaafis qaamni hunduu keessumaa kaffaltoonni gibiraafi taaksii waan isarraa eegamu hunda bahachuu qaba.

Odeeffannoo dabalataa argachuuff;
Facebook:https://www.facebook.com/oromiabc
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
YouTube: https://www.youtube.com/results?search_query=Oromia+Communication+Bureau
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
kallachaOromia: https://m.facebook.com

16/05/2023
08/05/2023

'CBE Birr' dhaan Boba'aa guuttachuuf, filannoo lama qabdu!
============
Jalqaba gara app, CBE Birr 'Quick pay' seenudhaan, 'Fuel payment' kan jedhu filachuudhaan: Lakkoofsa bilbilaa ittiin galmooftan Hanga kaffaltii Boba'aa Gosa Boba'aa Lakkoofsa gabatee fi Lakkoofsa iccitii galchuudhaan, kaffaltii raawwachuun, Boba'aa guuttachuu dandeessu.

Lammaffaan immoo
Ogeessa Boba'aa gurgurutti Lakkoofsa bilbilaa 'CBE Birr' ittiin galmooftan Lakkoofsa gabatee Hanga maallaqaa Boba'aa ittiin guuttattan himuudhaan, ergaa gababaa isin dhaqqabu bu'uura godhachuun, lakkoofsa iccitii galchitanii kaffaluun Boba'aa guuttachuu dandeessu.

****
Appilikeeshinii 'CBE Birr buufachuuf፡
Bilbila andirooyidiif ፡
https://play.google.com/store/apps/details?id=prod.cbe.birr
Bilbila appiliif፡
https://apps.apple.com/us/app/cbebirr/id1600841787

08/05/2023

Yeroo dhihootti Kaffaltiin humna ibsaa guutummaatti karaa dijitaalaan akka ta'u dhageessanii?
========+++
Kanaafuu kaffaltii ibsaa salphumatti karaa 'Moobaayil baankingii fi CBE Birr' kaffaluu dandeessu!

Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa
Baankii Yoomiyyuu itti of abdatan!

Address

Mek'i

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Daldala Bulchinsa Magaala Maqii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share