Garee hubannoo Amantaa muslimaa

Garee hubannoo Amantaa muslimaa Kun garee Amantaa muslimaati

15/02/2022

Maasha allah

Tvislaamaa is a Non-Profit Broadcasting organization that provides Islamic based Media Contents to Oromos and Muslims in General.

15/02/2022
15/02/2022

MUNAAFIQUMMAAN BAKKA LAMATTI QOODAMTI !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa Qur’aana isaa Keesatti Suuraalee hedduu fii Aayatoota hedduu keessatti waa’ee Munaafiqummaa dubbata.

Munaafiqummaan Bakka Gurguddoo Lamatti Qoodamti.

1: Munaafiqummaa Yaadaa ykn ilaalchaa
2: Munaafiqummaa Gochaa Ykn Dalagaa

• Munaafiqummaan Yaadaa : osoo Dhugaan keessa keetiin Rabbitti hin amanin gubbaa keetiin islaama fakkaattee keessa keetiin ammoo islaamummaa jibbuu fii Islaamummaa qabaachuu Dhabuudha.

• Munaafiqummaan Gochaa : Dilii gurguddoo keessaa isiin takka, fakkeenyi isii akka kijibuu fii nama ganuuti.

• Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hadiisa isaanii qulqulluu keessatti mallattoon munaafiqaa Sadii jechuun Nuuf himanii jiran. Isaaniis

1: Yeroo Haasawu Kijibuu
2: Yeroo Ballama Seene Diiguu
3: Yeroo Amaname Nama Ganuu

• Nama mallattoolee tana Qabu yoo agartan irraa gahaadha.

• Yaa Rabbii Nifaaqaa fii Munaafiqummaa jalaa najaa nu baasi, Warra akkasii nurraa fageessi, nutiis nifaaqummaa irraa nu qulqulleessi.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://www.instagram.com/ibsaa_dhugaa/

04/10/2021

Dhaamsa hatattamaa!

Abbaan Ulamaa'ii Muftii Sheikh Aadam Tuulaa hawaasni Islaamaa hundi firqaa haarawa amma baate tan maqaa firqaa himattu irraa akka of eegan dhaama. Haaluma kanaan yeroo ammaa namni Firqaa jalloo Sheekhota arrabsitu tanaan sobamaa jiraachuu dubbatanii Firqaa tanaan akka hin sobamne dhaamaniiru. Keeysattuu Hawaasa Miidiyaa irraa fagoo jiran warra baadiyyaatiif dhaamsa kana akka geessan dhaama.

Gamanumaan waa'ee Firqaa tanaa ilaalchisuun Fatwaan Sheikh Aadam Tuulaa, Sheikh Muusaa Su'aalaa dabalatee Sheekota muraasaan waraabamtee kan jirtu tahuufi dhihotti kan isin bira geessu tahuu isiniif himuu barbaada.

SHARE WALIIF GODHAA JZK..

Address

Jaarsoo
Kombolcha
ASWRWBAKMNGYJIRTAA

Telephone

+251932051281

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Garee hubannoo Amantaa muslimaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share