Barnoota Dhalootaaf/Education For Generation/

Barnoota Dhalootaaf/Education For Generation/ Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Barnoota Dhalootaaf/Education For Generation/, upon, Kemise.

Kaayyoon fuula FB kanaa barnootni godina saba Oromoo aanaa hundaa gara tokkotti fiduudha.Isaan keessaahis Leenjiifi barnoonni godinichaa haqummaan, qulqullinaan, iftoominaan fi waliin gahuun humna namaa gahaa idil-addunyaatti dorgomaa ta'e uumuu dha.

22/05/2026
10/05/2026

Hiika Barnootaa
Barnoonni hiika bal’aa fi kallaattii hedduu kan qabu yoo ta’u, gabaabinnaan akka armaan gadiitti ibsamuu danda’a:
Barnoota jechuun adeemsa beekumsi, dandeettiin, ilaalchi fi duudhaan hawaasaa dhaloota tokkoo gara dhaloota itti aanutti itti darbu dha. Inni adeemsa sammuu namaa qaruu, dandeettii uumamaa namni qabu gabbisuu fi jireenya qabatamaa keessatti rakkoo hiikuuf kan nama qopheessu dha.

08/04/2026

🏫 Waajjirri Barnootaa Aanaa Dawaa Caffaa Hojii Naannoo Mana Barumsaa Hawwataaf Mijataa Gochuun Itti fuufeera.

Qajeelcha Barnootaa Godina Bulchiinsa Saba Oromoo Bitootessa 30/2018 A.L.H

Warraaqsi manneen barnootaa keenya baruu barsiisuuf mijataa gochuu innisheetivii barnootaa biyyaalessaa fi naannoo keenya keessaa tokko dha. Kallattinis laatameera. Aanaan Dawaa caffaa qophii dursaa irraa ka'umsa isaa tolchatee manneen barnootaa hedduu baruu barsiisuuf mijataa fi hawwataa taasisaa jira. Ha'as akkuma kanaan duraa mana barumsaa Biliidaa Sadarkaa 1ffaa fi giddu galeessaa sadarkaa kanaan bareechee nu daawwachiiseera.

Bulchiinsotni aanaa fi magaalaa godina keenya jala jirtan Waajjira barnootaa aanaa irraa muuxannoo fudhaa jenna. Sababni isaa dhimma fudhachuu fi hojjachuuti malee fuullee mana barumsaa jijjiiruuf kan aanaa kanaa ol mijataa ta'e ni jira. Garuu yeroo gadi buunee ilaallu aanoonni/bu/magaalaa tokko tokko haala fullee mana barumsaa keessan irra jiru isin hin madaalu.

Barnoota Dhalootaaf! 📚✨
🔗 page Keenya
https://www.facebook.com/share/1NT1rrTv7c/
​ !!

Qophii qormaata Biyyooleessaa kutaa 12ffaa irratti Daawwannaafi mariin gaggeeffame. Qajeelchi Barnootaa, Bulchiinsa Maga...
08/04/2026

Qophii qormaata Biyyooleessaa kutaa 12ffaa irratti Daawwannaafi mariin gaggeeffame.

Qajeelchi Barnootaa, Bulchiinsa Magaalaa Kamisee Mana Barumsaa sad. 2ffaa lakk. 2tti argamuun deeggarsa qophii Qormaata biyyooleessa Daawwate. Itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa Obbo Aliyyi Tafarraa Miseensotaa manajimantii qajeelchichaa fi I/Aanaa waajjira Barnootaa Magaalichaa waliin ta'uun Sadarkaa raawwii Hojiin qophii Duraa qormaata Biyyooleessa kutaa 12ffaa Irra jiru irratti gahee qabeeyyi waliin marii gaggeesse.

Hanqinaa fi Cimina qophii godhamaa jiruu irratti ragaa Sirriifi dhugatti dhiyaate argachuuf hojiin Barattootaa kutaa 12ffaa mariisisuu, qabatama Adeemsa baruu Daawwachuu, akkasumaaa Qophii qormaataa godhamu bu'aa qabeessa taasisuuf Sochii Mana yaalii, mana kitaabaafi Kutaa ICT qaaman bakkichatti argamuun daawwatamee jira.

Hanqinaafi Cimina Marii fi daawwannann adda bahan irratti Manajimantii mana barusaa waliin mari'achuufi Hojii guyyaa har'aa irraa eegalanii xiyyeeffannaa addaa hojjataamuu qaban Adda bahanii mana barumsichaaf laatamee jira. Raawwiin Kallattii kaa'amee yeroo gabaabaa keessatti koree qajeelchi barnootaa Hojii kanaaf hundeessuun irra deebi'amee Akka madaalamu Itti Gaafatamaan Qajeelchichaa ibsanii jiru.

Qajeelcha Barnootaa Godina Oromoo

07/04/2026



Barsiistuu Taaddaluu Waaqjiraa

Barsiistuun Taaddaluu Waaqjiraa Mootummaa Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina Oromoo Aanaa Dawaa Caffaa Mana Barumsaa Tulluu sadarkaa 1ffaa hojii barsiisuummaa irratti bobbaate Argamti. Barsiiftuun kun haadha daa'imman lamaati. Akka carraa ta'ee Hojii Barsiisummaa Cinatti Daa'imman Ishee Guddisuufi kunuunsuun hojii guyyaa guyya ishee ta'ee jira..

Carraan Madaallii Eeyyama Ogummaa barsiisota har'a laatame Akka ishee hin dabarreef Daa'iimman ishee qabattee Magaalaa Kamiseetti argamuun akkuma hojii barsiisummaa sana Qormaata ishees Haalan hojjataa turte.

Ofii keenyaf yoo eeyyamne malee Rakkoon kamuu Kaayyoofi Galma Barbaadnu milkeesauu irraa akka nuun dhaabne Barsiistuu Taaddaluun Gochaan nu agarsiiftee jirti.

Galatni fi Kabajni Barsiisota keenyaaf
Qajeelcha Barnootaa Godina Oromoo

03/04/2026

With Qajeelcha Barnootaa Godina Oromoo - ኦሮሞ ዞን ትምህርት መምሪያ – I just made it onto their weekly engagement list by being one of their top engagers!

Address

Upon
Kemise

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barnoota Dhalootaaf/Education For Generation/ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share