22/08/2025
Tokkummaan dhugaa tokkummaa yaadaa fi gochaati malee tokkummaa gos tokkee ta'uu jechuu miti!
🇪🇹
👉Obboleessa koo, tokkummaan afaan tokko qofa dubbachuu, amantii tokko hordofuu, fi saba tokko qofa ta'uu irraa akka dhufu yoo amante gonkumaa dogoggortee jirta. Osoo akkas ta'ee ollaan keenya Somaaliyaa saba tokko qofa; amantiinis hundi isaanii Muslimoota; hundi isaanii sabummaan saba tokko qofa, garuu Somaaliyaan biyya tokkummaa hin qabnee fi biyyoota addunyaa mararraa biyya qoqoodamtedha.
👉Saboota hedduu, afaan hedduu, amantaa hedduu qabaachuun biyya tokko balleessa jettanii amantu taanaan dogongora keessan fakkeenyota armaan gadiitiin isiniif haa ibsu:-
🙏Addunyaa irratti Biyyoota 10 Afaan hedduu dubbatan Paapuwa Niwu Giiniin afaanota 840, Indooneezhiyaan afaan 711, Naayijeeriyaa afaan 517, Hindiin afaan 456, Ameerikaan afaan 328, Awustiraaliyaan afaan 312, Chaayinaan afaan 309, Meksikoon afaan 292, Kaameeruun afaan 274, Biraazil afaan 221 qabdi. Garuu biyyoonni kunneen ciccimoo fi biyyoota mootummaa cimaa ijaarratani dha.
🙏Biyyoonni addunyaa 57 afaan hojii tokkoo ol fayyadamu! Kanneen keessaa biyyoonni 12 afaan hojii 3, 3 qabu; Biyyoonni 41 afaan hojii 2, 2 qabu; Biyyoonni 3 afaan hojii 4, biyyi 1 ammoo afaan hojii 11 qabdi. Kanaafuu, biyyoonni birmadummaa qaban 57 afaan hojii tokkoo ol qabu; biyyoonni kunneen mootummaa isaanii jabaa fi tokkummaa isaanii bu’uura jabaa irratti ijaaran malee hin cabne.
💪Tokkummaan tasgabbii hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaaf barbaachisaa dha. Namoonni dhuunfaa yeroo walitti dhufan kaayyoo waloo galmaan ga’uufi walitti bu’iinsa karaa nagaa hiikuuf waliin hojjechuuf carraan isaanii guddaadha. Kunis haala tasgabbaa’aa fi walsimaa kan uumu yoo ta’u, kunis misoomaa fi guddina hawaasaaf barbaachisaa dha.
💪 Tokkummaan biyyoolessaa yeroo baay’ee haala lammiileen biyya tokkoo walitti dhufanii kaayyoo siyaasaa, hawaasummaa, aadaa ykn dinagdee waloo galmaan ga’uu danda'an agarsiisa.
💪 Tokkummaan biyyaaleessaa tokkummaa fi obbo