Abbaa Taayitaa Galiwwanii Damee Aanaa Nadhii Gibee

Abbaa Taayitaa Galiwwanii Damee Aanaa Nadhii Gibee Communication and education of tax payers

✍️Gibira Kaffaluu Diduun ykn kaffaluu Dhabuun Adabbii Yakkaa Akkam Hordofsisa?👇✍️SEERRII HOO MAAL JEDHA 👇 ✍️Kafalaan Gib...
04/09/2026

✍️Gibira Kaffaluu Diduun ykn kaffaluu Dhabuun Adabbii Yakkaa Akkam Hordofsisa?👇
✍️SEERRII HOO MAAL JEDHA 👇
✍️Kafalaan Gibiraa Kamiyyuu Akkaataa Labsii Gibira Galii Lakk. 202/2009tiin Mootummaaf Gibira Kafaluun Dirqama Godhuu Fi Adabbii Yakkaa Namoota Gibira Kaffaluu Didan Irratti Raawwatamu Tumee Jira .
✍️Akkasumaas Labsiin Daldalaa Lakk. 1243/2013 Keewwata 100 (1)Tiin Daldalaan Hayyamaa Daldalaa Hin Qabnees Itti Gaafatamummaa Daldalaan Hayyama Qabu Hunda Kan Qabu Tahuu Tumee Jira.
✍️Kanaafuu Kafalaan Gibiraa Dirqama Gibira Mootummaaf Kafaluu Qabu Yoo Bahachuu Dhabe Bu’uura Labsii Gibira Galii Lakk. 202/2009 Keewwata 77 Fi Labsii Bulchiinsa Taaksii Lakk. 203/2009 Keewwata 125(1) tiin Adabbii Maallaqaa Qarshii 100,000 (Kuma Dhibba Tokko) Hanga Qarshii 200,000 (Kuma Dhibba Lamaa) Gahuu Fi Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 3 (Sadii) Hanga Waggaa 5 (Shan)tiin Ni Adabama.

✍️ Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa kurfaa callee

Galiin olka'iinsa biyyaaf
25/08/2026

Galiin olka'iinsa biyyaaf

19/06/2026
17/11/2025

!🇪🇹🇪🇹🇪🇹
Gibira (tax) jechuun maallaqa ykn qarshii mootummaaf kaffalamuudha. Gibirri maaliif mootummaa kafalama?
Gibirri Faayidaalee Waloo Armaan Gadiitiifi👇

✅ 1. Tajaajila uummataa kennuuf
Mootummaan gibira uummata irraa walitti qabatee:
Ijaarsa mana barumsaa, hospitaalaa, daandii, bishaan, ibsaa fi kkf irratti baasa.
Hojiiwwan tajaajila fayyaa, barnootaa, poolisii, waraanaa fi nageenyaaf gibirri ni gargaara.

✅ 2. Diinagdee biyyaaf humna ta’uuf
Gibirri mootummaa dinagdee biyyaa akka socho’u taasisa — hojii uumuu, misoomaaf maallaqa baasuu fi daldala deeggaruuf.

✅ 3. Mootummaan of tiksuuf
Mootummaan ofii isaa, hojjattoota mootummaa, bulchiinsa, fi hojiiwwan mootummaa tiksuuf gibira barbaada.

✅ 4. Sirna fi nageenya eegsisuu
Qabeenya uummataa eeguu, seera kabachiisu fi biyya tasgabbeessuuf gibirri baay’ee barbaachisaa dha.

✅ 5. Biyya misoomsuuf
Gibirri biyya misoomsuu fi guddina waaraa fiduuf bu’uura guddaadha — biyyoonni guddatan hundi gibira irraa misooman.

Gabaabumatti:
> Gibirri mootummaa kan kaffalamuuf sababni isaa — mootummaan uummataaf tajaajila gaarii kennuuf, nageenya eegsisuu fi biyya misoomsuufi.

Galiin Nama irraa , Lammii biyya hundaaf ,.ta'ee biyyafis safartuu guddina dinagdeeti.
29/10/2025

Galiin Nama irraa , Lammii biyya hundaaf ,.ta'ee biyyafis safartuu guddina dinagdeeti.

Guddinni Dinagdee Damdaneessaa biyya keenyatti galmaa'aa jiru jijjiiramni hawaas-dinagdee roga hundaan mul'achuu eegale jabaatee akka itti fufuu fi imala gara Badhaadhinaatti taasifnu si'oomsuu keessatti shora ol'aanaa taphata.
✍️Kana hundumaaf ammoo Galiin utubaafi humna ittiin imalanidha!!,
Galiin Ol ka'iinsaafi Kabaja biyyaaf 💪💪💪

Address

Oromia Region
Jimma

Telephone

+251921512721

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abbaa Taayitaa Galiwwanii Damee Aanaa Nadhii Gibee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Abbaa Taayitaa Galiwwanii Damee Aanaa Nadhii Gibee:

Shortcuts

Share